Biraazilitti deeggartoonni Bolsonaro paarlaamaa biyyattii weeraran hedduun hidhaman

Madda suuraa, Getty Images
Deeggartoonni Pireezidantii duraanii Biraaziil Jair Bolsanaro gamoo Kongiresii, masaraa mootummaafi gamoo mana murti weerararuun booda namoonni 200 caalan to'annaa jala oolfaman.
Wayita mormitoonni hiriiraan gara gamoowwan waajjira mootummaa kunneenitti seenan poolisiin gaazii nama imimmaanessuun deebisuuf yaalus hin milkoofne.
Goolamni siyaasaa biyya Biraaziil raase kun biyyattiin biyyattiin Pireezidantii haaraa- Luiz Inacio Lula da Silva jedhaman argattee torbeesaatti mudate.
Kana kan raawwatan deeggartoota Pireezidantii duraanii Jair Bolsonaro kanneen bu’aa filannootti hin quufnedha.
Taateen kun kan waggaa lama dura akkuma Pireezidanti Joo Baayidan filatamaniin deeggartoonni Donaald Tiraamp kaappital Hiil weeraraniin walfakkaata.
Filannoo Onkoloolessa darbeetti kan hin quufne deeggartoonni Jair Bolosonaro, erga bu’aan filannochaa ibsamee walgurmeessanii mormii gaggeessuuf qophaa’aa turan.
Humni waraanaa gidduu seenee, filannoon haaraan akka gaggeeffamu gaafataa turan.
Filannocharratti sagaleen hatameera jechuun kan komatan deeggartoonni Bolsonaro, torbee dura wayita pireezidantii haaraan kakuu seenan sirna ture irratti jeequmsa hin kaasne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torbee booda wanti Biraaziil keessatti mudate garuu biyyattiin rakkoo hamaa keessa jiraachuushee mul’isa.
Deeggartoonni Bolsonaro haala kan Tiraamp waliin walfakkaatuun wayita masaraa mootummaa weeraran namoonni hedduun Bolsonaro’f maqaa Tropical Trump jedhu moggaasaniif.
Pireezidantiin haaraan biyyattii Lula hookkara biyyattii mudate booda haasaa karaa TV biyyattii taasisaniin, gochi kun ''naamusa kan hin qabnee fi akkaan suukanneessaadha,'' jechuun ibsan.
Kanneen gocha kana keessatti hirmaatan hundayyuu hordofuun seeratti kan dhiheessan ta'uu kan ibsan pireezidantiin kun, qaamoleen nageenyaa weerartoonni akka masaraa mootummaa seenan eeyyamuu isaanii guddoo komataniiru.
''Poolisoonni hojiisaanii gonkumaa hin hojjenne. Mormitoonni akka ol seenan eeyaman,'' jechuun aariin dubbatan.
Deeggartoonni Bolsonaro hedduun masaraa pireezidantii biyyattii keessatti qomee garee kubbaa miilaa biyyaalessaa uffatanii alaabaa biyyattii mirmirsaa turan.
Gareen kunneen dhaadannoo ''walabummaa'' jedhu dhageessisaa turan.
Mormitoonni gamoo Kongiresii, masaraa pireezidantii fi mana murtii erga weeraranii booda humni nageenyaa deebisee to'achuu TV biyyattiin ibseera.
Ministeerri Haqaa biyyattii hanga ammaatti namoonni adda durummaan hookkara kana gaggeessan 200 caalan hidhamuu miidiyaa biyya keessaatti himeera.
Pireezidanti Lula'n weerara fi hookkara siyaasaa uumame kana booda pireezidantii baallii irraa fuudhan Jair Bolsonaro adabuuf akka jiran ibsaniiru.












