Poolisiin Iraan seera hijaaba dirqisiisu deebisee hojiirra oolchuu eegale

Madda suuraa, Reuters
Poolisiin Iraan seera falmisiisaa dubartoonni naamusa uffannaa akka eeganii fi uummata keessa yoo ba'an ammoo rifeensa isaanii haguuguu qaban dirqisiisu hojiirra oolchaa jiraachuu miidiyaan biyyattii gabaase.
''Poolisiin safuu fi naamusa kabachiisu'' daandiitti ba'uun namoonni uffannaa hijaabaa akka kabajan ni to'ata jedhan dubbii himaan garee poolisii kanaa.
Tarkaanfiin kun erga dubartiin Mahsa Amini jedhamtu, sababa naamusa uffannaa cabsite jedhuun Tahraan keessatti hidhamtee, achitti lubbuunshee darbee ji'a 10 booda deebi'ee hojiirra ooluu eegale.
Erga isheen mana hidhaatti duutee biyyattii keessatti mormaa cimaatu gaggeeffame, tarkaanfiin poolisiis yerosuma dhaabbate.
Kanneen seerri uffannaa kabajamuu qaba jedhanii falman ammoo hordoffiin poolisii bakkatti deebi'uu qaba jechuun barreessaa turan.
Akka seera Iraanitti dubartiin tokko uffata rifeensa haguugu (hijaaba) fi qaama guutuu dhoksu (danaa qaamaa hin saaxille) uffachuun dirqama.
Poolisiin safuu fi naamusaa seerota kunneen hojiirra oolchuuf kan gurmaa'edha.
Gareen poolisii kun namoota seera kana cabsan qabee hidha.
Dhaabbati Oduu Tasniim jedhamu dubbi himaa poolisii kanaa Sa'id Montazerolmahdi wabeeffachuun akka gabaasetti, poolisoonni dubartoota naamusa uffannaa cabsan hidhuu dura gorsaa fi akeekkachiisa kennu.
Yoo isaan didan qofa poolisiin ''tarkaanfii seeraa fudhata,'' jedhan qondaalli.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartiin umrii waggaa 22 Mahsa Amiinii Fulbaana bara 2022 osoo maatii ishee magaalaa Tahraan daawwataa jirtuu ''safuu uffannaa cabsite'' jedhamuun, poolisii seera naamusa uffannaa to'achuuf bobbaafamaniin to'atamte.
Dubartiin kun bakka itti hidhamtetti of wallaaltee gaggabde. Yeroo sana kana odeeffamaa ture, poolisiin mataa Aminii baayyisee akka rukutee fi konkolaataatti akka damaceedha.
Taateen kun uummata Iraan miiliyoonaan lakkaa'aman akkaan mufachiise, ji'ootaaf mormiin mootummaarra gaggeeffame.
Mormii kanaan walqabatee, kan mootummaadhaan fannifaman dabalatee, namoonni 600 ta'an ajjeefamaniiru.
Mormii gaggeeffame hordofee dubartoonni walta'anii hijaaba uffachuu didan.
Diddaan akkanaa erga warraaqsa bara 1979 as Iraan mudatee hin beeku.
Dhiheenya kana viidiyoon miidiyaa hawaasummaarratti maxxanfaman akkan mul'isanitti, dubartoonni biyyattii hedduun hijaaba malee bakka hedduutti argamuun baratamaa ta'aa dhufeera.
Kanas mootummaan callisee hin ilaalle, kanneen hijaaba hin uffanne jalaa hojiiwwan biizinasii cufuu dabalatee adabbiiwwan garaagaraa hojiirra oolchaa ture.
Erga warraaqsa 1979 as Iraan ''poolisoota naamuusaa'' dhimmoota garaagaraa hordofan ijaartee bobbaasteetti.
Kan ammaa kun maqaa Guidance Patrol (Gasht-e Ershad) jedhamuun beekama, bara 2006 irraa kaasee hojiirra jira.
Gareen poolisii kun miseensota dhiirotaa fi dubartootaa hagam akka qabu hin beekamu, garuu hidhannoo guutuu qabu, bakka itti nama hidhanis addatti qabu.












