Eegduun dahoo bineensotaa dorgommii idil-addunyaa mo'atte maal himti?

Fatiyaa Usmaan waggoota 12 darbaniif Dahoo Arbaa Baabbilee eegurra bobbaateetti

Madda suuraa, Ethiopian Wildlife Rangers Association

Ibsa waa'ee suuraa, Fatiyaa Usmaan waggoota 12 darbaniif Dahoo Arbaa Baabbilee eegurra bobbaateetti

Fatiyaa Usmaan dorgommii Sadarkaa Idil addunyaa 'Eegduu dahoo bineensotaa cimoo bara kanaa' jedhu kanneen injifatan keessaa tokko taateetti.

Dorgommii kana injifachuu isheetiin badhaasa waraqaa ragaa idil addunyaa argatte.

Dabalataan, waajjirri ishee fi namootni mo'achuu isheetti gammadan kaanis dhuunfaan badhaasa akka kennaniif BBC'tti himteetti.

Dorgommii karaa vidiyootiin Siwiizarlaand, Jenevaatti gaggeeffame kana Fatiyaan Ministira Muummee duraanii Hayilemariyaam Dassaalenyii waliin fa'i hordofte.

Akkasumas aangawootni abbaa taayitaa eegumsa bineeldota Itoophiyaallee Finfinneedhaa waliin hordofan.

Badhaasni ''International Ranger Awards 2023'' kuni hojii isheef hamilee olaanaa akka uumu BBC'tti dubbatte.

“Badhaasa kana addunyaatu naaf kenne. Badhaasa kanatti baay'een gammade. Ana qofa osoo hin taane reenjarootni Itoophiyaa fi Afrikaa gammadaniiru.”

Abbaan Taayitaa Eegumsa Bineeldota Itoophiyaa Fatiyaan injifachuu isheen gammachuu ibseera.

Dorgommii kana Gamtaa Qabeenya Uumamaa Idil addunyaa (IUCN)'tu qopheesse.

Akkamiin seente?

Eegduu Dahoo Arbaa Baabbilee kan taate Fatiyaan, Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbileetti dhalattee guddatte.

Jaalalli isheen qabeenya uumamaatiif qabdu eegumsa dahoo bineensotaa kanatti akka ishee fide BBC'tti dubbatte.

“Yeroon barachaa ture mana barumsaatti kilaba adda addaa keessattin hirmaadha.

''Gaafan kana hojjedhu waa’een qabeenya uumamaa kuni jaalallisaa nakeessatti uumame.

''Naannoo keenya durumaa arbi waan jiruuf jaalalli arbaas ijoollummaadhaanin qaba” jetti.

Bara 2003 yeroo dorgommiin ‘Iskaawutii’ ykn eegduu dahoo Bineensotaa dahoo Arba Baabbileetti bahettis dorgomtee hojii eegumsaa kana tokko jettee jalqabde.

“Yeroo iskaawutii kanaaf dorgomnus dubartiin anuma qofa ture. Dhiira 59 fi dubartiin anuma qofa.

''Egan hojii jalqabee gara waggaa 10’tti dhihaatuufis anaan ala eegduun dahoo bineensotaa dubartii taate Dahoo Arba Baabbilee kana hin turre” jetti Fatiyaan.

Waggaa sadiin dura ammoo dahoo arba Baabbilee kanatti itti-gaafatamtuu reenjarootaa ta’uun tajaajilaa jirti.

Fatiyaa Dahoo Bineensota Arbaa Baabbilee gama Baha Itoophiyaa argamu keessatti

Madda suuraa, IUCN

Ibsa waa'ee suuraa, Fatiyaa [kan gara mirgaa] Dahoo Bineensota Arbaa Baabbilee gama Baha Itoophiyaa argamu keessatti

Hojiin reenjarummaa (eegduu dahoo bineensotaa) kuni ulfaataa ta’ulleen jaalala guddaa waanin qabuufif gammachuudhaanin hojjedha jetti Fatiyaan.

“Guyyaadhaa hin jettu halkani hin jettu dahoo kana keessa deemnee eegna.

''Hojii manaa kiyya hunda maatii kiyyatti dhiiseen jaalala qabeenya uumamaa fi Arbaaf qabuuf jecha reenjaroota kaan waliin askeessa deema.

''Aarsaa guddaan itti kaffale. Ammoo ittan gammada” jetti.

Dahoo Arbaa Baabbilee kanatti Olmaa hojii guyyuu isaanii yeroo ibsitus “ Hojiin keenya guddaan namni akka Arbatti hin buune, Arbis akka namatti hin buune addaan eegna.

''Bosonnis akka hin ciramne ni eegna. Ni kunuunsina.”

Ministirri Muummee duraanii Itoophiyaa H/Maariyaam Dassaalany badhaasa kana Fatiyaa waliin Finfinneerraa hordofan

Madda suuraa, EWCA

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee duraanii Itoophiyaa H/Maariyaam Dassaalany badhaasa kana Fatiyaa waliin Finfinneerraa hordofan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hojii eegduu dahoo bineensotaa waggoota 12 darban hojjette kanattis mudannoo hedduu qabdi.

Mudannoon bara 2012 namootni seeraan ala dahoo Arbaa keessa qubatan yeroo dubbisuuf dhaqanitti dhukaasa itti banan yoomuu kan hin daganne akka ta’es himti.

“Eegdota gara nama 10, raayyaa itisaa nama 10 fi itti-gaafatamtoota dahoo arbaa Baabbilee taanee gara qe’ee namoota seeran ala daangaa keessa qubatan dubbisuu deemne.

''Wayita achi geenyu nutti yaa'aniituma dhukaasa nutti banan. Namni lama battala du’an. Kaan ni madahan. Kana yoomuu hin dagadhu” jetti.

Hojiin jaalala qabeenya uumamaatiif qabduuf jecha gammaddee hojjettu kanaan badhaasa idil addunyaa kana mo'’achuun akka ishee gammachiise himteetti.

Dorgommii reenjarootaa idil-addunyaa kan Fatiyaan mo'atte kanarratti Afrikaarraa namoota lama qofatu dorgomee ture.

Kana dura reenjariin waggoota dheeraaf Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee eegan Obbo Hajji Eebbu bara 2019 badhaasa 'African Ranger Award' fudhataniiru.

Giddugalli kunuunsa arba Baabbilee bara mootii H/Sillaaseetii ALI bara 1962 hundaa’e.

Yeroo ammaa dawoo arbaa kana keessa gosi arbaa ‘Loksodaantaa Afrikaanaa’ jedhaman 300 ol jiru.