Kaayyoon Israa’el Hamaas ‘dhabamsiisuu’ jedhu milkaa’aafii jiraa?

Lola Israa'elii fi Gaazaa

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Mummee Israa’el Beenjaamiin Neetanyaahuun kaayyoon Israa’el Gaazaa keessaa ‘‘bulchiinsaa fi dandeettii waraanaa Hamaas barbaddeessuudha’’ jechuun irra deddebiin kaayyoonsaa Hamaas balleessuu ta’u dubbatan.

Erga waraanni Gaazaa eegaleen baatiiwwan shaniin booda Filisxeemoonni kuma 30 ol ajjeefamu Ministeerri Fayyaa Hamaas Gaazaa keessaa hime. Israa’el ammoo waraanichaan sochii cimaa taasisuufi hanga ‘‘injifannoo guutuutti’’ dhiibuu akka qabu himte.

Haata’u malee Hamaas dhaabbata dandeettii waraanaa ol ta’eedha. Innis ilaalcha, siyaasaa fi sochii hawaasaati. Kanaaf kaayyoon Israa’el garee kana balleessuu dhugoomaa ykn danda’amaayyuu?

Lafarratti maaltu ta’aa jira?

Israa’el waraana shaalaqaa Hamaas Gaazaatti argaman 24 keessaa 18 barbaddeessuu himuun, ‘‘ijaarsa waraana Hamaas kan Kaaba Gaazaa Stiriip keessaa diiguu xumureerra’’ jechuun himte.

Raayyaan Ittisaaa Israa’el (IDF) Hamaas wayita Onkololeessa 7, 2023tti haleellaa banuudhaan namoota 1,200 ta’an ajjeessuun kan 250 ta’an butee fudhateetti loltoota gara 30,000 qaba jedhe turte.

Waraanni Israa’el loltoota Hamaas kuma 13 ajjeessuu kan hime yoo ta’u, MM Neetinaahuun ammoo jalqaba Guraandhalaatti humnoonni isaanii ‘‘shororkeessitoota 20,000 – waraana Hamaas wallakkaan ol kan ta’an ajjeessuu, madeessuu ykn to’achuu’’ himan.

BBC baayyina kana ofiin hin mirkeeffanne. Waraanni Israa’elis bal’ina kanarratti gaafatameef deebii hin kennine.

Ragaan ministira fayyaa akka mul’isutti, baayyinni lakkoofsa namoota Gaazaatti ajjeeffamuu Israa’el jettuu fi kan Gaazaa bahu jidduu garaagarummaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoota nagaa dabalate dhiiroota gaheessaa kuma sagaliitu ajjeeffame jedha ministirri fayyaa.

Qondaalli siyaasaa Hamaas BBCtti akka himaniitti, waan Israa’el jettuu kufisuun, dameen waraanaa isaanii Gaazaa ‚‘guutuutti humni‘‘ saanii sochii itti fufuu himan.

Gabaasni gaazeexaa Israa’el Haaretz Hamaas eddoowwan muraasaatti loltootasaa deebii’ee ijaaraa jiraachuu mul’ise.

Koloneelli Israa’el soramarra jiran, Miirii Eisin, Yunivarsitii Reechimaan International Institute for Counter-Terrorism israa’el keessaarraa, humnootiin Israa’el "ajajoota ajjeessuun bakkeewwan meeshaa waraanaa olkaawwan argachuun, ulaawwan lafa jalaa haala itti yaadameen dhosaan‘‘ jedhan ulaawwan Hamaas lafa jalaa eeruudhaan.

Aab Beenee garuu sirni ulaa lafa jalaa "kan dura tilmaama caalaa baayyee olaanaadha‘‘ jedhu. Kanaafuu Israa’eloonni ulaa kanneen barbadeessuuf baayyeetu isaan hafa, innis namoonni butama keessa waan jiraataniif haleeluun balaa qabaachu himu.

Akkasumas Israa’el dullishee Kaaba Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu miira "ammatti gutummaan barbadduurra adeemsa ukkaamsuu banaa ta’e‘‘ waan fakkaatu himaa jirti jedhan.

Seera addunyaa cabsuun himatuun alattis Manni Murtii Idil-addunyaa himannaa duguggaa sanyii -kan Israa’el mormite ilaalaa jira. MM Israa’el biyyattiin itti fuftee waraana Hamaas hafan akka dura dhaabbatan dhiibbaa gochaa jiru.

Qawwee ilaalcha keessoo barbadeessuu hin danda'u

Madda suuraa, Getty Images

Ilaalcha barbadeessuu dandeessaa?

Hamaas biyyoota lixaa baayyeedhaan akka dhaaba shororkeessaatti ilaalama. Dureewwan garichaa ammalleen Israa’el akka diigamtuuf waamicha yoo dhiyeessan, biyyoota Arabaa muraasa keessatti ammoo sochii diddaa ta’aa jiraachuuti himama.

Hamaas bara 2006tti dorgomaasaa Faataa humnaan dhiibuun erga filannoo injifateen booda bara 2007 irraa kaasee Gaazaa Stirp kan bulchaa jira.

Gaazaan Stirp erga sanaa kaasee Israa’eliifi hanga tokko Masriidhaan cufameera. Sababii nageenyaaf jedhuutiif.

Waggoota darban keessa gareewwan Filisxeem Gaazaarra rookkeettiiwwan kumaatama gara Israa’eliitti kan dhukaasan yoo ta’u, yeroo tokko tokkos deebii kennuudhaaf loltoonni Israa’el waliin Weesti Baankiifi Bahaa Yaruusaalem keessatti walitti bu’insi ni umama.

"Hamaas sochii waraanaa ykn sochii siyaasaa qofas osoo hin taane, ilaalchadha’’ jedhan Walitti dhufeenya Alaa Mana Maree Awurooppaatti ispeeshaalistii Jidduugala Bahaa kan ta’an Huuf Lovaat.

"Ilaalchi barbadaa’u hin danda’u, dhugaatti karaa waraanaa Israa’el kan ta’u miti,’’ jedhan.

Deeggarsi garichi qabsoo hidhannoo Israa’el irratti taasisuu ‘‘keessattuu wayita ammaa kanatti caalaa kan dhagahamuudha’’ jedhan. ‘‘Haala amma jiruun mirgi Filisxeemoonni hiiree ofiin ofii murteessuu kabachiisachuuf dirreen siyaasaa akka hin jirre yeroo itti dhagahamuudha’’ jedhan.

Dr Amjaad Abbuu El Ez Yunivarsitii Ameerikaa Araabaa Weesti Baankiitti barsiisaa Walitti dhufeenya idil-addunyaati. Filisxeemoonni sababa ‘‘eegeereen itti mul’atu hinjirreeff’’ Hamaas deeggaru jedhu.

MM Israa'eel bara aangoo isaanii guutuu bulchiinsi Filisxeem ijaaramuu cimsanii mormu. Ejjannoo isaanii kanaafis yaaddoowwan nageenyaafi Hamaas Israa’eliif beekamtii dhowwachu kaasu.

Garuu hedduun paartii Likuu isaanii keessaa fi michoonni isaa Faar-raayiti mootummaa keessaa Weesti Baankii fi Gaazaa Stirp akka qaama Israa’eliitti ilaalu.

Bara darbe maneen hedduun Weesti Baank keessatti bakka qubannaa Israa’el keessatti akka ijaramaniif mootummaa Israa’eliin raggaasifaman, akka garee rogeeyyii Israa’el Piis Naawu jedhuutti.

Bara 2013 keessaa yoo xinnaate Filisxeemoonni 507 Weesti Baanki keessatti humnoota Israa’elii fi qubattoota israa’eliin ajjeeffamaniiru. Isaan keessaayis 18 daa’imman ta’uu Dhaabbanni Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHA)n.

Akkasumas dhabbanni Biyyoota Gamtooman (UN) haleellaa Filisxeemoonni Weesti Baanki irraa raawwataniin Israa’eloonni 36 ajjeeffamuu galmeesseera.

Kana malees Bulchinsa Filisxeem (PA) kan Faataa keessatti baayyatuufi Weesti Baank bulchaa jiru keessa wal dhabdee cimaatu jira. Filisxeemoonni baayyeen PA akka malaamatuummaan guutameefi Israa’el dura dhaabbachuuf dadhabaa ta’etti ilaalu.

Onkololeessa 7 dura Filisxeemoonni Gaazaa keessaa akka waan "hidhaa guddaa keessa’’ jiraataniitti of ilaalaa turan jedhu Dr Abbu El Ez, akkasumas kan Weest Baank keessa jiraatanis haleellaa qubattoota Jewiishotaan aaranii turan jedhu.

Hawaasni Filisxeem ummata dargaggeessaa baayyee kan qabu waan ta’eef, bakka adeemsi nagaa hin jirreetti qaamooleen kaan ‘‘wanti dargaggoo Filisxeemiitti beeksiisan omtu hin jiru’’ jedhan.

‘‘Hanga qubbannaa jirutti, hanga ajjeechaan jirutti, hanga dararaan jirutti, dhugaatti ummanni baayyeen waan Hamaas jedhu hordofa, sababii abdii barbaadaniif’’ jedhan.

Israa'el Onk. 7 namoota 253 oltu butame jetti

Madda suuraa, Getty Images

Hamaas deeggaruun maaltu ta’a?

Erga taatee Onk. 7n booda Filisxeemoonni Gaazaa keessaa gatii olaanaa baasaa jiraatan illeen, filannoo bara 2023 irratti deeggarsi Filisxeemoonni Hamaas’f kennan akka dabale agarsiisa.

Weesti Baank keessatti ammoo, deeggarsi Hamaas kan Fulbaana %12 irra ture Mudde %42tti ol ka’uu qorannoo Filsxeemoota Weest Baanki 750 fi 481 Gaazaa keessaa irraa walitti qabameeti.

Dr Kaaliil Shiikaaki Wiirtuu Filisxeemoota Qorannoo fi Immaamata Weesti baanki keessaatu qorannoo kana walitti qaban. Dr Kaliil akka jedhaniittis tibba waraanaatti deeggarsi hamaas haalaan dabale.

Sadaasa darbe yeroo Israa’eliifi Hamaas jidduutti dhukaasni dhaabameetti sagalee waliitti qabameen, dubartoonniifi daa’imman Filisxeem mana hidhaa Israa’elii gadhiifaman.

Muraasni kana akka waan Hamaas okkoratti fayyadamuun kaayyoowwan Filisxeemootaa mirkaneessuuf ‘‘baayyee milkaa’aa ta’eetti’’ ilaalan jedhu.

Haleellaan qubattootaa fi deebii waraaniichaaf kennee abdii kutachuun akka Hamaas deeggaran taasiseera jedhu Dr Kaliil.

Haata’u malee Gaazaa keessaatti bakka deeggarsi Hamaas %32 irraa gara %42tti guddateetti ilaalchi jiru addadha.

Hamaas haleellaa Onko.7 raawwatuunsaa sirriidha jechuun kana mana Gaazaa keessaa muraasadha. Gaazaa keessaa %57 kan deegaran yoo ta’u Weesti Baanki keessaa garaa %82tu deegara.

‘‘Kanneen sababii murtee Hamaasiin rakkoof saaxilaman baayyeen Hamaas qeequu’’ jedhu Dr Kaliil.

Gaazezeesitoonni BBC hanga jalqaba Guraandhalaatti Gaazaa keessaa gabaasan Hamaasiitti aariifi abdii kutannaan dhiheenya keessa dabalaa dhufuu mallattoolee hubataniiru.

Jiraattoonni Gaazaa isaan dubbisan muraasnis du’aatii maatiisaanii, barbadiinsa manneenii humnoota Israa’elii raawwatamaniifi beela mudate garichatti aaruuf akka sababaatti kaasu.

Jiraattoonni kunneenis ifatti Hamaas qeequuf yaaddoo qabaachuu kaasu.]

Israa'el dhiibbaa waraanni namoota nagaarra gaheen qeeqamaa jirti

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el dhiibbaa waraanni namoota nagaarra gaheen qeeqamaa jirti

Loltoota dhaloota haaraa?

Dr Abbu El Ez ummanni dargaggoo Gaazaa keessaa baayyeen ‘‘Israa’eeliifi humnaan qubannaa irratti jibbaan kan guutameedha’’ jedhu.

‘‘Akkan yaaduutti dhaloonni itti aanuu haaloo bahuuf garee kanatti makamuu danda’a. Sababii maatiisaanii, ijoolleessaanii, haadhooliifi dhabaniif…" jedhan.

Garuu Koloneel Eisiin ammoo dhimma Hamaasiif deeggartoota baayyee uummachuun akka galmawwan waraanaa irraa hin dhorkineef yaaddoo qabaachuu kaasu.

‘‘Gara jabina, dararaa, ajjeechaa sukkaneessaa’’ Onkololeessa 7 kaasuudhaan, ‘‘ammayyuu baayyee harbeessitoota ta’aniiru’’ jedhu.

‘‘Deebiin keenya dursaa fi barbaachisaan dandeettiisaanii barbaddeessuudha. Ilaalcha kan jiru caalaa waanti cimsuu hin jiru’’ jedhu.

Haata’u, malee Dr Kaliin ammoo, "waraanni guddaan yoo nagaan xumurame dirqama ummata dargaggootaa akka qawwee kaasan hin taasisuu’’ jedhan.