Iraan biyya kamiyyuu caalaa maaliif dubartoota irratti murtee ajjeechaa dabarsiti?

Gamada ittiin nama fannisuuf hidhaa jiran

Akeekkachiisa: Qabiyyeen kun waan isin jeequu danda'u qabaachuu mala.

Qaamoleen mirga namoomaaf falman Iraan keessatti murtii du'aa namatti murteessuun baramaa ta'eera jedhu.

Dhuma torban ji'a Adoolessaa qofaatti Iraan namoota 32 irratti murtee ajjeechaa dabarsitee jirti. Isaan keessaa dubartoonni sadii abbaa manaa isaanii ajjeessan jedhamanii himatamuun fannifamaniiru.

"Dhaabbata mirgoota namoomaa Iraan, kan US keessatti argamutti, itti-gaafatamtuu kan taate Roya Boroumand, "Iraan keessatti himannaa ajjeechatiif manni hidhaa hin jiru.

Ajjeefamuu yookin dhiifama argachuu qofatu jira" jedha. Akka ragaan Amnestii Intarnaashinaal agarsiisutti biyyoonni heddu kan Iraan caala namoota ajjeessan jiraatanis, akka Iraanitti dubartoota irratti murtii du'aa kan fudhatu hin jiru.

Iraan maalif dubartoota irrattu murtii du'aa fudhatti?

Adabbii du'aa

Dubartoota sadi torbee darbe ajjeeffamaniin alatti ji'a jahaan jalqaba bara kanaatti dubartoonni biroo jaha ajjeeffamuu isaanii Giddu Galli Abdorrahman Boroumand jedhamu ibseera.

"Bara 2000 fi 2022 gidduu dubartoota ajjeefaman 233 galmeessineerra," jechuun Abdorrahman Boroumand BBC tti himte.

Itti dabaluunis, "Dubartoonni 106 ta'an himannaa ajjeechatiin yoo murteen du'aa irratti darbu, 96 ammoo yakka qoricha sammuu adoochutiini kan ajjeefaman" jetti.

Muraasni isaanii ammoo gaa'elaan alatti qunnamtii saalaa raawwachuu isaanif murtiin du'aa itti murtaa'ee ajjeefaman. Boroumand akka jettutti himannaawwan akkana dhibeentaa 15 qofaatu gabaafame.

Murteen ajjeechaa hedduun isaa waanta tokko keessa deebiu'anii ilaaldhabuu irraa kan madeedha jetti Boroumand: akkaataa seera biyyattiitti

Akka seera biyyattiitti mootummaan yakka ajjeechatiif murtee du'aa keessa deebi'uu hin dhiisu- araarri kan godhamu maatii miidhamni irra gaheen akka ta'e dubbatti Boroumand.

Garagaarsa kan namaaf godhu hin jiru

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aktivistii Iraan Ateenaa Dayemii, dubartoota torbee darbe ajjeefaman keessaa tokko taate fi nama lammii Afgaanistaan ganna 40 Sanubar Jalaali jedhamtu adabbii ajjeechaa jalaa oolchuf heddu dhaamatus hin milkoofne jetti.

Daayimeen maatiin abbaa warraa Jalaali dhiifama akka godhaniif waliin mariyachuuf yaalaa turte.

"Maatii abbaa warraa ajjeefamee arginee dhiifama akka godhan kadhachuuf barbaaduu yaallee turre, garuu aangawoonni mana hidhaa gargaarsa nuuf gochuu hin dandeenye, bilbila abukaatoo mootummaan isheedhaf ramadee nuuf kennanii turan, garuu gaaffii keenya simachuu dide," jechuun Daayemin BBC tti himte.

"Maatin dhiironni jalaa ajjeefaman qarshii gumaa fudhatanii dhiifama akka godhaniif yeroo tokko tokko aangawoonni mana hidhaa nama gargaaru, garuu yeroo hunda miti," jetti. Garuu ammoo aktivistoota biroo waliin hojjachuun namoota lama du'aa jalaa yoo oolchan namoota saddeet ammoo adabbii qaama muruu irraa akka oolchuu danda'an ni dubbatti.

Dubartoota lama gaafa Jalaalin fannifamtee ajjeefamtu sana ishee wajjin fannifaman keessaa tokko misirroo ganna 15 tti heerumaaf kennamteedha. Dubartiin isheen sadaffaan ammoo sanaan dura yakka abbaa manaa ishee ajjeesutin himatamtee waggaa shanii ol hidhamtee turte.

Daayemii hojii aktivistii hojjachuu isheetif waggaa torba hidhamtee turte. Manni hidhaa dubartootaa tajaajila bu'uuraa kan hin qabnee fi yeroo tokko tokko ammoo dubartooni akka reebaman dubbatti.

Adeemsi mana murtiis yeroo dubartii irratti loogii kan hojjatuu fi abbootin murtii harki caalan dhiirora akka ta'an himti.

Manni murtii Iraan dirqamaan abukaaton akka namaaf dhaabatu ni ajaja, garuu Deemiin akka jettutti "ogeeyyin seeraa namaaf ramadaman baay'en isaanii deeggarsa seeraa namaaf hin laatan.

"Dhimma yakka ajjeechaa irratti falmachuun baay'ee rakkisaadha. Himannaa akkanaa irratti, yakkamaa irra dhageettii kan qabu maatii nama miidhan irra gaheeti," jetti Deemin.

Sirna dubartoota moggaatti dhiibu

Gaazexeessituu Iraan kan amma Noorweey jiraattu Asih Amiini yeroo dubartoonni ajjeefaman sirriitti duuka bu'aa turte. Akka isheen jettutti bu'uurri rakkinichaa inni guddaan seera biyyattiiti.

"Akka seeratti abbaan fi akaakayyuun karaa abbaa itti gaafatamaa maatiti. Gaa'ela ishee dabalatee carraa ijoollee dubaraa kan murteessu isa," jechuun BBC tti himte Amiinin.

Kana jechuun, shamarran osoo umuriin isaanii hin gahin eeruman rakkoolee akka qoccollootif kan saaxilaman yoo ta'u, abbaa manaa isaanii hiikuf illee mana murtii Iraan rakkisaa akka ta'e ibsiti gaazexeessituun kun.

Dubartoonni murtiin du'aa itti murtaa'u yeroo heddu maatii isaanii irraa gargaarsa hin argatan, sababni isaa maatin isaanii kabaja keenyatu tuqama jedhanii waan sodaataniif.

"Haala kana keessatti, dubartoonni miidhamoo ta'anii hafu, kaan ammoo abbaa warraa isaanii ajjeesuf dirqamu," jetti Amiinin.

"Dubartoonni tokko tokko yakka ofiidhuma isaanitii akka raawwatan yookin namni isaan gargaare yoo jiraate ni amanu. Hedduun isaanii kan jedhan garuu, osoo miidhaa isaan irra gahu irratti namni isaan gargaaru jiraatee yakka ajjeechaa irratti hin hirmaatan," jetti.

Nama umuriin hin geenye irratti murtee du'aa dabarsuu

Amiinin waa'ee shamarree ganna 16 Atifaa Sahaala jedhamtu kan dhiirota hedduun gudaadamte fakkeenya fudhachuun falmiti.

Bara 2004 manni murtii shamarree umuriin ishee hin geenye fi gudeedamteef haqa kennuu caalaa gaa'elaan alatti saal-qunnamtii goote jechuun itti murteesse.

"Osoo gudeedamtee jirtuu, dhiirota wajjin saal-qunnamtii akka goote waan dubbateef jecha murteen du'aa itti murtaa'e," jetti Amiinin.

Akka Seera Adabbii Islaamaa Iraanitti namni gaa'elaan alatti qunnamtii saalaa godhee yoo argame si'a 100 akka garafama. Taaten kun si'a sadi yoo raawwate, si'a afraffaa irratti adabbii du'aatu itti murtaa'a.

"Haa ta'u malee, dhimmi Atiifaa akkaatidhuma seera dhala namaaf kabaja hin qabne kanaattuu hin ilaalamne, sababni isaa murteen si'a 100 garafamuu si'a lama qofa itti murtaa'e. Sana booda abbaan murtii akka ajjeefamtu itti murteesse," jetti Amiinin.

Tarsiimoo ittiin nama cabsaniidha

Aminiin akka jettutti raakkoon seeraa, adeemsa mana murtii fi aadaa dubartoonni yakkamoo yookin qaama miidhan irra gahu akka ta'aniif shoora guddaa taphata.

"Mana hidhaa tokko irraa gara biraatti naanna'ee waggoota hedduuf dhimma ajjeechaa hordofee ture kanatti bifa gara jabina akkanaatin nama adabuu irraa mootummaan Iraan maal akka argatu naaf hin galu," jetti. Manneen hidhaa Iraan yeroo ammaa hidhamtoota siyaasa fi warra qoricha sammuu adoochu fayyadamaniin guutamee waan jiruuf dhiibbaa mana hidhaa irra jiru hir'isuuf angawoonni maatii namni jalaa ajjeefamee murtee isaanii dafanii akka fudhataniif dhiibbaa gochaa waan jiran akka itti fakkaatu dubbatti.

Murtiin maatin warra namni jalaa ajjeefamee fudhatan ammoo dhiifama gochuu yookin du'i akka murtaa'u gaafachuudha.

Mootummaan Iraan gaaffii BBC tiif deebii hin kennin hafe. Biiron haqaa biyyattii garuu adabbiin ajjeechaa raawwate seeran kan raawwatee fi seerota Idil-addunyaa Iraan mallatteessite kan hin faallessineedha jedhe. Mootummaan Iraan reebicha hamaa nama irraan gahuu fi humnaan nama amansiisuu raawwadhee hin beeku jechuun irra deddeebin waakkate.