Jaakfiruuti: Fuduraa gumaan tokkichi doolara Ameerikaa 200 olitti gurguramu kana dhaggeessanii?

Kuduraa gatii jabaatti gurgurame Jack fruit

Madda suuraa, Ricardo Senra

Dubbiinsaa akkasi. Ijji fuduuraa suuraa irratti mul'atuufi Jack fruit jedhamuun baakamu tokkoonsaa gabaa Landan tokkoo irratti doolaara 218'tti gurgurtaaf dhiyeeffame.

Suuraa Gabaasaan BBC Rikaardoo Senraa kaasuudhaan tiwitara gubbaatti maxxansuu hordofee, biyya dhalootasaa Biraazilitti ijoo dubbii ta’uun si’a 100,000 ol miidiyaa hawaasummaarratti qoodame.

Gatiin isaa akka malee olka’e kunis fayyadamtoota miidiyaa hawaasa -tiwitarii baayyee rifaasise, kaan isaanii ammoo gara Biriteenitti imalle jaakfiriyutii gurgurree ‘’miliiyeenara’’ taana jechuun qoosutti ka’an.

Hunda caala garuu, jaakfirutiiwwan kutaalee Biraazil baayyee keessatti doolara Ameerikaa 1.10tti kan gurguraman yoo ta'u, fuduraan kunis Biraazili qofa keessatti osoo hin taane biyyoota naannoo mudhii lafaatti argaman baayyee biroo keessattillee gatiin walfakkaatuun bitama.

Sirumayyuu iddoowwan heddutti gatii osoo itti hin kaffaliin, bilisaan mukasaarra buufachuutu danda’ama. Haata’u malee, irra caalatti-yoo xiqqaate Biraazil keessatti akka tortoree baduuf karaawwan gubbaatti ni gatama.

Maarree jaakfiruuti biyya ‘hambaatii’ akka dhufe amanamu gumaan tokkichi maalif gatii ammas ol ka'aan gurguramaa? Maaliif barbaachi fuduraa kanaa sadarkaa idil-addunyaatti tibbana haalan dabalee?

Hunda caala seerota bu’uuraa yaadachuun barbaachisa: innis iddoon itti gurguramu gatiirratti dhiibbaa qabachuu isaa- kunis oomisha kamiyyuurratti ni mul’ata.

‘’Biraazil keessattille osoo hin hafiin, gatiin jaakfiruutii garaa garummaa qaba. Iddoon mukarra hiixatanii kutachuun danda’amu jira. Iddoowwan kaanitti ammoo gatiin isaa qaaliidha,’’ jette Sabirinaa Sartorii, Hoji-gaggeessituun dhaabbata Saao Poolotti gosoota fuduraalee 3,000 oomishuu ‘Estancia das Frutas’jedhamu BBC'tti yeroo himtu.

Jaakfiruutiin haala qilleensa qorraa akka UK keessatti oomishanii gurgurtaaf dhiyeessuun hin danda’amne.

Sadarkaa addunyaatti daldalli jaakfiruuti hedduu walxaxaafi balaaf saaxilamaadha jedhu, ogeeyyiin sababoota baayyee lakkaa’an.

Sababoota kaasaan keessaa tokko immoo fuduraan kun amala dafee tortoruu ykn samuu qabaachuu isaa, gurguddaa ta'uu akkasumallee waqtii itti oomishamu qabaachusaati.

‘’Jaakfiruutiin baayyee ulfaata, daddafee gorma, foolii hedduu baratamaa hin taaneefi namoota heddutti hin tolle qaba,’’ jetti Sartoriin.

Fuduraan kun kg 40 ol kan ulfaatu yoo ta’u, jalqaba Eeshiyaa keessatti argame. Fuduraan gurguddaan kun giddugala gabaa keessa yeroo dheeraa hin turu.

Jaakfiruutin biyyoota keessatti margu keessatti nyaataaf hedduu hin barbaadamu, biyyoota guddatan keessatti garuu namoonni soorata biqiltuurra argamu soorataniin hedduu barbaadamaa jira.

Namoonni sorata biqiltuurraa argaman qofa sooratan bakka foonii akka bu’eefitti ibsu. Yoo bilchaate bocni isaa foon horii ykn immoo kan booyyee waliin wal fakkaata. Kanaaf jecha hedduu jaalatama.

UK keessatti namoonni soorata biqiltootarra qofa qophaa’an sooratan lakkofsi isaanii miliyoona 3.5tti tilmaama.

Rakkoon jiru jaakfiruutin daddafee bilchaata, adeemsi bilchina isaa saffisaadha-wayita bilchaataa adeemu dhandhamni isaa ni mi’awa.

Filannoon biraa maamiltoonni fuduraa kana jaalatan qaban isa saamsame bitachuudha.

Cuunfaan fuduraa kanaa saamsamee gurguramu giddugaloota gabaa Biriteen keessatti giddugaleessaan $4’n gurgurama.

Namoonni hedduun garuu dhamdhamni isaa dheedhii isaa gabaa bitan wajjin wal hin fakkaatu jedhu.

Jaakfiruutiin baayyee guddaa ta’uun isaf jecha iddoo tokkorraa kaanitti geejjibuuf rakkisaa taasise,akkasumallee waqtii itti sassaabamu qaba.

Fuduraan kun boca, hammaafi ulfaatina isaarraan kan ka’e bakkaa bakkatti geejjibuun rakkisaadha.

Fuduraan kun akka biqiltuu kanii saanduqa keessa hin kaa’amu.

Kana qofallee miti, dirra fuuduraa kanaa ilaalanii mala saayinsawaa ta’een haala gaariirratti argama jechuun nama rakkisa.

Biyyoota oomishanii biyyoota birootti ergan biyyoota Kibbaafi Kibba Dhiha Eeshiyaa kanneen akka Baangilaadeshi fi Sirilaankaa keessatti walitti hidhaminsa gabaarratti hanqina guddaatu jira.

Biyyoota kana keessatti oomshni fuduraa kanaa %70’n ni manca’a. Indiyaa keessatti namoonni soorataaf hin barbaadan, fakkeenyaaf baadiyyaa keessatti fuduraa hiyyeessi sooratu akka ta’eetti ilaalama.

Ogeeyyiin garuu kun hubannoo dhabuurra maddee jedhu. Fuduraan kun jaalatama dhufullee, maamiltoonni bitatan baayyeen isaanii takkaa dhandhamanii hin beekan.

Abdii egeree

Gufuun heddun jiraatullee, qorannoon tibbana gaggeeffame gabaan jaakfiruut babal’achuu raage.

Akka dhaabbanni gorsa indastirii irratti kennu tokko jedhutti, bara 2026tti gabaan fuuduraa kanaa doolara miliyoona 359.1 kan gahu yoo ta’u, bara 2021-26tti waggaa waggaan %3.3’n guddata jira.

Bara 2020tti biyyoonni naannoo Eeshiyaan –Paasfikitti argaman qooda gabaa jaakfiruutii olaanaa kan qaban yoo ta’u (%37), Awurooppaan(%23), Ameerikaa Kaabaa(%20), kutaaleen addunyaa hafan walitti(%12) kana qaban yoo ta’u, Ameerikaan Kibbaa(%8)qabdi.