Iraan sanada hatametti fayyadamuun hojii niwukilaraa dhorkame itti jirtu sobde- Israa’el

Madda suuraa, EPA
Iraan hojii niwukilaraa dhorkame hojjechaa jirtu dhoksuudhaaf sandawwan Ejensii Atoomikii Addunyaa hatteetti fayyadamte jedhean Ministirri Muummee Israa’el.
Haasaa viidiyoon taasisaniin MM Israa'el Naaftaalii Beenet, "Iraan addunyaa sobde, ammas irra deebiin sobaa jirti’’ jedhan.
Yaadannoo afaan Parishiyaatiin harkaan barreeffame dabalatee koppiiwwan "karoora gowwoomsuu" jedhan kan agarsiisan MM Israa'el kun, Iran kana kan qopheessite "mala ittiin oduu kana dhoksachuuf" tolfattedha jedhan.
Iraan gama isheetiin Israa’eel ragaa sobaa qopheessite jechuun waa’ee sagantaa icciitii qabaachuu haalteetti.
Ibsi Ministirri Mummee kanaatis walgahii Ejjansii Annisaa Atomikii Addunyaa (IAEA) irratti osoo Hogganaan Ejjansichaa Raafaa’el Giroos, bu’aa qorannoo qabiyyeen niwukilaaraa ifa hin taane Iraan keessa bakka sadiitti argamuu ilaachisuun gabaasa dhiyeessuun duradha.
Ministeerri Dhimma Alaa Iraan gabaasichi "madaalawaafi haqa qabeessa miti,’’ jedhan.
Biyyoonni lixaa Iraan waliigaltee diiguun gabbisa meeshaa waraanaa niwukilaaraa ijaaruu dandeessi jechuun shakku, garuu Iraan cimsite haalti.
Israa’eel, kan Iraan mirga jiraachuu hin fuhdanneefi akka badduuf waamicha taasistu, addunyaafi Israa’eeliif rakkoo guddoodha jettee amanti.
Aanga’oota addunyaafi Iraan jidduutti marii eegaluun dhorkaa sochii niwukilaaraa Iraan dhaabsiisuuf jecha bara 2015tti irra kaa’ameen dinagdee kufe akka bayyanachu taasisuun ni harkifate.
Iraan erga Ameerikaan bara 2018 keessa marii keessaa bahuun qoqqobbii deebistee hojiirra oolchiiteen booda sochiilee dhoksaa taasisaa jirti.
Guyyaa Wiixata IAEA Iraan gabbisa Yuraaniyeemii baayyeetti tilmaamamu qabaachuu hime.
Garuu ammoo boba’aa qofaaf osoo hin taane boombii niwukilaaraa ittiin omishuu dandeessi jedhe. Hangi isheen qabdu kunis kan waliigaltee bara 2015 keessatti hayyamame harka 18 caala.
Beenet erga karaa vidiyootiin dabarsaniin akkas jedhan, ‘‘Iraan addunyaa sobusheetiif ragaan harka koo jira.’’ "Iraan erga sanadawwan Ejensii Atomikii addunyaatii hatteen booda, odeeffannoo sanatti fayyadamuun Ejjansiichi maal akka barbaadu adda baasuun, isaan booda oduuwwan aguugan hojjachuun ragaa qorannoo niwukilaaraa dhoksan.’’
Sanadiwwan basaastoota tikaa Israa’eeliin mankusaa Taahiraan keessaa irraa bara 2018tti argamees, soba Iraan irratti raga qabaateera. Innis barreeffama harkaa afaan Paarshiyaatiin ministira Ittisaa Iraan yeroo sanaatiin saayintistii beekamaa nikulaaraa Mohsen Fakhrizaadeh’tti barreessan dabalate kooppiiwwan sanadootaa mul’isaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Beenteen, ‘‘Turuus dhiyootti ta’uus, IAEA nu gaafata. Nutis odeeffasa guutama isaan irraa barbaadna’’ jedhan.
Qorataan niwukilaaraa Iraan Faakhrizaadeh haleellaa meeshaa waraanaa saataalaayitiin to’atamuun bara 2020 Taahiraan keessatti ajjeefame. Iraan kanaas Israa’eeliifi gareewwan mormitootaa biyya alaa jiran himate.
Israa’el garuu dhimmicharratti omaa hin jenne. Iraan ammoo kana dura meeshaaleen Israa’eel man-kusaa keessaa fudhadheera jette sobaa jette turte.












