Sammuun dhiiraafi dubartii gargari moo tokko?

Madda suuraa, Getty Images
Buqqee sammuu keenyaa shifargaa jalatti yoo ilaalle xaxaa niwuroonotaafi hidda dhiigaan alatti waan biraa hin qabu.
Tahus sammuun keenya madda qalbii, eenyummaafi sababaafi bu’aan amanuu keenyaaati.
Kanaaf sammuun dhiiraafi dubartii gargari dha?
Sammuu mataa keessaa baasee otoon isinitti agarsiisee kan dhiiraafi durbaa tahuusaa adda baastanii natti himuu dandeessu?
Saayintistoonni sammuu dhiiraafi dubartii gidduu garaagarummaan jira moo hin jiru kan jedhu irratti wal-falmu.
Sammuun dhiiraafi dubartii gargari?
Qormaata xiyyeeffannoo sammuu keenyaa barbaadu akka addunyaatti dhiiraafi dubartiif kennameen bu’aa adda addaatu argame.
Fakkeenyaaf dhiiroti kaartaa dubbisuun kallattii iddoo tokkoo baruun dubartootarraa harka 50 caalaniitu argaman.
Dubartoonni immoo yeroo murtaa’etti dalagaa garagaraa raawwachuun dhiirota caalaniitu argaman.
Saayintistoonni kana mirkaneessuuf hirmaattota qorannoof daqiiqaa saddeet keessatti dalagaawwan sadii kennaniif.
Shallaga herreegaa tokko furuu, kaartaa irraa lafa hoteelli argamu barbaaduufi furtuu manaa maasii keessatti bade tokko akkatti argatan baruu fa’i.
Dalagaawwan kunneen gidduutti immoo bilbilli bilbilamaafi ture.
Kanarratti dubartoonni daqiiqaa kenname keessatti dalagaawwan keennameefi raawwachuu danda’an.
Dhiiroti kaartaa dubbisuun qofa iddoo barbaadan yaadatanii deemuu danda’an, garuu furtuu barbaaduu irrattillee isaan hin milkoofne.
Yeroo miira namaa hubachuutti dhufnus dubartoonni fooyyee akka qaban qorannoowwan agarsiisan jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga dhalatanii baratan moo uumamaani?
Haa tahu malee, namoota kunneen irratti saala isaaniitu garaagarummaa fide jennee dimshaashessuun dura ragaan deeggaruu qabna.
Kana baruuf caasaa sammuun saala lameen kunneeni haa xiinxalluu.
Garaagarummaan kuni uumamaan taanaan sammuu keenya irratti mul’achuu ni qabaata jechuun ka’u saayintistoonni.
Giddugalaan ulfaatinni sammuu dhiirotaa kan dubartii harka 10’nin caala. Garuu kuni namaa namatti adda adda, sammuun dubartii kan dhiiraa caalus jira gatii taheef.
Ammoo dhiiroti gidduugalaan qaama dubartii irra caalu gatii qabaniif ulfaatinni sammuu isaanii kan caale.
Akka saayintistoonni jedhanitti gidduugalaan, sammuun dhiiraa guddaa kan dubartii irra xiqqaachuun hubannoofi dandeetti irratti garaagarummaa hin fidne.
Piroofeesar Keevin Misheel, Yunivarsiitii Dabliinitti Niwurobaayolojii qo’atu, sammuun dhiiraafi dubartii garaagrummaan caasaa jira jedha.
Garaagarummaan caasaa kunis amala wal-hormaataa saala lameenii kan to’atu dha jedha.
Sammuu keenya keessa kutaan haayipootalaamas jedhamu kan dhiiraafi dubartii irratti gargari.
Kutaan sammuu suni kan dhiiraa kan dubartiidhaan harka jaha ni caala, kanas shifrgaa jalatti qofa arguu dandeenya.
Tahus adda addummaan shifargaa jalatti arginu kuni garaagarummaa amalaa dhiiraafi dubartii irratti arginuun kallattiin wal-hin qabatu jedha Piroofesar Keeviin.
Garaagarumma kutaa sammuu tokkorra jiru fuunee garaagarummaa amalaa saalaan mul’atu kaaniin walitti hidhuu hin dandeenyu jedha.
Fakkeenyaaf dhiiroti dubartoota caalaa amala irra aanuu kan qabaatan akaakileen keenya wal-horuudhaaf dorgomuu gatii qabaniifi tahuu danda'a.
Dubartoota argachuudhaaf dhiira biraa caalanii argamuun irra jiraata, kuni yeroo ammayyaa kanattis kara garaagaraan irra aananii akka mul’atan isaan gargaareera tahuu mala jedha.
Gama biraan kutaan sammuu hippookaampas kan dubartii kan dhiiraan hanga tahe ni caala. Kutaan kuni waa yaadachuu irratti kan xiyyeefatu tahus dhiiraafi dubartii irratti garaagarummaa hin fidne.
Kutaa sammuu bitaa fi mirgaa
Qorattoonni Ameerikaa Yunivarsiitii Peensilvaniyaa keessatti hojjetan sammuu dhiirotaafi dubartootaa 900 tahan kan umriin isaan 8-22 shifargaa jala galchuun bu’aasaa suuraan ilaalan.
Warreen qorannoo kana irratti hirmaatan keessaa Dr Rajiinaa Vermaan, ‘’waan argineen dinqamne’’ jedhan.
Kutaan sammuu bitaafi mirgaa hamma tahe dalagaa garaagaraa kan qaban yoo tahu dhiiraafi dubartii irratti garaagarummaa yoo agarsiisan hubachuu yaalan.
Sammuun keenya inni bitaa isa afaan baratuufi odeeffannoo xiinxalu dha jedhu Profeesar Ruuben Guur, inni mirgaa immoo waan miira keenya xiinxalu dha.
Haala kanaan sammuu dubartootaa keessatti qacceewwan funyoon niiwuroonni mirgaa bitaatti walitti hidhamanii mul’atu.
Kunis dubartootni odeeffannoo miiraa,haasaafi xiinxalaa hubachuu irratti dhiirota akka caalan agarsiisuu danda'a.
Sammuun dhiirotaa keessatti immoo niwuroonoonni kunneen bitaafi mirgatti walitti hidhamuurra, duubaa gara fuulduraatti dha kan wal-qabatanii jiran.
Kunis akka Profeesar Ruuben jedhanitti,‘‘kutaan sammuu inni duubaa odeeffannoo arge xiinxaleetu, gara isa fuulduraatti erga, inni fuulduraa immoo odeeffanno sana fayyadamuun dalagaa tokko raawwachuuf murteessaa jechuu dha.’’
Fakkeenyaaf dhiiroti adamoo bahan gaafa bineensa argan maal gochuu akka qaban yeroo murteessan sammuun isaanii haala kanaan odeeffannoo xiinxala jedhan.
Qorannoon kuni garuu kanaan hin goolabamne, garaagarummaan guddaa dhiirotaafi dubartoota irratti mul’ate ijoollee irratti hin mul’anne.
Garaagarummaan kuni mul’achaa kan dhufe ijoolleen erga waggaa 13 guutaniin booda dha.
Kanaaf garaagarummaan sammuu saala lameen kunneen irratti uumame kan baratame tahuu akka malu saayintistoonni kunneen ni ciicatu.
Piroofesar, Giinaa Riippon Yunivarsiitii Astoon, irraa, ‘’garaagarummaan kan haala guddinaafi aadaa keessatti guddanneen kan wal-qabatu malee sammuu dhiiraafi dubartii waan jedhamu hin jiru,’’ jedhu.
Akka isaan jedhanitti sammuun keenya uumamaan waan naannoo irraa fudhatuuni kan guddatus kan of leenjisus.
Kanaaf garaagarummaa sammuu dhiiraafi dubartii gidduu jiru caala kan namaa namatti irratti mul’atutu caala jedhu.
Qorannoon dhihoo kana ‘magnetic resonance imaging’(meeshaa kutaa qaamaa suuraa kaasu) fayyadamuun sammuu dhiiraafi durbaa kumaatamaan lakkaa’amu ilaaluun yaalameera.
Bu’aan qorannoo kanaas garaagarummaa baayyee xiqqoo tahe dha kan agarsiise.
Sammuun dhiiraa ulfaatinaan yoo caalu, caasaa sammuu dubartii kara alaan jiru immoo kan dhiiraarra yabbateetu argame.
Dimshaashumatti qorattoonni caasaa sammuu saala lameenii irratti garaagarummaa guddaa argatanis tahe, sammuu dhiiraafi dubartii waan jedhamu hin jiru kanneen jedhanis, caasaan sammuu amalaafi dandeettii dhiirotaafi dubartootaan kallattiin wal-qabatu jiraachuusaaf garuu ammallee falmiitti jiru.












