Qoccoollaan saalaa poolisoonni Iraan dubartii mormiif baate irraan gahan dheekkamsa biraa kaase

Iraaniitti qoccoolaan saalaa poolisoonni hookara bittinsan dubartii mormii dhageessiisuuf baatee tokko irratti raawwatan erga karaa viidiyootiin qoodameen booda uummata dheekkamsiise.
Poolisoonni kunneenis osoo namoota mormii dhageessisuuf bahan qabaa jiranuu ture kan dubartiitii irraan irratti qoccoollaa saalaa raawwatan.
Viidiyoon gochaa poolisootaa agarsiisu kun erga miidiyaa hawaasaa irratti qoodameen booda hedduun dheekkamsa isaanii dhageessisaniiru.
Hogganaan poolisii aangoorra akka kaafamu fi mormitoonni haqa akka argataniif gaafatan.
Deeggartoonni mootummaa Iraan dabalatee gochaa qoccoollaa saalaa sana balaaleeffataniiru.
Iraan wayita ammaatti osoo adda hin cinnee baatii tokkoof mormii cimaan gaggeeffamaa jira.
Erga shamarreen waggaa 22 Maahsaa Amiin erga poolisiin to’atamteen booda ajjeefamtee kaasee mormiin akkuma itti fufeetti jira.
Poolisiin shamarreen sun kan dute rakkoo fayyaatiin jedhulleen maatiin ishee garuu du’a isheetiif poolisii itti gaafatamaa taasisan.
Kanaan walqabatees Iraan keessaa fi alarraa fakkiiwwan mormii hedduun tamsa’aa jira.
Dhiheenya kanas viidiyoon wayita poolisoonni adabaabaayii Arjeentiinaa kan Teehraan keessatti argamurratti dubartii tokko marsan agarsiisuu baheera.
Dubartittiinis gara mootaraa keessa akka seentuuf poolisiin tokkoo yoo dirqisiisuu, poolisiin kan biraa ammo duubaan udduu ishee wayita qaqabatu mullata.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Dubartiin tunis didee lafarra yoo teessuulleen poolisoonni baayyachuun marsanii mullatu.
Sagaleen duubartii duubaan dhagahamu tokko ammo ‘riifeensa ishee harkiisaa jiruu’’ jetti.
Bakka gochaan kun taasifamee kanneen turanis sagalee konkolaataa dhageessisuun gochicha mormanii ture.
Guyyoota muraasaan duras konkolaachiftoonni karaa sanarratti mormiisaanii ibsachaa turan.
Dubartiin hijaaba ykn haguuggii rifeensaa hin godhannee kan biraas wayita fiigdee poolisii jalaa miliqxu viidiyoorratti ni mul’ata.
Sagaleen dubartii duubaan dhagahamu tokko ammo ‘agartanii poolisiichi wayita koflu’ jetti.
Warraabbiin viidiyoo kanaatiis dhugaa ta’usaa BBC Paarishiyaatii mirkaneeffameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maddi Oduu Iraan ‘Iranaan’ akka gabaaseetti, sabaa himaan poolisii Teehiraan gochiicha akka qoratu himeera.
Poolisiin dhimmicha akka qoratu haa ibsulleen malee, ‘‘diinoonni waraana qor-qalbii labsuun ummata jeequufi hokkoora kakaasuuf yaadaniiru’’ jedhan.
Gochiichii kan raawwatame ifatti ta’uu fi humnootiin nageenyaa adabaabaayiirratti kana kan raawwatan taanaan dhoksaatti maal gochu akka danda’an yaaduu akka barbaachisu mirmiitoonni mirga namoomaa dubbatan
Toora miidiyaa hawaasaa Atefeh jedhamu tokkoos, ‘‘hangami fookkisaa, waan safuu fi gara jabeenyaa akka raawwattan adabaabaayiitti nutti agarsiisuuf jecha gochaa qoccoollaa saalaa mana hidhaatti dubartoota irraan geessan ifatti kan raawwatan?’’ jechuun barreesseera.
Manneen hidhaa Iraan keessatti dararaan, miidhaan saalaa, miidhaan qor-qalbii fi dararaawwan gara biraa akka raawwataman waggootaaf gabaafamee ture.
Viidiyoo qoccoollaa saalaa adabaabaayiitti mul’ate kana hordofees, lammiilee biyyatti hedduun mormiisaanii akka itti fufan dubbatan.
Namni miidiyaa hawaasaa fayyadamu tokkoos, ‘‘dheekkamsa keenya gara gochaatti geedarra’’ jedhan.












