Xannacha gadameessaa mallattoo maleessaa fi dubartoota %70 mudatu

Madda suuraa, Getty Images
Dhibeen kun dubartoota dhibbeentaa 75 hanga 80 ni mudata. Mallattoo osoo hin agarsiisin turuudhaanis beekama.
Itoophiyaa bakkeewwan garaa garaatti xannachiwwan keenyan (wall) gadameessaa ulfaatina garaa garaa qaban waldhaansa baqaqsanii hodhuutin yeroo baafaman yeroo garaa garaatti ni dhagahama.
Bara darbe Duraametti xannachi kg 20 ta’u waldhaansa baqaqsanii hodhuutin baafamuu BBCn gabaasee ture.
Xannachi keenyaa gadameessaa maalidha? Akkamittimmoo uumama? Waldhaansi isaahoo maalidha jennee Yuunivarsiitii Waldiyaatti ispeeshaalistii gadameessafi ulfaa kan ta’an Dr. Mogas Barihee waliin turtii taasifneerra.
Xannachi gadameessaa keenyaa kun ‘Yutiriin Faabrooyids’ ykn ‘Maayomas’ jedhamuun beekama.
Maalummaa xannacha gadameessaa baruuf kutaalee gadameessaa ilaalun gaaridha: balbala gadameessaa, dallaa gadameessaa, ujummoo gadameessafi sanyii gadameessati.
Keenyan gadameessatuu kutaalee qaba: laguu ji’aa ta’ee kan dhangala’u jira, isa duuban maashaan gadameessaa jira; isa duubaan ammoo golgaa biraatu jira. Golgaan kun kutaa dhumaafi gara alaatti aanudha.
“Xannachi keenya gadameessaa kan biqilu kutaa maashaa irraayi,” jedhu jechuun xannachi kun suuta guddataa akka deemu dubbatu Dr. Yoonas.
Xannachi keenya gadameessaa sababa garaa garaatin akka biqilu himu ogeessi fayyaa kun. Seeliin xannacha keenyaa gadameessaa ofiin of-baay’isee hanga guddina garaa garaa akka qabaatu kan godhu hangi hormoonii baay’achuurraa kan ka’eedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xannachi kun baay’atee akka guddatu kan taasisu ammoo hormooniin pirojastiroonii dabaluu isaati. Uumamaan baay’achuun hormoonii dhukkubbii Polycystic ovarian syndrome jedhamu qaba.
Saaxilamummaa dubartootaa gaafa ilaallu kanneen umurii 20 hanga 40 oota keessa jiran irratti baay’ata.
“Adda durummaan kan saaxilaman kanneen umurii dahuu danda’uu kana keessatti argamaniidha. Baay’een isaanii [xannacha gadameessaa] qabaachufi dhiisuu isaanii hin beekan. Kan biraa ammoo yeroo altiraasaawundii ka’an dubartoota heddu xannachi hangi isaa garaa gara ta’e keenyan gadameessa isaaniirratti ni argama,” jechuun ibsu.
Mallattooleen hedduun xannachawwan qabaachuu dhiisuu malanis, xiqqoollee haa ta’u malee xannacha keenyaa gadameessaa ni qabu jedhama.
Dubartoonni laguunsaanii dafee dhufus xannacha kanaaf saaxilamoodha. Dr. Mogas akka jedhanitti, dubartoonni hin ulfoofne ykn maseena ta’anis baay’ensaanii saaxilamoodha.
Dubartoonni gar-malee furdoo ta’anis rakkoo kanaaf ni saaxilamu. Sanyiidhaan saaxilamummaan darbus jira.
Warra gurraacha, adii, warra Eshiyaa fi sanyiiwwan bira wal-bira qabuun qorannoon gaggeeffame akka ibsutti dubartoonni gurraachonni caalmatti saaxilamoodha.
Dubartoota hangam irratti mul’ata?
Dr. Mogas akka jedhanitti dubartoota 100 keessaa dubartoota 10 irratti xannachi keenyaa gadameessaa ni mul’ata.
Kanneen mallattoon irratti hin mul’anne ammoo, dubartoonni 100 altiraasaawundii osoo kaa’anii dhibbeenyaa 70 kan ta’an xannachi gadameessaa keessatti argama.
Mallattoon xannacha keenyaa gadameessaa “mallattoo kaansarii miti” jedhu ogeessi kun. Xannachoota kana kan “xannacha gowwaa” fi xannacha kaansarii jennee qooduu dandeenya.
Xannachi keenyaa gadameessaa xannacha “gowwaa” kan jedhamuudha.
Mallattooleen isaanii maal fa’i?
Mallattoolen xannacha gadameessaa kun namaa namatti garaa gari. “Hedduusaanirratti xannachi keenyan gadameessaa yeroo mudatu mallattoolee homaa hin agarsiisu,” jedhu Dr. Mogas.
Namoota akkasii yeroo waldhaansa biraaf deemaniidha xannacha qabaachun kan isaanitti himamu.
Kanneen mallattoon irratti mu’atee gara mana yaalaa deeman baay’en isaanii kanneen laguun ji’aa isaanii tasgabbaa’aa hin taanedha.
Laguun ji’aa xiqqachuu, baay’achuu ykn osoo yeroon hin gahin dafee dafee dhufuu mala. Baay’eesaanii laguun ji’aa baay’achuutu isaan mudata. Laguunsaanii baay’atus xiqqatus, yeroo itti dhufu kanneen dhukkubbiin itti jabaatu jiru.
Yeroo laguu ji’aa kanneen dhukkubbiin xiqqoon itti dhagahamu jiraatanis, mallattoo xannacha keenyaa gadameessaa kan jedhamu socho’uu, manaa bahuu ykn hojii dhaquu kan isaan dhorku dhukkubbii cumaa handhuura gaditti isaanitti dhagahamuudha. Kunis Daayismenoriyaa jedhama.
Mallattoon biraa ammoo hanga xannachichaa, bakka itti argamuufi baay’ina isaatin kan wal-qabatuudha. Dubartoota tokko tokko hanga xannachichaarraa kan ka’e hadhuura saantii gadi mallattoo itti ulfaachutu itti dhagahama jedhu ogessi kun.
Kaan ammoo xannachi sun ol guddataa gaafa deemu, miira garaan guututu itti dhagahama. Garaanis dhiita’ee mul’ata. Garaan dhiita’uu bira darbee naannoo ujummoo fincaanii duuba gadameessaa miira dhiibutu itti dhagahama. Akkasumas, daandii ujummoo fincaanii cufuun kaleen bishaan kuusee akka qabatu gochuu danda’a.
Garaacha dhiibee qabuu waan qabuufis goga garaachaa fiduu mala. Afuuffee fincaanii kan cufu yoo ta’e ammoo fincaan dafee dafee nama qaba. Naannoo balbala gadameessatti dhiyaatee yoo kan argamu ta’e ammoo finceen dafee dafee nama qabuun alatti fincaan namaa bahuu diduunis nama mudata. Ujummoodhan gargaaramanii hanga fincaa’utti nama gessiisuu mala.

Madda suuraa, Getty Images
Xannacha keenyaa gadameessafi maseenummaa
Akka Dr. Mogas jedhanitti xannachi keenyaa gadameessaa maseenummaaf nama saaxiluu danda’a.
“Dubartiin maseente gaafa dhuftu jalqaba xannacha keenyaa gadameessati jennee hin yaannu? Wantoonni biro maseenummaa fidan jiru moo hin jira? Kan jedhu erga qoratamee booda bu’aan qorannoo argame xannacha keenyaa gadameessatiin kan wal-qabatu qofa yoo ta’e maseenummaan sababa xannachaaf dhufe jedhamee fudhatama,” jedhu.
Dubartoota maseena ta’an keessaa 2-4% kan ta’an xannacha keenyaa gadameessarraa kan ka’eedha maseena akka ta’an ibsu.
Xannachi kun ujummoo gadameessarratti ykn balbala gadameessatti dhiyaatee yoo biqile, sanyiin kormaan akka hin dabarre dhorkuu danda’a.
Mallattoolen adda ta’an kanneen akka seelonni dhiiga diimaa baay’achuu fa’aa dubartoota heddu keessaa muraasa irratti qofa argama.
Garaan dhiita’uun alatti xannachi kun maashaa keenyaa gadameessatii gara fiixee gadameessatti bahuu akka danda’us ni ibsu ogeessi fayyaa kun. Akkasumas xannachi kun dhiita’ee fiixee gadameessarrattis mul’achuu danda’a.
Xannacha kamtu caalmaatti yaaddessaadha?
Xannachi mallattoo agarsiisu (Symptomatic myoma) yaddessaadha. “Kuni hanga isaa waliin kan wal-qabatuu miti. Hangi isaa xiqqoo ta’eetuu mallattoo agarsiisuu danda’a,” jechuun ibsu- Dr. Mogas.
Garuummoo hangi isaa hanguma dabalaa deemu carraan mallattoolen isaa argamuu bal’aadha. Lakkoofsi isaanii baay’ee ta’ee hangi isaanii 4-8 cm yoo ta’e, dhangala’uu dhiigaa hamaa geessisuu danda’u.
Dhangala’uu dhiigaa geessisuun, afuufee fincaanii cufanii hangi xannachoota kanaa 8 cm ol yoo ta’e, dirqama waldhaansa akka barbaachisu dubbatu.
Hangi isaanii 8 cm gadi ta’ee mallattoowwan kan hin agarsiifne yoo ta’e ammoo, “waldhaansa dabalataa hin barbaachisu. Garuu hordoffii gochuun ni barbaachisa” jedhan.
Dubartoonni haala kana keessa jiran ji’a jaha ykn waggaatti altiraasaawundii ka’uu isaan barbaachisa. Qorannoodhan xannachichi hangam dabale kan jedhu ni argama.
“Dubartiin kamtu mallattoo akka agarsiiftu ykn mallattoo akkamii akka agarsiiftu waan hin beekamneef “dursanii mana yaalaa akka deeman gorfamu” jedhu.
Hanga xannachaafi baay’ina isaa
Giddu galeessan xannachi tokko yoo ta’u lakkoofsa xiqqaa jedhama. Xannacha keenyaa gadameessaa “dinnicha fakkaata” jechuun ibsu Dr. Mogas.
Hangi isaanii giddu galeessan 2 cm ykn 3 cm ta’uu danda’a. Isaan kun heddumminaan mallattoo hin qaban. Yeroo heddu hangi isaanii 8 cm oli ta’ee baay’inni isaanii 3 ol yoo ta’u mallattoon ni mul’ata.
“Baay’ee kan jedhamu hanga 20 ykn 30 yoo gaheedha” kan jedhan Dr. Mogas isaan kun hangi isaanii xiqqaa ta’ee keenyaa (wall) gadameessarratti akka biqilan himu.
Dubartoota tokko tokkorratti xannacha tokko qofa ta’ee ulfaatinni isaa 25 kg gahuu danda’a.
Waldhaansa taasifamu
Waldhaansi kan taasifamu dubartoota mallattoon irratti mul’ateef akka ta’e ispeeshalistii gadameessafi ulfaa kan ta’an Dr. Mogas ni dubbatu.
Waldhaansi kan godhamu akkaataa mallattoo dhukkubbii, jabinaafi hanga xannachaa sanaarratti kan hundaa’u yoo ta’u, dhiigni heddu dhangala’ee hanqina dhiigaa kan qaqqabsiisu yoo ta’e dirqama xannachi sun waldhaansa baqaqsanii hodhuun bahuu akka qabu himu.
Mallattoon yoo mul’ate filannoon jalqabaa qorichaan waldhaansa taasisuudha. Fakkeenyaf, laguun ji’aa kan itti baay’atu yoo ta’e qorsawwan madaallii hormoonii eegsisantu kennama. Dhukkubbii laguu yoo ta’e ammoo dhukkubbii sana kan tasgabbeessu qorichatu kennama.
Hanqi xannachaa akka hir’atuuf qorichoonni hormoonii kennamanis jiru. Qorichooni kun ammoo hangi xannachaa akka hir’atu gochuun waldhaansa baqaqsanii yaaluf haala mijataa akka uumu himu Dr. Mogas.
Dubartoota dahuu hin barbaanne ykn dahanii xumuraniif filannoo gaarii kan ta’u guutummaa gadameessaa baasuu akka ta’e himu.












