Hidhamtoonni Jaappaan duuti itti murame, yeroon du'aa itti himamu akka dheeratuuf himatan

File photo of a prison

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhamtoonni duuti itti murtaa'e, ajjeefamuusaanii sa'aatii muraasa dura itti himama

Jaappaan keessatti hidhamtoonni murteen du’aa irratti murtaa’eeru lama, adabbiin du'aa guyyaadhuma sana itti himamee gaafum sanatti gaggeeffamuu isaa irratti himata banani.

Hidhamtoonni adabbii du’aa eeggatan, ajjeefamuu isaanii sa’aatii muraasa dura adabbiin kun gaggeeffamuuf akka jiru itti himama. Murteen kun kan gaggeeffamu fannifamuuni.

Abukaatoon isaanii, beeksisi yeroo gabaabaa keessatti keennamu kun “baay'ee suukanneessaadha,” jechuun miidiyaa biyyattiitti himaniiru.

Gartuuleen mirga namoomaa, xiinsammuu hidhamtoota kanaa miidha jechuun, shaakala kana yeroo dheeraaf qeeqaa turaniiru.

“Hidhamtoonni murtee du’aa eeggatan guyyaa hunda, sodaa kun guyyaa dhumaa ta’a jedhu keessa jiraatu,” jedha abukaatoon hidhamtoota kanaa Yutaka Uyeda, akka Reuters gabaasetti.

“Mootummaan jiddu-galeessaa, kun murteen du’aa isaanii raawwatamuu dura hidhamtoonni akka hin miidhamneef taasifame jedha, kun garuu deebii miti. Biyyoota birootti, hidhamtoonni waa’ee dhuma jireenya isaanii akka yaadanii fi akka xiinsammuun of qopheessaniif yeroon ni kennamaafi.”

Hidhamtoonni kun himata kana kan dhiyeessan mana murti Osaakaatti Kamisa yoo ta’u, himatni akkanaa kan jalqabaati jedhamee yaadama. Himata kanaan beeksisi yeroo gabaabaa keessatti kennamu mormii dhiyeessuuf yeroo hin kennuufi jedhaniiru.

Akka abukaatoon isaanii jedhutti, beenyaan yen miiliyoona 22 (doolaaraa 193,500) akka kaffalamuufiif gaafataniiru.

Jaappaan keessatti hidhamtoonni murteen du’aa irratti murtaa’ee 100 ol kan jiran ta’us, gara waggaa lamaaf hidhamtoonni murtee kanaan ajjeefaman hin jirani.