Mohseen Faakhrizaadeh: Saayintistii gameessa Iraan eenyutu ajjeese? maaliif?

Madda suuraa, AFP
Saayintistiin niikulaaraa Mohseen Faakhrizaadeh kan hanga Jimaata darbe ajjeefamuutti Iraanota baayyeen hinbeekamne, warra sagantaa niikulaara Iraan hordofaniin beekamaa ture.
Maddeen tikaa fi nageenyaa warra lixaa akka murteessaatti isa ilaalaa turan.
Midiyaaleen biyyattii garuu barbaachisummaa nama kanaa gadi qabuun akka saayintistii meeshaa qorannoo Covid-19 keessatti hirmaatuutti ibsaa turan torbanoota dhiheenya kana.
Maark Fitzpaatrik, gargaaraan qorataa 'International Institute for Strategic Studies (IISS)' kan sagantaa nikulaaraa Iraan itti dhiheenyaan hordofaa turan, ''Sagantaa nikulaaraa Iraan kan daangaa darbee wayita nama tokkicha qofaa irratti hirkateedhaa'' jechuun tiwitarii irratti barreessan.
Faakhriizaaden wayita halleellaan irratti raawwatameettis eegdoota baayyeen dabaalamanii kan turan yoo ta'u, kunis hangam biyyattii nageenya isaatiif of eeggannoo taasisaa akka turte mullisa.
Kanaafuu ka'umsi ajjeechaa isaa- kan eenyumtuu itti gaafatamummaa hinfudhatiin- sochii nukulaara Iraaniin walqabachuurra tarii siyaasaa ta'uu danda'a.

Madda suuraa, Reuters
Dhimmoonni lama gurguddaan ta'uu malu: Tokkooffaan, walitti dhufeenyi Iraaniifi bulchiinsa haaraa Baayidan kan US baduu. Lammaaffaan ammoo, Iraaniin akka sochii tarkaanfii fudhachuu keessa galtuuf kakaasuu ta'a.
''Diinoonni torbanoota dadhabiisoo keessa darban'' jedha pirezidaantiin Iraan Haasan Rohaani haasaa jalqabaa ajjeechaa mudate irratti taasisaniin.
''Haalli addunyaa akka geedarmaa jiruu sirrittii hubatu. Kanaafuu naannichatti haalli tasgabaa'aan akka hinjiraanne taasisuuf yaalaa jiru'' jedhan.
Pirezidaantiichi wayita ''diinota'' Iraaniitti quba qaban, innis bulchiinsa Tiraamp, Israa'eel fi Saawudi Arabiyaa jechuu akka ta'e beekamaadha.
Israa'eeliifi Saawudi Arabiyaan haalli siyaasaa jiddugala bahaa keessaa geedaramuufi bu'aa pirezidaantiin haaraan Ameerikaa Joo Baayidan filatamusaatti yaada'aniiru.
Mr Baayidanis tibba duula na filadhaatti ifa taasisaniitti waliigalteen nikulaara Iraan kan Baaraak Obaamaan bara 2015tti eegalamee Doonaalad Tiraampiin bara 2018tti dhiifamee akka deebii'u dubbataniiru.

Madda suuraa, EPA
Mr Beenjaamiin Netaanyaahuu MM Israa'eel mootiin Saawudii akka walitti dhufeenya dippilomaasii biyyoota lamaan jidduu fooyyeessaniif yaaliin taasisan akka hinmilkoofne himama.
Guyyaa Wiixataatti, wayita riphee loltoonni Huuttuu kan Iraaniin deeggaraman qabeenyaa dhaabbata boba'aa Saawudii guddicha Jaddahaa Magaala Galaana Diimaatti halleelaniitti, kunis Saawudii baayyee aarsee ture.
''Kunis sochii tarsiimoo, kan sirriin wayita walgahii Saawudiifi Israa'eeliitti itti yaadamee akka adeemsa isaanii hindogogorreef akeekkachiiseedha'' jechuun ture Eejjansiin oduu Mehr kan gabaase ture.
Halleelichaan aariin Saawuudii kunis Ameerikaanotattis dhagahee ture.
Gorsaan Nageenyaa Biyyaaleessaa US duraanii Joon Boltan kitaaba isaanii 'The Room Whare It Happened' jedhamu keessatti ibsaniin, bulchiinsi Tiraamp deeggarsa Iraan Hotiif attamiin akka ilaaluu ''duula Jiddugala Bahaa faallaa fedhii US'' jedheera.
Torbaan lamaan duras, Pirezidaanti Tiraamp gorsaa gameessa isaanii dirree nikulaara Iraan mummee irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuuf filmaata yoo qabaatan gaaffachu isaanii midiyaan US gabaaseera.
Kunis Tiraamp osoo aangoo irraa hinbu'iin dura Iraan waliin walitti bu'uu akka barbaade agarsiisa.
Amajjii keessa Mr Tiraamp waa'ee ajjeechaa dirooniidhaan US ajajaa waraanaa olaanaa Iraan Qaaseem Soleemaan Iraaqi keessatti rawwatameen baayyee boonanii ture. Gochi ajeechaa kunis booda keessaa UN dhaan akka gocha ''seeraan alaatti'' himame.
Kanarraa ka'uunis ajjeechaawwan waan pirezidaantii Tiraampiin mormamuu miti.
Ajjeechaa Faakhrizaadeen kanaatiif ammoo Iraanoonni Israa'eeliin himatan.
Dhugaattis aanga'oota addunyaa kallattiidhaan waa'ee saayinsitii kanaa dubbattan keessaa MM Israa'eel Netaanyaahuun tokko.
Haasaa karaa TVn bara 2018tti taasifameen, innis waa'ee gahee oggansa Faakhrizadeh sagantaa nikulaara Iraan keessatti qaban dubbachuun ummannis 'maqaa sana akka yaadatuu' gaafatan.
Israa'ee US Mr Baayidan jalattis nageenya isheetiif of eeggannoo akka taatee turtu beektuu illeen, waa'ee barreessa isaa Antonii Bilinkeen kan waliigaltee nikulaara Iraan deeggarruu yaadduu qabdi.
Adeemsi Mr Bilinken Jiddu Gala Bahaatiif qaban ammoo paalaastinaanootaaf carraa hedduu argamsiisuu mala. Innis Mr Baayidanii akka hingeeddare himan illeen murtee Tiraamp Imbaasii US Tel Aviv irraa gara Yerusaaleemiitti dabarfamu taasisan qeeqaa turan.
Hoogganaa Olaanaan Iraan Ayaatollah Ali Khameem kanneen Faakhrizaadeh ajjeesuun itti gaafatamoo ta'an irratti, ''addabbii cimaa'' akka fudhatamuuf waamicha taasisaniiru.
Garee tajaajila basaasaa kanneen ajjeechaa kana duuba jiran akka qorataniif hundeeffameera.
Dhugaattis Iraanoonni karaa midiyaa hawaasaatiin Iraan waraanaafi basaasaa cimaa qabaachuu osoo himtuu attamiin namni sirriin eegdootaan dabaalame tokko ifa guyyaatti ajjeefamuu danda'a jechuun gaafataa jiru.
Kaanis tarii ajjeechaan kuni biyyattii keessatti hidhaa gaggeessuuf akka sababaatti itti fayyadamuuf jechuun sodaataa jiru.
Amma bulchiinsi Tiraamp yeroosaa xumuraa jira. Israa'eeliifi Saawud Arabiyaanis michuusaanii dhabaa jiru. Iraan ammoo carraa qoqobbaawwan hirrachuun dinagdee saanii deebiisanii cimsuuf carraa argachuuf bulchiinsa Baayidan irraa eegataa jiru.
Kanaafuu haaloo bahiinsa akkasii filachuun ammoo fudhatamaa hinta'u.














