Hangi sammuu namaa waggaa 3000 as maaliif hir'isaa dhufe?

Buqqee sammuu namaa hammaan hir'achaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Qaroominni ammayyaa amma keessa jirru kan kana dura dacheen keenyi argitee hin beekne dha. Garuu labata 100 dura, akaakileen keenya buqqee sammuu keenyarra guddatu qabu ture.

Waggota 1000 baayyeen dura ilmoon namaa qaroomina wal-xaxaa tahe argate.

Namoonni magaalawwan jalqabaa addunyaa irratti wal-argan, namoota magaalaa warra ammaa wajjin wal-fakkaatu. Haa tahu malee ergasii hammi sammuu namaa hanga xiqqoo hir'iseera.

Hammi buqqee sammuu keenyaa hir'ise immoo hamma kubbaa teenisii afur gahuuti, jedhu Kooleejii Daartmooz, Ameerikaatti antirooppoolojistii kan tahan Jeermii Dasilvaa.

Qorannoo haftee nama durii irratti hojjechuun, isaaniif gareen isaanii bara darbe maxxansaniin, buqqeen sammuu xiqqaachaa deemuun waggaa 3000 dura jalqabe.

''Bu'aan qorannoo keenyaa isa tilmaamneen addatti ture kan tahe, nuti kan yaadne waggaa 30,000 dura hir'isuu eegale kan jedhu ture,'' jedhan.

Qonni waggoota 10,000-5,000 yeroo jalqabu, qaroominni ijaarsa gamoowwanii fi maashinootaas itti fufee jalqabe. Qaroominni barreefamaas akkasuma.

Hammi sammuu namaa maaliif yeroo qaroominaa teeknolojii kanaa gad-hir'achaa dhufe?

Dhimmi kuni qorattoota kan mataa hooqsisaa jiru dha. Bineensoti baayyee hamma buqqee sammuu kan keenyarraa caalu qabaatanille, dandeettii ykn hubannoon isaanii garuu kan keenyarraan adda dha. Kanaaf hammi sammuufi akkaataan namni itti yaadu ykn waa xiinxalu hariiroo kallattii tahe hin qabaatu jechuu dha.

Sammuun akka guddatu ykn akka xiqqaatu kan godhu maali kan jedhu baruun rakkisaa tahus, Dasilvaa fi waa'ilootisaanii qaamni namaa yeroo keessa baayyee xiqqaachaa dhufeera.

Hammi sammuu keenyaa hir'isuurratti garuu ibsi gahaa tahe hin jiru jedhu. Dhimma kana hubachuufis haala jiruu goondaa qoratan.

Jalqaba gaafa ilaaltan sammuu goondaa kan namaa wajjin waan wal-fakkeessu tokkoyyuu hin qabu jechuu maltu. Gumaa ashaboo xiqqoo irraa dachaa sadii xiqqaata.

Niiwuroonota 250,000 kan qabu yoo tahu, kan namaa garuu niiwurooniiwwan biiliyoona 86tti siqu qaba.

Gosti goondaa muraasni garuu sammuu keenya waliin waan wal-fakkatu qabu. Haala dinqisiisaa taheen sanyiin goondaa qonna kan ilma namaa fakkaatu dalagan jiru, man'ee isaanii keessatti fangasii sarara sararaan biqilchu.

Gareen Dasilvaa fa'i garee goondaa garagaraa wal-dorgomissuun, takka takkaa sammuun goondaa miseensa baayyee qabuu guddachaa dhufeera-kunis hawaasa isaanii keessatti haala gaariin akka jiraatan isaan gargaareera.

Sammuu namaa

Madda suuraa, Getty Images

Haa tahau malee sirni hawaasa namaa qoodinsa hojii bal'aa qabnu faallaadhaan, hammi sammuu keenyi xiqqaachaa dhufeera.

Sababiinsaas dandeettiin sammuu miseensa garee hawaasaa gidduutti waan qoodamuufi. Isaanis qooda garagaraa qabaatu, dandeettiinis kan waloo ykn kan qoodamu tahaa jechuu dha.

Kunis sammuu guddaa qabannee akka hin hafnee gochuu mala jedhu Dasiilvaan.

Qaroominni barreefamaa wagga 2000 dura jalqabe hammi buqqee sammuu keenyaa akka hir'atu dhimma taasise tahuu mala yaada jedhus kaasu.

Barreessuu danda'uun sanyii bineensota kaanirraa dhimma adda nu taasisu tokko dha, Dasilvaan, ''odeeffanoo sammuuu keenyaan alatti jiru barreefamaan kennuu fi fudhachuun hanga sammuu keenyaa hir'iseera yoo tahe,'' baruu barbaadan.

Guddina sammuu gondaafi kan namaa gidduu wal-dorgommiin taasifnu sababiin hammi sammuu namaa hir'achuu, kana akka jennu dhimma nu dandeessisu miti.

Yaad-rimeewwan hir'isuu hamma sammuu namaa irratti ka'an baayyee jiraatanillee, jijjiiramni kun waggaa 3000 dura jalqabuusaaf ragaa amansiisaa hin dhiyeessani jedhu.

Hangi sammuu keenyaa hir'ise jechuun, hubannoo dhabne, doofaa taanee jechuu dhaa?

Lakki miti. Yoo waa'ee garaagarummaa uummattoota gidduu jiru yoo haasofne malee jechuu dha.

Gareen qorattootaa UK odeeffannoo baayolojikaalaa kuusaa 'Biobank' irraa fudhachuun qoratan. Kunis fakkii raajii sammuu namootaa 13,000 fi bu'aa qormaata hubannoo(IQ) kan dabalatu ture.

Bu'aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti gidduugaleessaan namoonni sammuu guddaa qaban, hubannoo(IQ) fooyya'aa qabaataniitu argaman.

Tahus hariiroon kuni dhimma murteessaa tahee hin argamne. Kana jechuunis namoonni hamma sammuu xiqqoo qabaatanii qoramaata (IQ) irratti gaarii hojjetan jiruu jechuu dha.