Hariiroon Bolsonarofi Tiraamp akkamiin goolama siyaasaa Biraaziil hammeesse?

Jair Bolsonaro fi Donaldi Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantiin duraanii Biraaziil Jair Bolsonaro morkataansaanii wayita isaan injifatee aangoo qabate tole jedhanii osoo hin fudhatin hafan.

Erga guyyaa sanaatii qe'eedhaa ba'anii iddoo buufata Pireezidantii duraanii US Donaald Tiraamp jiru.

Torbee darbe wayita Pireezidantii haaraan Biraaziil Lulan kakuu seenan sirna sanarratti Bolsonaron hin argamne, qe'ee Tiraamp Filooriidaa waliin turan.

Torbeesaatti wayita deeggartoonni isaanii iddoowwan utubaa dimokiraasiitti jedhaman gamoo paaraamaa, masaraa mootummaa fi waajjira mana murtii weeraranis achuma Filooriidaa turan.

Qondaaltonni US fi kanneen Biraaziil keessa jiran taatee Biraaziilitti mudate gocha Tiraampitti maxxansan.

Magaalaa Niwujarsii irraa paartii dimokiraat bakka bu'anii Seenetii keessa kan jiran Bob Menendez, manneen mootummaa mormitootaan haala kanaan weeraramuu balaaleffatan.

Aab Bolsonaron duudhaa dimokiraasii eeguurraa dhimma dhabuusaaniitti guddoo akka gaddan ibsan.

Magaalaa Washington DC keessatti kan argamu gamoon mootummaa- Kappitaal Hiil weeraramee waggaa lama booda ''duudhaan Tiraamp Biraaziil keessatti dabalame,'' jedhan.

Bolsonaro fi Tiraamp akkaataan isaan itti bu'aa filannoo simatanii fi tarkaanfiin isaan fudhatan akkaan walfakkaata, kunis akkasaan yaadaan guddoo michooman taasiseera.

Michummaa namoota siyaasaa lameenii irraa kan ka'e Aab Bolsonaro'f maqaan masoo ''the Trump of the Tropics" jedhamu mogga'eeraaf.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Doonaald Tiraamp waggaa lama dura Joo Baayidaniin mo’ame jedhanii waan hin amanneef deeggartoonni isaanii jeequmsa kakaasuu fi Kongireesii akka to’atan jajjabeessuun, koree qorannoo miseensota Kongireesiitiin ijaarameen yakkamaa ta’uun isaanii murtaa'eera.

Pirezidaantiin Biraazil duraanii Jair Bolsonaron ammoo yeroo deeggartoonni isaanii fincila kana kakaasan Ameerikaa keessa turan.

Gabaasi addaa Waashingitan Poostiin barreesse akka mul'isutti, ilmi Bolsonaro Eduardo baatii Sadaasaa keessa gorsitoota Tiraamp Jason Miller fi Steve Bannon waliin wal arganii ture, yaadni kun kan ka’e yeroo sanatti ta’uu hin oolu jedha gabaasichi.

Hogganaa fincilaa jedhamuun kan beekamu Steve Bannon Lula da Silva pirezidaantii ta’uun filatamuun fudhatama akka hin qabne yeroo hedduuf tiwiitara isaa irratti barreessaa ture.

Jair Bolsonaro erga mo'amanii booda guyyaa kakuu seenuu Lula da Silva irratti akka hin hirmaanneef battaluma sanatti gara kutaa biyyaa Ameerikaa Floridaatti qajeeluun achi jiraataa jiru.

Doonaald Tiraamp kutaa biyyaa sana keessa jiraachuun beekama.

Hoggantoonni duraanii lamaan mana Tiraamp Filooriidaatti 'shaayii fi buna' akka waliin dhuganis gabaafameera.

Jair Bolsonaro fi Donaldi Tiraamp Filooriidaatti

Madda suuraa, Getty Images

Miidiyaan hawaasaa Doonaald Tiraamp 'Truth Social' jedhu deeggartoonni ijoo Doonaald Tiraamp "Hookkara jabeessaa! Waan gochuu qabdu hojjedhu!'' jechuun ergaa finciltootaaf dabarsaa turan.

Jeequmsa kaleessa ka'e kana keessatti deeggartoonni Jair Bolsonaro kumaatamaan lakkaa'aman karra ajaja waraanaa irratti sagalee dhageessisaa turan.

Kana kan godhan waraanni fonqolcha mootummaa akka raawwatu jajjabeessuuf.

Deeggartoonni Bolsonaroo erga hogganaan isaanii Pirezidaantii Lula da Silva'n injifatamee kaasee Raayyaan Ittisaa biyyattii dhuunfatee fonqolcha mootummaa akka raawwatu gaafachaa turan.

Hiriirtonni waajjira pireezidantii seenuun meeshaa caccabsan

Madda suuraa, Reuters

Gaaffiin uummataa hooggansa Bolsonaro deebisuu kan caaluudha jedhu gaazexeessitoonni garas imaluun yaada lammiilee gaafatan.

Hooggansi haaraan sirna kommunism nutti fida jechuun yaaddoo keessa kan jiran lammiileen hiriira ba'an kunneen, Pireezdanti Lula da Silva mana hidhaatti deebisuun kaayyoosaanii ta'uu himan.

Mootummaan Pireezidant Lula da Silva manneen mootummaa mormitootaan weeraramanii turan hunda deebisee to'ateera.

Pireezidantichi paarlaamaa fi iddoowwan namoonni hiriira ba'an barbadeessan irra deemuun daawwataniiru.

Haleellaa mormitootaan raawwatame hordofee biyyoonni addunyaa kanneen akka US, Uk fi kaan mootummaa pireezidant Lula da Silva deeggaruun goolama siyaasaa mudate balaaleffataniiru.