Bineensonni miidhaa geessisuun duuti itti murtaa'e, 'bilisa bahuuf'

Madda suuraa, STEFANO MONTESI/CORBIS VIA GETTY IMAGES
Manni murtii olaanaa magaalaa Room keessaa, ajaja du'aa bineensota 'bear' jedhamanii lamarratti dabre haqe.
Falmitoonni mirga bineensotaa dhimma du'aa kana akkaan mormaa turan.
Bineensi dhaltuu umriinshee ganna 17 yoo taatu maqaa JJ4 jedhuun waamu.
Bineensi kuni kan qabamte erga namicha Gaara Alps fiigicharra ture Andireeyaa Paappii jedhamu ajjeeste boodadha.
Inni kaan ammoo MJ5 kan jedhamu oggaa tahu, achuma naannoo dhiyoo imalaa tabbarra adeemu miidhe.
Jaarmiyaan mootummaa biyyattii 'Council of State' jedhamu, murteen kun "seerota biyyaalessaa fi idil-addunyaan kan walgitu miti," jedheera.
Galmeen dhimma kanaas mana murtii gadaanutti dabarfamuun, oliyyannoon dhumaa hanga xumura bara kanaatti raawwatama.
JJ4 ji'a Eblaa keessa wayita qabamtutti, bulchaa kutaa biyyaa Tireentinoo ka tahan Maawuriiziyoo Fugaatii, "bineensa kana achumatti otoo obbaasnee nutti tola ture," jedhanii turan.
Namni ganna 26 Paappiin, Itaalii keessa nama baroota dheeraan booda 'bear' ajjeese isa jalqabaati.
Gaara Peleer kan magaalaa Kaaldes olitti argamurra shaakalaaf bahuun fiigaa ture - achumatti bineensi miidhe.
Bineensi JJ4 dargaggoo kana miite, gara wiirtuu bineensotaa dhiyeenya magaalaa Tireentootti kan geeffamte oggaa tahu, MJ5 garuu hardhallee gaara Bireentaa Dolomaayitis keessa daangaa malee socho'a.
Achiis bineensonni lammanuu murteen ajjeechaa kan irratti dabre tahus, gareeleen mirga bineensotaaf falman, bineensi bear biyyattii keessatti gosa bineensaa eegumsi godhamuufi qabu keessaati jedhu.
Manni murtee kunis hanga Muddeetti dhimma kana turseera.
Kunis ragaan dhiyaatu biraan yoo jiraate simachuufi gareewwan mirga bineensotaas, ajjeechaan alatti filannoon biraa jiraannaan akka dhiyeessaniif mijeesuufi.
Ministeerri kunuunsa naannoo Itaalii, murtee ajjeechaa bineensota kanaa mormuun; angawoonni Romaaniyaa keessaa JJ4 fudhachuun dawoo bineensotaa keessa galchuuf qophiidha jedhan.
Gosti bineensa kanaa 'brown bear' jedhamanii, addunyaarra guddina isaaniitiin kan beekaman ennaa tahu, 100 ol kan tahan qofatu addunyaa kanarratti hafe.
Gareeleen mirga bineensotaaf falmanii yaadni dhiyeessan biraan, bakki kunuunsaa naannoo Treentinotti akka hundaa'u kan jedhudha.
Bineensonni brown bear bara 1999 keessa kaaba Itaaliitti sagantaa kunuunsa Awurooppaa "Life Ursus" jedhamuun ture irra deebiin kan beeksifaman.
Ergasii garuu lakkoofsi isaanii akkaan dabaluun 100 ol gahaniiru.

Madda suuraa, PROVINCE OF TRENTINO












