Gaazaatti daa’imman beelaan du’aa jiraachu Teediroos Adaanoom ibsan

Daa'imman Gaazaa hanqina nyaataan du'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Kaaba Gaazaa keessatti daa’imman beelaan du’aa jiraachuu Daareektarri Olaanaan Dhaabbata fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adihaanoom himan.

Dr Teediroos akka jedhaniitti, erga jalqaba Onkololeessaatii as yeroo jalqabaatiif ejansichi Sambattan irra hospitaal Al-Awdaa fi Kaamaal Adwaanittti daawwateera.

Daareektarri olaanaan kun toora miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti akka barreessaniitti, sababii hanqina nyaataatiin daa’imman 10 du’anii kaan ammo ‘‘hanqina nyaataa madaalawaa cimaa’’ keessatti argamu jedhan.

Gamoon hospitaalaa daa’immaniifi dhukkubsattootaa barbadaa’eera jedhan.

Hospitaala Kaamaal Adiwaaniitti daa’imman 15 hir’ina nayaataa fi bishaanitiin du’usaanii Ministeerri Fayyaa bulchiinsa Hamaas jalatti argamu himeera.

Hospitaa magaala kibba Raafaah’tti argamutti daa’imman 16 du’usaanii maddi oduu Filisxeem Waafaan Wiixata gabaaseera.

Haalli Kaaba Gaazaatti argamu yaaddeessaa ta’u kan dubbata Dr Teediroos, ‘‘hanqina nyaata madaalawaa cimaan, daa’imman lubbuusaanii dhabaa jiru. Hanqinni boba’aa, nyaataa fi dhiyeessii wallaansaa mudateera. Akkasumas hospitaalonni barbadaa’aniiru,’’ jedhan.

Ummanni 300,000 ol kan Kaabaa Gaazaatti argamu waan nyaatu dhabuu ibsaniiru. ‘‘Sababii hir’ina nyaataatiin daa’imman 10 du’aniiru’’ jechuun toora X irratti barreessan.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa haala Kaabaa Gaazaa keessa jiru doowwachuudhaaf irra deddeebiin yaalii taasisullee, hanga ammaatti kan hin hayyamamneef yoo ta’u, kan ammaa kunis baatiiwwaniin booda kan jalqabaati jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Keessattuu haalli hospitaala Al-Awudaa kan gamoonsaa gutummaa guutuutti jalaa barbadaa’e baayyee sukkaneessaadha jechuun ibsan.

Dhabbanni Mootummoota Gamtoomanii baatii darbe keessa Gaazaatti hanqinni nyaataa mudachuu akka hin oollee akkeekachiisee ture.

Aanga’aa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, uummata Gaazaa keessaa harki tokko afur ykn uummanni kuma 576 hanqina nyaataa cimaa keessatti argama jedhan.

Akkasumas daa’imman umuriinsaanii wagga lamaan gadi ta’an jaha keessaa tokko haala hanqina nyaataa madaalawaa cimaadhaan dararamaa jiraachu akeekkachise.

Ejansii Daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) gamasaanitiin, ‘‘haalli hanqina nyaataa ulaa Gaazaa keessaa akkuma sodaanneetti cimee kunoo lubbuu daaa’immanii balleessaa jira’’ jedheera.

‘‘Duuti daa’immaniifi sukkanneessaan kun nam-tolchee kun mudachuu akka danda’u kan beekamuufi guutummaan itiifamu kan danda’uudha’’ jechuun Odeele Kodir insa Dilabata kennaniin dubbatanii ture.