Murteen ajjeechaa bara 2022 adunyaarratti hojiirra oolfaman maaliif baayyate laata?

Namootni lama Iraanitti ajjeefamnaan Waajjira UN fuulduratti hiriira bahame

Madda suuraa, AFP

Lakkoofsi namoota bara 2022 keessa murteen du’aa irratti darbee ajjeefaman kan waggoota shan darban keessatti raawwataman irra olaanaadha jedhe Aminastii Intarnaashinaal.

Biyyoonni Baha Gudduugalaa adabbii du’aa dhiyeenya akka malee hojiirra oolchaa jiraachuu hime Aminastiin.

Waliigalaan namoonni 883 biyyoota 20 keessatti murtoo du’aa irratti darbeera kan jedhe Aminastiin, kunis kan bara 2021 irra %53’n caalmaa qaba jedhe.

Ajjeechaakanneen keessaayis Iraan, Sawud Arabiyaafi Masiriin %90 isaa raawwataniiru.

Lakkoofsi kun Chaayinaa kan waggaatti namoota kumaatamaan lakkaa'aman ajjeestu jedhamtu hin dabalatu.

Ragaan murtee ajjeechaa Chaayinaa keessatti darbu icciitiin waan kaa’amuuf namoonni hammamii akka ajjeefaman baruu hin danda’amne jedhe Aminastii Intarnaashinaal.

Gareen Aminastii Intarnashinaal ajjeechaan biyyoota akka Kooriyaa Kaabaa, Veetnaam, Sooriyaafi Afgaanistaan keessatti raawwachuu mirkaneessuus himeera.

Haatahu malee, yoo xiqqaate namoonni hammamii akka ajjeefaman ibsuuf ragaa qabatamaa argachuu akka hin dandeenye ibse.

Bara darbe ajjeechaa raawwate ol ka’uuf murtee ajjeechaa Sawud Arabiyaa fi Iraan fudhatan sababa ta'uu ibseera.

Iraan namoota 576 murteen du’aa irratti darbe ajjeesuu Aminastiin hime. Kun isa bara 2021, 214 ture irra caalmaa qaba.

Bara darbe waliigalaan namoota 279tu murtee du’aa irratti dabarfame.

Namoonni 255 balleessaa daddabarsa baala sammuu hadoochuun, 21 yakka gudeeddii, 18 himannaa biyyaalessaa ''Waaqa irratti fincilu [diinummaa]’’ agarsiisuun himatamanii murteen du’aa irratti darbe.

Ramaddiin xumuraa namoota lama fincila mootummaa irratti ji’a Fulbaanaa keessa ka’een himatamanii hidhaa kan turan tahuu ibseera.

Namoonni himataman kunneen akkaataa ogeessi UN ibsanitti ''himata sababa malee, qorannoo dhugaa hin taanee fi ajjeechaa’’ irratti raawwatameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sawud Arabiyaatti murteen ajjeechaa kan bara 2021 namoota 65 irratti raawwate, bara 2022 keessa gara 196tti ol guddateera.

Kun lakkoofsa baay’ee guddaa isa Aminastii Intarnaashinaal biyyattii keessatti waggoota 30 keessatti galmeessedha.

Namoonni 85 tahan yakka shororkeesummaan himatamanii murtee du’aa irrati darbeera.

Namoonni 57 tahan ammoo dadabarsa baala sammuu hadoochuun murteen kun irratti darbe, akka gabaasichaatti.

Guyyaa tokkichatti Bitootessa keessa namoota balleessaan irratti argameera jedhaman 81 ajjeesan.

Namoonni 41 tahan miseensota Musiliimota Shiyaa yoo tahan isaan keessaa namonni lama fincila mootummaa irratti gaggeeffame keessatti hirmaachuun himatamanii murteen du’aa irratti darbe.

Aminastii Intarnaashinaal kana dura sirni haqaa sawudii qorannoo madalawaa hin taanee fi dararaa guddaan aka jecha isaanii kennan’’ gochuun murtee du’aa dabarse jechuun qeeqera.

Bara darbe Masirii keessatti namootni 24 tahan irratti murteen du’aa raawwateera. Garuu kan bara 2021 ture 83 irraa %71’n gadi bu’eera.

Akkasumas Aminestiin Iraaq keessatti namootni 11, Kuweet torba, daangaa Paalestaayi keessatti shan, Yaman keessatti afurii fi Sooriyaa keessatti lakkoofsi isaa kan hin beekamne ajjeefamuu ibseera.

Barreesituu waliigalaa garichaa Agnes Kalamardi biyyootni Baha Gidduu galeessaa seera idil adunyaa cabsuun himatan. Lubbuu dhala namaaf ''dhimma hin qaban’’ jedhan.

''Mootummaa fi UN yeroon itti qaamolee itti gaafatamummaa qabanii fi mirga namoomaa sarban irratti dhiibbaa gochuu qaban amma, seerri idil-adunya akabajamuu mirkaneessuu qabu,’’ jedhan.

Biyyoota biro akka US keessatti namootni 18 ajjeefamaniiru, kunis isa bara 2022 keessa ture 11 irra dabaleera. Singaapoor keessattis namoota 11 irratti murteen du’aa raawwateera.