Lakkoofsi fardeen bosonaa gaara Qundhudhoo akkamiin dabale? Madda turizimii gochuuf maaltu yaadame?

Madda suuraa, Marco VIgano
Lakkoofsi fardeen bosonaa Gaara Qundhudhoo kan Godina Harargee Bahaa keessatti argaman dabaluu ibsame.
Fardeen kuni jaarraa tokko ta'uf daggalatti hafanii turaniis booda kana lakkoofsi isaanii akkaan xiqqaatee ture.
Itti-gaafatamtuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Godina Harargee Bahaa Aadde Aleeyikaa Nasraddiin BBC'tti himanitti kunuunsa taasifameefiini lakkoofsi isaanii kan dabale.
''Fardeen kun lakkoofsa sagalirraa amma gara 29 gahaniiru. Dhiira 16 dhaltuu 12/13 ta'utu babal'atanii jirani,'' jechuun BBC'tti himan.
Dabalataan, gaarreen Fardeen kuni itti argaman hawwata turizimii akka ta'aniif karoorri wagga kudhanii Yunivarsitiin Haramaayaafi Inistitiyutiin Lubbuu Qabeenya Itoophiyaa irratti qooda qaban qophaa'eera.
Akka qondaala kanaatti Fardeen kuni Gaara Qundhuudhoo Aanaa Gursumiifi Jaarsoo gidduu argamurra waggoota dheeraaf jiraatu.
''Yeroo dheeraaf achuma turanis kunuunsi adda addaa taasifamaafi hin turre. Sanyiin isaanii gara dhabamuutti gahee ture. Ummanni naannawa sanaa of biratti fuudhee kunuunsuu eegale,'' jedhan.
Ta'us, boodarra gaaratti deebisuuf ''hojiin bal'aa'' hojjetame jedhan. Hojii kana keessa qaamoleen mootummaa dhimmichi isaan ilaallatu aanaa, godinaafi naannoo irratti hirmaataniiru.
''Gaaruma saniitti deebi'anii jiranii yeroo sana. Lakkoofsaan sagal ni ta'ani. Waan isaan barbaachisuufi gaarreen san daangessuun,'' dalagamuu dubbatan.
''Gaarichi hoggaa ol baate dhagaatu jira. Gubbaa hogaa baatummoo dirreedha. Dirree guddoodha. Achumarra dheedaa jiraatu.
''Garuu dabalataan Nyaannis bishaanis ni dhihaataaf. Kanaaf haala mijataa uumameetu jira. Kanaafi isaan walhoranii 29 gahuu kan danda'an,'' jechuun himan.
Miidiyaaleen biyya keessaa lakkoofsi fardeenii 31 gahuu gabaasuu isaanii kan gaafanne qondaalli mootummaa kuni sababa isaan adda hin baafanneen ''akka du'an'' himani. ''Dhihoo bira geenye'' jedhan.
Madda turizimii gochuuf
Fardeen kuni madda turiizimii osoo ta'u danda'anii kuni garuu ta'aa hin jiru. Sababoota kana gochuuf rakkoo ta'an keessaa tokko bu'uuraaleen misoomaa dhibamuudha.
''Haalli mijataa hin jiru,'' jechuun kan ibsan qondaalli dubbisne kana bu'uura godhachuun Yunivarsiitii Haramaayaaf Inistitiyutii Lubbuu Qabeeyyii Federaalaa waliin waliigalteen tolfamuu himan.
Waliigalteen baatii tokko dura tolfame jedhame kuni Gaara Qundhuudhoo fardeen daggalaa irra jiran madda hawwata turizmii akka ta'uf gargaara jedhameera.
''Karoora waggoota 10 baasnee, walii mallatteessine,'' jedhan Aadde Aleeyikaan. Karoorri kuni akka ijootti gaarichi madda turuzimiif akka ooluufi hubannoo ummataa dabaluuf kan kaayyeeffate.
''Ummata Aanaa Gursumiifi Aanaa Jaarsoo gaara kana daangessan namoota 170 ol ta'an waliin dhihoo tana marii gaggeessine. Kunuunsuufi madda turizimii gochuu akka qabnu irratti waliigalle,'' jedhan.
''Mana ni qabani. Akka keessa galanii bulaniif manni ijaarameefi jira. Bakka nyaataafi dhugaatii ni qabani,'' jechuun ibsanis tumsi hawaasaa akka barbaachisuufi kanaafis akka hojjetamaa jiru himan.
Fardeen Gaara Qundhudhoo attamiin bosona seenan?
Seenaa achi dhuftee fardeen kanneeniirratti ragaan barreeffamaa taa'e jiraachuu baatus, argaan dhageettii jiraattotta naannichaa seenaa fardeen kanaa ni hima.
Kana dura BBC'n Itti gaafatamtuu Abbaa Taayitaa Kunuunsa Naannoofi Jijjirama Qilleensaa Godina Harargee Bahaa Aaddee Miskii Mohaammed dhimma kana gaafatee ture.
Aaddee Miskii waa'een faradoo kanneenii seenaa ummata naannichaa waliin hidhata akka qabu dubbatu. Yeroosaas yeroo lola Calanqootti tahe jedhu.
''Akka manguddoo irraa dhageenyetti fardeen Gaara Qundhudhoo seenaa guddoo qabu. Abbootiin keenya yeroo lola Calanqoo fardeen kanatti fayyadaman,'' jedhaniiru.
Seenaan maanguddoonni dubbatan biraa ammoo: ''Bara 1876 keessa lola Oromoota Afran Qalloofi waraana warra Masrii kan Raawuf Paashaa jidduutti yeroo lolli gaggeeffamu, loltoonii Raabaa Doorii hedduun ni wareegaman.
Faradoon lolarraa hafan, kan abbaan irraa dhume gaara Qundhudhoo gubbaatti dheessan,'' kan jedhudha.
Ammallee seenaan argaa dhageettii biraa waan jedhu lakkii kun waggoota dheeraan dura, yeroo waraana Libina Dingiliifi Ahimad Giraanyi jidduutti taasifamerratti mudate jedhu.
''Bara 1528- 1560tti Mootii Libina Dingiliifi Ahimad ibin Ibraahim al-Gaazi (Ahimad Giraanyi) gidduutti lola gaggeeffame irratti, Libina Dingil waraana kana olaantummaan xumure.
Loltoonnii Ahimad Giraanyis hedduun isaanii dhumnaan, fardeen jaraa dheessanii Gaara Qundhudhooti ol bahan.''
Aadde Maskiin, yeroos lakkoofsi fardeen kanaa baayyee akka tureefi booda keessa ammoo waljalaan haphachaa dhufuusaanii himu. ''Fardeen kun Godina keenyaaf qabeenya guddaadha,'' jedhu.
Bifa faradoo kanneen wayita himanis, akkuma fardeen kaanii bifa bareedaa qabu, halluun isaanii adii fi diimaa dha. Kotteen isaaniis duudaadha jedhu.














