'MM Israa'el maddeen maallaqa Hamaas addaan kutuu hin dandeenye'- hoggaanaa damee tikaa Israa'el

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Mummee Israa’el Beenjaamiin Neetaaniiyaahuun Hamaas Onkoloolessaa 7, 2023 Israa’el irratti haleellaa osoo hin raawwatamiin waggootaan dura carraa sochii maallaqa garee kanaa to'achuuf qabuutti hin fayyadamne jedhan qondaallii tikaa Israa’el olaanaan tokko.
Garuu Neetaaniiyaahuun sochii maallaqa garee Hamaas irratti akka xiyyeeffatuuf yaada dhiyyeessuufi inni gurraa kennuufi diduu hime qondaalli Israa'el duraanii, Udii Leevii BBC Paanooraalaatti.
Qondaalli tikaa kunis yeroodhaan tarkaanfiin fudhatameera osoo ta’e, qophii waraana garichaatti gufuu ta’u mala jedhee amanulleen, mootummaan Israa’el garuu odeeffannoo argamaeerratti hundaa’un tarkaanfii hin fudhanne jedhan.
Waajjirri MM Israa’el hidhannaa dhiyaatee kanaaf deebii hin kennine.
Hidhattoonni Hamaas Onkololeessa 7, 2023 kibba Israa’el irratti haleellaa banuudhaan namoota 1,200 ol ajjeessuun, kanneen 250 ol ta’an butanii fudhatan. Namoota butaman keessaa 130 kan ta’an ammalleen eessa buuteen saanii hin baramne.
Gama biraatiin ammo haleellaa looltoonni Israa’el Gaazaa keessatti gaggeessaa jiraniin namoonni ajjeeffaman kuma 30 of gahuu Ministirri Fayyaa Hamaasiin gaggeeffamu beeksiiseera.
Hanaga bara 2016tti dhaabbata tikaa Israa’el Moosaad keessatti ittigaafatamoo dame Diinagdee kan turan Leeziin, biyyiisaanii Hamaas kan Gaazaa to’atu dhaabuudhaaf, ‘‘to’annoo diinagdee gochuun’’ akka barbaachisu irra deddeebiidhaan Neetaaniiyaahuunitti dubbatanii akka turan ibsan.
Yaadni Neetaaniiyaahuutti dhiyaate deebii omaatuu hin argannee jechuun ibsan Leeviin.
Neetaaniiyaahuun dhimma faayinaansii Hamaas dubbachuuf hayyamamoo ta’u dhabuunii fi haleellaa Onkolooleessa 7 raawwatame walitti dhufeenya qabaachu kan gaafataman qondaalli kunis, ifatti deebii kennaniiru.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘‘Sirriitti eeyyeen qaba. Maallaqa olaanaa gara Gaazaa seenee to’achu ni dandeenya ture. Dandeettiin Hamaas kan akka ammaa ta’u dhiisuu danda’a ta’a jedheen aman,’’ jedhan.
Hamaas ulaawwan lafa jalaatti ijaaree km dhibbaan lakkaa’amu ta’un tilamaamu ijaarsiisuu fi mindaa loltootasaa kuma 30 tilmaamaniif kanfaluuf ‘‘biiliyoonoota malee miiliyoonni’’ hin gahu ture jedhan qondaalli tikaa kun.
Maddeen maallaqa Hamaas Leeviin bara 2014 keessa Neetaaniiyaahuuf kaasan keessaa tokko invastimantoota teessoo isaanii Tarkii taasifatanii fi doolaaroota miiliyoonoota sochoosaniifi Moosaad Hamaas jala akka jiru ibsudha.
Neetaaniyaahiin garuu odeeffannicha irratti undaa’uun tarkaanfii fudhachuu dhiisuu filatan jedhan.
Jiraachu Israa’el kan hin fudhanneefi biyyattii balleessuuf kutatee kan ka;e Hamaas humna waraanaatiin oliidha kan jedhan qondaalli kun, sochii siyaasaa deeggarsa maallaqaa Gaazaan alaa qabuudha jedhan.
Leeviin marii Neetaaniyaahuun waliin taasisan ‘‘waa’ee Kaataariifi Iraan kanneen deeggartoota garichaa mummee ta’anii waliin dubbanneera. Tarkiin biyya furtuudha. Sababiinsaas bu’uraalee misooma maallaqaa Hamaas bulchuudhaaf murteessituudha’’ jedhan.
BBC Paanoraamaanis sanadoota sochiilee invastimantii Hamaas agarsiisuu jedhamaniifi 2020tti argaman qotaraa ture. Dhaabbanni Tika israa’el, Hamaas attamiin maallaqa akka argatu agarsiisa jedheera.
Kaampaaniiwwan 40 Jidduugala Bahaa fi Kaaba Afriikaatti argaman to’annoo Hamaas jalatti akka argaman amanama. Isaan keessaayis Saawud Arabiyaa, Aljeeriyaa, Sudaan, Masrii, biyyoota Galoo Galaana fi tarkiin keessatti argamu.
Invastimantiiwwan garichi keessatti hirmaataa jira jedhaman keessaayis ijaarsi daandii, Faarmaasiiyutiikaal fi meeshaalee wallaansaa akkasumas turizimii, albuuda baasuu, barbaacha warqee fi pirojektii riil isteetii kanneen eeraman keessaayi.
Kaampaaniiwwan sanadichaan tarreefaman keessaa jaha bara 2022 irraa kaasee Ameerikaadhaan kallatti ykn al-kallattiidhaan abbummaan ykn to’annoon Hamaas kan irra jiruudha jedheera.
Ameerikaanis dhorkaa irra kaa’urra dandeettii daldalasaanii dadhabsiifte.
Dhaabbilee tarreefamaniitti aansuunis tokko tokkoo gahee Hamaas qabu ibseera.
Gaheen Hamaas dhaabbilee tokko tokko keessaa qabu kan doolaara miiliyoonootaan lakkaa’amu yoo ta’u, gatiin waliigalaas dolaara miiliyoona 422 ol ni ta’a jedhame. Kana keessaas baayyeenisaa kan riil isteetii irra ooleedha jedhameera.
Hundeessaa Wiirtuu Yakkawwan Tajaajila Faayinaansii fi Qorannoo Nageenyaa Yunaayitid Royaal (CFCS) kan ta’an, Toom Kiitiing akka jedhaniitti, invastimantiin qabeenyaa gatii hin kufnee fi galii kiraa argamsiisuuf dandeettii qaban dhaabbata akka Hamaasiin bulfamuuf ‘‘baayyee kan mijataniidha.’’
Dhaabbilee Ameerikaadhaan dhorkaan irra kaa’ame keessaa tokko dhaabbata riil isteetii Tarkii Tireend Giiwaayi’o jedhamuudha. Sanadicha keessatti bara 2018tti maqaasaa dur ‘‘Andaa tarkii’’ jedhamuun yeroo baayyee eerameera.
Haleellaa Onk- 7 ykn Hamaas akka jedhuutti ‘‘Duulli Al-Aqiisaa’’ raawwatamu horde dura taa’aan Tireendi duraanii, Haamiid Abduulaah Al-Ahimaar dulicha leelliisan.
Konfaransii Amajji 2024 Isaambuliitti gaggeeffameerratti haasaa taasiisaniin, ‘‘dulli Alaaqsaa kan sadarkaa olaanaa irratti argamuufi duulli osoo weerarri Filisxeem jaalatamtuu hin dhaabbatiin booddeetti hin deebiine duuban jira,’’ yoo jedhan dhagaham.
Itti aansuunis, ‘‘Tsiyoonaawiimmaa akka sochii finxxaaleeyyummaafi shororkessummaatti gochuuf akka hojjatu’’ yaa’icha gaafatan.
Paanooraamaan dhimmicharratti Al-Ahimaariif gaaffii dhiyeessulleen deebii hin argatiin hafe.

Tireendi BBCtti akka himeetti, himannaan Ameerikaan kaampaaniiwwaniifi Hamaas jidduu waliitti dhufeenyi jira jechuun dhiyeesse, ‘‘haqa kan hin qabneefi bu’ura kan hin qabneedha’’ jedhan.
Aanga’oonni tarkii Tireendi irratti qorannoo akka gaggeessaniifi ‘‘dhimma sirna faayinaansii biyyasaanii cabse omaa akka hin arganne’’ akkasumas Tarkiin seera faayinaansii addunyaa ni kabajji jedhan.
Hamaas garuu madden maallaqaa adda addaafi kan bara dheeraa lakkoofsise qaba. Kanneen garichaaf maallaqa waliitti qaban mumme jedhaman keessaa tokko Yaahyaa Sinwaar yoo ta’an, amma Gaazaatti dursaa damee siyaasa Hamaas ta’un tajaajilaa jiru.
Namni kunis Hamaasiif maalaqa walitti qabu kan eegale osoo mana hidhaa israa’el keessa jiru ture. Bara 1988tti mana hidhaa kan bu’e Filisxeemoota Israa’eliif basaasu jedhamanii shakkaman ajeessuun ture.
Miikaa Kuubii duraa miseensa Tika Israa’el ta’un hojjatee ture. Sinwaariin sa’aatii 150 akka gaafate dubbata. Sinwaar mana hidhaa keessa taa’ee ergaa icciitii erguun Iraan waliin quunnamtii uume jedhan.
Bara 2007tti Hamaas filannoodhaan erga aangoo qabateen waggaan booda Israa’eliifi biyyi ollaa Masriin nageenyaaf jecha dhorkaa Gaazaarra kaa’an cimsan.
Walitti dhufeenyi Sinwaariifi Iraan dhorkicha fashalsiisuu akka gargaare Kiibiin ni dubbatu.
‘‘Walitti dhufeenyicha eegaluuf jalqaba ergaa Iraaniitti erge. Meeshaa waraanaa akka erganiifis gaafate. Achinis waan Hamaas barbaachisuun deeggaruudhaaf waliigalan’’ jedhan. “Inni jalqaba waan hundaa ture.’’
Ittigaafatamaan Moosaad duraanii, Udii Leeviin akka dubbataniitti, maallaqni Hamaasiif oolfamu Kaataarii karaa ifaafi dhoksaatiin qaqabuu eegale.
Maallaqicha keessaa maallaqni callaan hayyama kenniteen dabarfamuu israa’el ammante jirti. Kunis aanga’oota mootummaa Hamaas keessatti argamaniif mindaa kanfaluu fi deeggarsa namoomaa ummata Gaazaaf kennuuf kan ramadameedha.
‘‘Kaataaroonni jila adda ji’aan dhufu qabu. Jeettii dhuunfaatiin shaanxaa qabachuun Raafaah dhufuun Gaazaa seenuun shaanxicha aanga’oota Hamaasiitti kennuun nagaa dhaamanii deebii’u’’ jechuun ibsan Leeviin.
Akka Paanoraamaatti himaniitti, ‘‘maallaqa kana keessaa irra caalaansaa dame waraana hamaas deeggaruuf kan ooluudha’’ jedhan.
Dhaabbilee Biyyoota Gamtoomaniitti, Gamtaa Aworooppaatti, mulchiinsi Filisxeem Waaest Baankiitti argamu fi dhaabbilen gargaarsaa hedduudhaan deeggarsa dabalataa biiliyoonootaan lakkaa’amu taasisaniiru. Hunduu kan kaayyoo namoomaaf yaadamaniidha.












