Faawundeshiniin Haacaaluu Hundeessaa badhaasa Artist Andu'alam Gosaaf kenne haquu ibse

Badhaasi Artist Anduwaalamiif kenname haqame

Madda suuraa, BBC/SM

Ibsa waa'ee suuraa, Badhaasi Artist Anduwaalamiif kenname haqame

Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa ''eeruu fi yaada uummata irraa argameen'' badhaasni Artiist Andu'aalam Gosaaf kenname ''dogoggora'' jechuun haquusaa ibsa miidiyaa hawaasa irratti har'a Adoolessa 05, 2025 baaseen beeksise.

Faawundeshinichi ibsa isaa keessatti sirna badhaasaan dura dhimma Andu'aalam hordofaa kan ture himuun xalayaa 'seera qabeessa' qaama dhimmicha qoraturraa argateen badhaasicha kennuuf akka murteesse hime.

Haatahu malee, badhaasicha hordofee ''eeruu fi yaada uummata irraa argame irratti hundaa'uun ''murteen keenya dogoggora akka ture boordi faawundeshinichaan mirkanaa'eera,'' jedhe.

Artist Andu'aalam Gosaa kaadhimaansaa Qananii Addunyaa du'uu hordofee shakkamee ji'oota sadiif mana hidhaa erga tureen booda abbaan alangaa himannaa waan irratti hin banneef wabiin baatii tokko dura mana hidhaatii gadhiifame.

Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa marsaa 4ffaa magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaay-Laayititti Waxabajjii 29, 2025 adeemsifameen Artist Andu'aalam Gosaan albama isaa Bilillee jedhuun karaa bakka bu'aasaa badhaafamee ture.

Haatahu malee, badhaafamuun artistii kanaa miidiyaa hawaasaa irratti jalqaba torbee kanarraa jalqabee falmii guddaa kaase.

Gareeleen ''hojiisaatu badhaafame'' jechuun falman kan jiran yoo tahu, kaan ammoo nama ajjeechaa kaadhimaasaan shakkamee ture badhaasuu morman.

Boodarra ammoo miidiyaa hawaasaa modeelii Qananii Addunyaa ammallee hojjechaa jiru irratti suuraaleen fuula Qananii Addunyaa ''dirmammaa'eefi hidhiishee dhiige,'' agarsiisu bahu jalqabe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyaa kaleessa fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaafi dhaabonni mirga dubartootaa irratti hojjetan muraasni badhaasni Andu'aalam sa'atii 24 keessatti akka haqamuuf duula geggeessaa oolan.

Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa ''dogoggora uumameef uummta keenya dhiifama gaafachaa badhaasni Andu'aalamiif kenname ture kan haqame ibsina,'' jedhe.

Dabaluunis faawundeshinichi ''yeroo hunda miidhamtoota cina dhaabbachurraan kan hafe haala kamiinuu qaamolee mirga namaa sarban waliin akka hin dhaabbanne'' himuun fuulduratti seeraa fi haqa bu'uura godhachuun akka hojjetu himeera.

Walleewwan Afaan Oromoo ammayyaa dhiheessuun kan beekamu, Artist Andu'aalam Gosaa, baatii darbe ture wabiidhaan kan gadhiifame.

Abukaatoon Artist Andu'aalam, Obbo Liiban Abdii, ji'oota darban sababa abbaan alangaa yeroo kennameefitti himata hin banneef 'mirga wabiitiin' qarshii 50,000 kanfaluun gadhiifame jedhan.

Abbaan Qananii, Obbo Addunyaa Waaqoo hidhaatii haqa mucaa isaanii akka hin arganne BBCtti himanii turan.

''Bilaasha baatii sadii deemaa jirra. Dhiiga mucaa keenyaas hin argine, dhugaa mucaa keenyaas hin argine. Lammaffaadha ajjeesan kaleessa [yeroo Andu'aalam wabiin bahe],'' jechuun BBC'tti dubbatan.

Artist Andu'aalam jalqabumaa shamarree Qananiin erga du'uun ishee ibsamee booda du'a ishee keessa harka akka hin qabne waakkataa ture.

Maatiin shamarree kanaammoo intalli keenya harka namaan malee ofirratti miidhaa dhaqqabsiifti jennee hin yaadnu jechuun dubbataa turan.