Iraan dubartoota sadii fannisuun du'an adabde

Iraan adabbii du'aa hojiirra oolchuun mormii kaase

Madda suuraa, Getty Images

Qondaalonni Iraan Roobii Adooleessa 27, 2022 dubartoota sadii abbaa warraa isaanii ajjeesaniiru jedhaman irratti murtee dabarsuun ajjeesuu Dhaabbanni Mirga Namoomaaf falmu ibse.

Akka Dhaabbanni Mirga Namoomaa Iraan ibsetti, torbe darbe qofa Iraan namoota 32 fannisuun ajjeesteetti.

Mucayyoon kana dura umuriin ishee osoo gaa'ilaaf hin gahiin ganna 15tti heerumte nama ishee fuudhe ajjeesuun himatamtee amma namoota kaan waliin ajjeefamte.

Qondaalonni biyyattii murtee ajjeechaa hojiirra oolchaa kan jiran yoo tahu, bara kana isa bara darbee dachaa lama karaa caaluun namoota murteen du'aa irratti darbe ajjeesaniiru.

Gareen mirga namoomaaf falmu kun dabalataan Iraan biyya kamiyyuu caalaa dubartoota ajjeesteetti jedhe. Irra caalaan isaanii ammoo abbaa warraa isaanii ajjeesaniiru jedhamuun balleessaan warra irratti muramedha.

Roobii darbe Gareen Mirga Namoomaaf falmu akka jedhetti, Sohee'ilaa Abaadii kan umurii ganna 15 taatee heerumte waggoota 10 erga waliin jiraattee abbaa warraa ishee ajjeesuun himatamte mana hidhaa keessatti fannifamte.

Manni murtii murtee du'aa irratti dabarse kaayyoon ajjeechaa kanaa ''walitti bu'insa maatiiti'' jedhe.

Dubartootni lama kaleessa ajjeefamanis abbaa warraa isaanii ajjeesuun warra himatamanidha jedhe Gareen Mirga Namoomaa kun.

Aktivistootni akka jedhanitti ka'umsi yakkoota raawwataman jedhamanii irra caalaan isaa wal dhabdee mana keessaati. Manni murtii Iraan garuu kana ilaalcha keessa galchuu dhabuu isaatiin aktivistootni qeequ.

Qondaalonni Iraan lakkoofsa namoota murtee du'aan ajjeefamanii hunda waan hin ibsineef namootni meeqa akka ajjeefaman sirriitti beekuun hin danda'amu.

Qorannoon garee Mirga Namoomaa lamaan ji'a Eeblaa keessa maxxanfame, murtee du'aa bara darbe qofa Iraan keessatti darbee hojiirra oole keessaa kan uummataaf ibsame %16.5 hin caalu jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabaasonni bara kanaa akka agarsiisanitti ammoo adabbiin du'aa inumaayyuu haalaan dabalaa dhufe.

Gareen Mirga Namoomaaf flamu, Aminestii Internaashinaal, Iraan duula ajjeechaa gaggeessaa jirti jechuun balaaleffate.

Ji'oota jaha bara 2022 keessa qofa namoota 250 du'aan adabuu ishee ibseera.

Kun ammoo kan yeroo wal fakkaataa bara darbeen yoo ilaalamu dachaan dabaluu isaa agarsiisa.

''Ajjeechaa namoota baay'ee kana karaa mirga jiraachuu sarbuun qaama mootummaatu biyyattii keessatti gaggeessa,'' jette Itti Aantuun Dhaabbata Aminestii Internaashinaal naannichaa.

Namootni murteen du'aa irratti darbe walitti qabamuun baay'inaan akka ajjeefaman dhaabbileen mirga namoomaaf falman himaniiru.

Waxabajji 6 fi 15 namoota hedduutu mana hidhaa lama keessatti al takkaatti waliin ajjeefame jedhan.

Namootni saba lakkoofsaan xiqqaa warra irra caalaa murtee du'aa kanaan adabaman akka tahe Aminestii Internaashinaal ibseera.

Uummata biyyattii keessaa %5 qofa kan tahan uummatni Baaluchii namoota ajjeefaman afur keessaa nama tokko saba kana keessaa akka tahe Aminestiin himeera.