Arbi Baabbilee balaarra jiran baatiiwwan darban keessa namoota 13 ajjeesan

Arba

Madda suuraa, Science Photo Library

Ibsa waa'ee suuraa, Arbi guyyaatti nyaata kuntaala lamaa ol soorata

Arbi bakka kunuunsa Baabbilee keessatti argamaniifi ofiifuu balaarra jiran namaan walitti bu’anii baatiiwwan darban namoota 13 ajjeesuu ibsame.

Dawoon arbaa kuni Naannoo Oromiyaa, Godina Harargee Bahaa, Aanaa Baabbileetti argama.

Itti-gaafatamaan Waajjira Eegumsaafi kunuunsa Arba Baabbilee Obbo Adam Mahaammad BBC’tti akka himanitti arbi namootaan ni ajjeefamu.

‘’ALI bara 2014 daangaafi dahoo arba Baabbilee keessatti arbi nama 8 lubbuu baasee gara nama afurii madeesse. Arba 12’tu du’e. Bara kanammoo [bara 2015] nama shan ajjeese, arbimmoo sadiitu du’e,’’ jedhan.

Akka qondaala kanaatti arbi ilkaaniif jedhamees ni ajjeefamu.

Walitti bu’iinsi namaafi arbaa kan mudate namoonni bakka bosona arbi keessa dahatu keessa waan qubataniifi jedhan.

‘’Qubannaa seeraan alaa bal’inaan gaggeeffamaa jira. Kanarraa kan ka’e arbi lafa dhabee rakataa jira,’’ jechuun himan. Namoonni qubatan 3000’tti akka tilmaamamanis ibsan.

Hawaasi bakkee arbi jiraatu qubatan qonna babal’ifachuuf bosona ciruunis rakkoo biraati.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘’Arbi bosonni irraa manca’e dirqama midhaan hawaasaa nyaata. Kanaafuu walitti bu’iinsi dabalaa jira.’’

Akkaataa arbi nama ajjeesuus yoo ibsan ‘’Nama kumbiin qabdee darbiti,’’ jedhan. Namoonni haalaan lafatti darbatamaniis lubbuu ni dhabu.

Giddugalli kunuunsa arba Baabbilee bara mootii H/Sillaaseetii ALI bara 1962 hundaa’e.

‘’Baay’inni isaa yeroo dahoon arbaa hundaa’u 600, amma garuu gadi bu’ee gadi bu’ee 320 ni gaha lakkoofsi isaa,’’ jechuun BBC’tti himan.

Yeroo ammaa dawoo arbaa kana keessa gosi arbaa ‘Loksodaantaa Afrikaanaa’ jedhaman 300 ol jiru.

‘’Yeroo dhihoo as namoonni baay’inaan dawoo arbaa kana keessa qubachuu eegalan. Arbi kunneen suluula qiinxamaa lama keessa jiraataa jiru,’’ jedhan Obbo Adam.

Ajjeechaa namaan ala sababoota uumamaafi nam-tolcheen arbi dawoo Baabbilee keessa jiran balaaf saaxilamaniiru.

Arbi guyyaatti hanga 40km imaluun bishaan litira 200 dhuguun ala nyaata 250-300kg kan sooratan ta’u ibsanii.

Sababa kanaaf qubannaan namootaa yaaddessaa ta’u eeran.

‘’Namoonni dawoo arbaa seenuun arbatti iyyu,’’ kan jedhan Obbo Adam, arbi iyya waan hin jaalanneef bakkicha dhiisee deema.

‘’Arbi yoo dhiphate, yoo jeeqameefi nyaata yoo dhabe waan hin horreef, osoo hin jeeqamiin nagaan akka jiraatu dawoon namarraa bilisa ta’u qaba.’’

Yeroo ammaa ‘’Bakki amma arbi irratti argamu 3,000km2 hin caalledha,’’ jechuunis dubbatani.

Akkaataa amma jiruun waggaatti arbi 10 -12 akka du’aa jiru himan. Yoo kanaan itti fufe ‘’arbi baduu danda’a’’ yaaddoo jedhu qabu.

Arbi Itoophiyaa keessa baay’inaan Baabbileetti haa argamuyyuu malee Naannoo Kibbaa, Gaambellaa fi Naannoo Tigraayittis ni argama.

Dawoo Baabbilee keessa arbaan ala bineensonniifi allaattiiwwan garaagaraas ni argamu.