Bineensota bosonaa: Itoophiyaa keessa adamoon gama seeraan taasifamu jiraa? Akkamiin raawwatama?

Hunting trophies on floor

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 'Goflaa' adamoo biyyoota addunyaa garagaraatti sassaabuun baramaadha
    • Barreessaa, Elias Mulugeta Hordofa
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Bineensota bosonaa karaa seeraanis tahe seeraan alaan adamsanii qabuun yookaan soorachuun barmaata yeroo dheeraa lakkoofsisedha - achi dhuftee ilma namaa wajjiin hidhata cimaa qaba.

Odeessi kun waa'ee adamooti - gara caalu waa'een adamoo ennaa ka'u kan irratti dubbatamu gama seeraan alaan kan taasifamudha. Odeessa kanaan kan ilaallu garuu, isa heeyyama barbaachisaa tahe guuttatanii gama seeraan adamoo gaggeessan irratti.

Addunyaarratti dhimmi bineensota adamsuu akkaan walfalmisiisaadha. Kanneen qabinsa bineensotaaf falman, gama seeraanis tahe heeyyamaan ala adamoon gaggeeffamu tasumaa waan tahuu hin qabnedha jedhu.

Dameen diinagdee yeroo hedduu ifatti hin haasawamneef kun Itoophiyaa keessa jiraa? Akkamiin raawwata? Bineensota akkamiifaa, haala akkamiin adamsu? - gaaffilee deebii itti barbaannedha.

Suuraalee fi ibsi odeessa kana keessatti eeraman muraasni miira keessan jeequu malu.

Short presentational grey line

Dhimma kanarratti odeeffannoo kan nuu kennan Dhaabbata bosonaafi bineensa bosonaa Oromiyaatti Daareektarri Misoomaafi Itti-fayyadama Bineensa Bosonaa Obbo Cammara Zawudeedha.

Adamoon seera qabeessaa karaa lamaan gaggeeffama jedhu - dhaabbileen heeyyama qaban maamiltoota biyya alaatii fidanii bakkaafi ammantaa heeyyama argatanitti kan adamsiisan.

Inni biraa ammoo lammiileen biyyattii adamsuuf kan heeyyama argatan ni jiru. Isaan kun garuu akka lammiilee biyya alaa gosti bineensotaafi shimbirroowwan adamsuu danda'an hedduu miti, daangaa qabu - hanga gosoota bineensotaa jahatu eeyyamamaaf jedhu.

Adamoo akka ispoortiitti

A professional hunter

Madda suuraa, Getty Images

Obboo Cammaran sababa namoonni biyyoota alaarraa dhufanii adamoorra hirmaatan ispoortii wajjiin walqabsiisu. ''Atileetonni kaayyoon isaanii maali?'' jechuun gaaffii kaasneef gaaffiin deebisan.

''Kaayyoon isaanii dorgomanii mo'ataa tahanii bahuudha. Haaluma walfakkaatuun warri adamoo seeraa gaggeessan kuni warra qabeenya qabanidha. Isaaniif akka madda bashannanaati jedhamee fudhatama.''

Yeroo duraanii 'sport hunting' jedhamaa kan ture dameen kun, ''bu'anii bahanii, kufanii kahanii bineensa guddaasaa barbaadanii argatanii ennaa adamsan, akka shaakallii qaamaati. Kunis isaan gammachiisa,'' jedhu.

Adamoo boodas bu'aasaa fudhatanii gara biyyasaanii galu - kunis 'goflaa' (trophy) jedhama. Bineensa keemikaalaan goggoggee jiraa akka fakkaatu godhamee midhaassame kanas godambaa fi bakkeewwan agarsiisaa garagaraa keessa kaa'u.

namoota bineensa adamsanii ajjeesan wajjiin

Madda suuraa, Social Media

Maal fa'i adamsu, daangaa qabaa?

Gosti fi akkaataan adamoo biyyaa biyyatti gargari.

Akka Itoophiyaatti bineensota hoositoota (mammals) jedhaman qofatu kan heeyyamamu oggaa tahu, gosa bineensaa 52 adamsuun ni heeyyamama. Kurupheerraa kaasee hanga gafarsaatti.

Dhalaan hin adamsamu, kormasaa qofatu adamsama. Kormaan kunis kan dulloomee umuriinsaa du'aaf deemaa jiru tahuun akka irra jiru kaa'ameera.

''Gadamsa baddaa yoo fudhanne, gaanfa isaatu safarama. Safarriin isaa inchii 28.5 ol tahuu qaba.''

Bineensota bosonaa kan ennaa adamsanis meeshaalee waraanaa kan fayyadaman oggaa tahu, bineensa kam meeshaa waraanaa akkamiifi rasaasa hangam guddaa tahe akka fayyadamuu qabanis qajeelfamni akka idil-addunyaatti taa'ee jira.

''Rasaasa arbaaf oolu, kurupheef yookaan bosonuuf hin heeyyamamu,'' kan jedhan Obboo Cammaran meeshaalee waraanaa guutuu biyyuma isaaniirraa fidanii dhufu jedhu.

Bineensa adamoon ajjeefame

Kan simbirrootaas haaluma walfakkaatuun rasaasni itti adamsamu adda akka tahe kaasu ogeessi bineensota bosonaa kun.

Kuni hojiirra ooluusaa mirkaneessuufis seerri taahe jira. ''Fakkeenyaaf namni tokko kormaa umurii heeyyamame gadi tahe yookiin dhalaa yoo ajjeese, dachaa kanfaltii raawwatee adabama,'' jedhu Obbo Cammaran.

Kana malees qaama mootummaarraa ogeessi dhimma kanarra hojjetu jara adamsan kanneen wajjiin bobba'uun, qajeelfamni hordofamuu mirkaneessa jedhan.

Bineensa adamoon ajjeefame

'Galii guddaa argamsiisa'

Ogeessi qabeenya uumamaa kun dameen kun biyyattiif galii guddaa argamsiisa jedhu.

''Biyyoota akka keenyaaf madda galii guddaadha. Qabeenyi bineensa bosonaa gurguramu kun, bineensa umuriisaa fixee du'a uumamaaf deemaa jiru waan taheef, gurguramus gurguramuu baatus, har'as tahu iftaan du'a uumamaa du'uun isaa hin oolu.

''Bineensa du'aaf qophaa'aa jiru gara maallaqaatti jijjiiruu jechaadha,'' jedhu.

Kanfaltiin raawwatamu sharafa biyya alaatiin waan taheef, madda sharafa biyya alaati. Baasii dabalataas biyyattii keessatti baasu jedhu.

Akka fakkeenyaatti gadamsa baddaa (mountain nyala) jedhamu haa fudhannu - bineensi kun akka addunyaatti Paarkii Biyyoolessaa Gaarreewwan Baalee qofa keessatti argama.

Namni biyya alaa bineensa kana adamsuuf dhufu lubbuusaatiif doolaara 15,000 yookaan ammoo Birrii 800,000tti siqu baasa jedhu Obboo Cammaran.

Akka Obboo Cammaran jedhanitti namni bineensa kana adamsuuf gara biyyaa dhufu doolaara 15,000 heeyyama qofaaf baasuus, waliigalatti hanga biyyaa bahutti doolaara 80,000 ol baasuu mala jedhu. Kunis maallaqa Itoophiyaa miiliyoona afurii ol jechaadha.

Iddoo Adamoo to'annaa Haantoo

Madda suuraa, Shimelis Lemma

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka adamoo to'annaa Haantoo, dhiyeenya Paarkii

Eessatti?

Akkuma bineensonni adamsaman adda bahanii akkuma taahanitti, eessa fa'itti adamsu kan jedhus seeraafi qajeelfamaan taa'ee jira.

Akka Obboo Cammaran jedhanitti Itoophiyaatti paarkiiwwan biyyoolessaafi dahoo bineensota bosonaa keessatti adamoon hin eeyyamamu.

''Bakkeewwan lafa adamootiif tahu jedhamanii qorannoon adda bahanii daangeeffamanitti waggaa sadiin lakkoofsi gaggeeffama,'' jechuun akkanaan adeemsifama jedhu.

Akka Itoophiyaatti naannolee afur: Oromiyaa, Kibbaa, Affaar fi Somaalee keessatti adamoon ni gaggeeffama.

As keessaas harka 85 kan tahu Oromiyaatti gaggeeffama jedhu. Kanaafis akka sababaatti ''qoodni Oromiyaa kan guddaa taheef, bineensonni adamoof barbaadaman keessaa gosa bineensa sadii gabaa addunyaaf kan dhiyeessitu Oromiyaa qofadha - gadamsa baddaa (mountain nyala), Borofa Minilik fi Jaldeessa Cilaadaadha.

''Kana malees lafa adamoon itti gaggeeffamuunis sadarkaa tokkoffaarra jirra,'' jechuun gosoota lafa adamoo lamatu jira jedhu: lafa adamoo to'annoo (Control Hunting Area) fi lafa adamoo banaa jedhamu. Bakkeewwan akkasii 24 tahan ni jirus jedhu ogeessi kun.

Gama kaaniin lafti adamoof oolu daangaa paarkiirraa yoo xiqqaate km shan fagaatee argamuu qaba. Bineensota bakkeewwan adamoo jedhaman kanneenitti argaman qofa adamsuutu danda'ama.

Kanneen keessaa dhiyeenya Paarkii Biyyoolessaa Gaarreewwan Baaleetti kan argaman Haantoo, Shanan Barbaree, Basmannaa Odoo Buluufi, Abbaashabbaa Dammaroo bakkeewwan jedhaman iddoo gadamsi baddaa itti adamsudha.

Mormii adamoo irratti

Protest against trophy hunting

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, UK dabalatee biyyoota addunyaa garagaraatti adamoo bashannanaaf raawwatamu irratti mormiin ni gaggeeffama

Addunyaarra adamoo irratti ilaalchi jiru daran kan qoodamedha - rogeeyyiin mirgoota bineensotaa bashannanaaf yookaan ispoortiif jecha bineensa adamsuun gara jabina, kan hin barbaachisneefi naamusa kan cabsudha jedhu. Dhukkubbii, dararaafi hammeenya bineensota kanarra gahu hadheeffatanii mormu.

Itoophiyaa keessa qaamoleen mirga bineensotaaf mormaniifi adamoo irratti ilaalcha addaa qaban jiraachuu baatanis, gaazexeessaaan waa'ee uumamaa irratti dhimmamee hojjetu Henook Siyyuum, kanneen adamoo hin deeggarre keessaati.

''Bineensonni du'a uumamaa akka hin duune adamsanii ajjeesuun, of jaalachuudha,'' jedha.

Dhaabbanni biyya Ameerikaa PETA jedhamuufi qabiinsaafi mirgoota bineensotaaf falmu, qaamolee adamoo irratti adda durummaan qabsaa'an keessaati.

Dhaabbati bu'aaf hin hundoofne kun, addunyaarra miseensotaafi deeggartoota miiliyoona sagalii ol akka qabu hima.

Akka dhaabbanni kun amanutti seenaa dhala namaa waggoota 100,000 duraan adamsuun dhimma jireenyaafi du'aa kan ture ennaa tahu, ilma namaa amma jiruuf tasumaa waan barbaachisu miti jedhee morma [Afaan Ingiliziin]. Yoo hammeenya raawwachuun bashannana yoo jedhan malee, waan barbaachisu miti jedha.

Dabaluunis addunyaarraa dhabamuu gosoota bineensotaaf adamoon sababa taheera jechuun, gosti bineensaa Tasmanian tiger fi great auk jedhaman sababuma kanaan dhabaman jedha.

Bineensonni namoota adamoof leenjii hin qabneen rukutaman hedduun, du'a dararaa qabuufi dheeraa taheef saaxilamu jedha. Kana malees adamoon godaansa bineensotaa danquun, maatiis balleessa jedha PETA'n.

''Uumamni waan ofii maluuf beeka - yoo madaalliin uumamaa jeeqamuu baate, akkatti of jiraachisu uumamni beeka.''

Ibsa waa'ee viidiyoo, Bineeldota bosonaa addunyaa irraa baduuf jiran