Filannoo Biraaziliin Bolsonaaroon injifatamuu isaanii ifatti osoo hin amaniin hafan

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/SHUTTERSTOCK
Filannoo Biraziilitti gaggeeffameen Luulaa da Siilvan mo'amanii kan turan Bolsonaaron osoo hin dubbatiin callisanii turuun isaanii tarii bu’aa filannoo fudhachuu diduun waldhabdee kaasuu danda'u jedhamee ture.
Haa ta’u malee, Pirezidantiin biyyattii haasaa taasisaniin namoota sagalee isaaniif kennan galateeffatan. Garuu, ifatti mo’amuu isaanii hin amanne.
Bolsonaaron ifatti mo’amuu isaanii dubbachuu baataniis manni murti olaanaa biyyattii adeemsi aangoo dabarsuu akka eegalu beeksisaniiru.
Kanaan dura Bolsonaaron “Waaqayyo qofatu” aangoo irraa na kaasa jechaa waan turaniif, erga Dilbata darbe filannoon gaggeeffameen mo'aman booda ummatatti bahanii dubbachuu dhabuun isaanii aangoo gadi lakkisuu hin barbaanne sodaa jedhu hawaasa keessatti uumee ture.
Osoo filannoon hin gaggeeffaminiin duras adeemsa filannoo irratti yaaddoo fi shakkii ragaa hin qabne kaasaa turan.
Bolsanaaron haasaa taasisaniin bu’uura duudhaalee isaanii fi paartiin isaanii jedhu irra deddeebin kaasaa turan: “Waaqayyoo, biyyaa, maatii fi bilisummaa.”
Haasaa isaanii keessatti morkataa isaanii cimaa kan turan waa’ee Luulaa da Siilvaa homaa hin dubbanne. Luulaa da Siilvaa Dilbata darbe garaa garummaa sagalee dhiphaadhan Bolsonaaroo injifatan.
Deeggartoonni Bolsonaaroo mo’atamuun isaanii liqimfamuufii dide karaa cufuudhan mormii dhageessisaa turan.

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantin mana murti olaanaa biyyattii kan ta'an Aleeksaandar de Mooriyas akka jedhanitti karaa cufuun “nageenya biyyattiif yaaddoo” dha.
Deeggartoonni Bolsonaaroo karaa cufuu isaanitiin sochiin geejjiba biyyattii baay’ee danqamuu irraa kan ka’e dhiyeessii nyaataa fa’aa irratti dhiibbaa fideera.
Filannoo Biraazil kanaan Luulaa da Siilvaa sagalee 50.9% argachuun yoo injifatan morkataan isaanii Bolsonaaron sagalee 49.1% argachuun mo'aman.
Luulaan mo’achuu isaanii hordofee biyyoota addunyaa irra ergaan baga gammaddan ergamaafi ture.
Pirezidantin US Joo Baayidan, “filannoo haqaa, bilisaa fi fudhatama qabu” waan gaggeeffame mo'atte jechuun jajan.












