Gaazaatti namoonni deeggarsa argachuuf waliitti qabaman 100 ol ajjeeffaman

Namoota miidhaman

Madda suuraa, SM

Gaazaatti namoonni deeggarsa argachuuf konkolaataa deeggarsa fe’e ture marsan keessaa yoo xinnaate 112 yoo ajjeeffaman, kan 760 ta’an irra miidhaan qaqabuun gabaafame.

Taateen namoonni hedduun Kamisa kaleessaa ittiin ajjeeffame kan mudate namoonni hir’ina nyaataan rakkatan wayita daandii qarqara galaanaa kibba lixa Gaazaatti irratti konkolaataawwan gargaarsaa taankiiwwan Israa’eliin marfamanii deemaa turan irraa midhaan buusuu yaalaniitti ture.

Waraanni Israa’el taankiin kan dhokaafame akeekkachiisaaf malee konkolaataawwan deeggarsaa akka hin rukutamne ibse.

Haata’u malee, Filisxeemoonni tokko tokko loltoonni Israa’el kallattiidhaan gara isaaniitti akka dhukaasan dubbatan.

Namni Filisxeem taatee ijaan arge tokko BBCtti akka himeetti, namoonni baayyeen kan du’an wayita konkolaattoonni gargaarsa fe’an gara fuulduraatti imaluuf wayita jedhuutti walitti bu’uudhaan jedhe.

Konkolaattonni 30 deeggarsa Masrii fe’an kan namoota nagaatiin marfaman osoo karaa humna ittisa Israa’el ‘‘deeggarsi ittiin darbuu’’ irra osoo imalaa turaniidha.

Taateen kunis lakkoofsi namoota walitti bu‘insa Israa’eliifi Hamaas jidduutti gaggeeffamuun ajjeeffaman daa’immaniifi Dubartoota kuma 21 dabalatee, namoonni kuma 30 ol ajjeeffamuu beeksisieen sa’aatiiwwan booda ture.

Ministirichi itti dabaluudhaan namoonni kuma torba akka bakka buuteensaanii dhabameefi kanneen 70,450 irra ammoo miidhaan qaqabuu beeksiise.

Waraanni Israa’el viidiyoo namoota dhibbaan lakkaa’aman kanneen konkolaataa deeggarsa fe’ee jiru marsan agarsiisuu baasee ture.

Suuraan Israa’el karaa gubbaatiin kaafaman, namoonni dhibbaan lakkaa’aman konkolaataa marsanii mul’atu.

Suuraaleen miidiyaa hawaasaarratti qoodaman konlolaattoota gargaaraa duwwaa fi reeffa gaarii harreen harkifaman irratti fe’aman fa’i agarsiisan.

Taateen kanaan namoonni 112 ajjeeffamanii kanneen 760 ta‘an ammoo miidhaan irra qaqabuu, ministirri fayyaa Gaazaa Hamaasiin durfamu ‘‘duguggaa jumlaati’’ jechuudhaan himateera.

Suuraa samiirraa kaafame

Madda suuraa, ISRAEL DEFENSE FORCES

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manni Maree Biyyoota Gamtoomanii dhimma kanarratti mari’achuuf walgahii cufaa atattamaan gaggeessuuf karoora qabateera.

Faransaayi gamasheetiin loltoonni Israa’el namoota midhaan gargaarsaa argachuuf walitti qabaman irratti dhokaasuun haqa miti jechuun komatte.

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan gama isaanitiin, taateen kunis yaalii Israa’eliif Hamaas jidduutti yeroodhaaf dhukaasa dhaabuuf taasifamaa jiru kan wal xaxaa taasisuudha jedhan.

Dhaabbannii gargaarsaa Garee Hakiimoota Daangaa Maleeyyii (MSF) haala Gaazaa keessaa, ‘‘sukkanneessaa’’ kan jedhe yoo ta’u, dhukaasa dhaabuun atattammaafi walitti fufaan akka ta’uuf waamicha taasiseera.

Pirezidantiin Filisxeem Mohaammud Abbaas ‘‘ajjeechaa sukkaneessaa’’ raawwachuun humnoota Israa’el himatan.

Barreessaa Olaanaan Biyyoota Gamtoomanii Antoonii Guutareez gochiicha balaaleeffachuun, atattamaan dhukaasa dhaabuun namoomaa akka taasifamuu fi halduree tokko malee Israa’eloonni butaman akka gadi dhiifamaniif irra deebiin waamicha taasisan.