Biyya waraanatti utuu jirtuu guddina dinqisiisaa galmeessite kana beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan erga Guraandhala bara 2022tti Yukireen weerartee booda biyya qoqqobbii guddaan irra kaa'ameedha. Ta'us ammoo dinagdeen ishee haala ajaa'ibaa ta'een dandamachuu danda'eera.
Bara 2024tti lakkoofsi dinagdee Raashiyaan akka galmeessifte amanamu kan biyyoota G7; kan Kaanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, UK, fi US hunda caalaa guddateera.
Diinagdeen Raashiyaa bara darbe %4.3'n kan guddate yoo ta'u, diinagdeen UK %1.1n, US ammoo %2.8 guddatan ture.
Guddinni Raashiyaa kunis baasii waraanaa isheen baastu keessatti galmaa'uun biyyaa waraanaa keessa utuu jirtuu dinagdeen ishee haala dinqisiisaa ta'een guddate ishee taasiseera.
Al-ergiin boba'aa biyyattii baay'inaan, haaluma tasgabbaa'aa ta'een jira. Sababnii isaa dhiyeessiin ishee duraan gara Awurooppaatti ture gara Chaayinaa fi Indiyaatti waan jijjiirameef.
Akkasumas "doonoowwan maqaa dhoksaatiin socha'an" ( "shadow fleet" ) kanneen abbummaa fi sochiinsaanii adda hin baafamne, Moskoon qoqqobbii irra kaa'ame jala akka miliqxuuf gargaareera.
Gama biraatiin ammoo, Ruubiliin Raashiyaa bara kana maallaqa addunyaa ga'umsa gaarii agarsiisu ta'uun, bu'aa %40 ol galmeessuu Baankiin Ameerikaa hime.
Ta'us, gara bara 2026'tti haalli kun itti fufuu danda'aa kan jedhu gaaffii hedduu kaasa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyya keessaa qaala'iinsi jireenyaa itti fufiinsaan olka'uun, hanga dhala gara %20tti ol kaasuudhaan, dhaabbileen hojjettoota barbaadan argachuu hin danda'an.
Akkasumas akka addunyaatti, waldhabdeen amma Israa'elii fi Iraan gidduutti uumameen dura, bara kana gatiin boba'aa duubatti deebi'ee ture.
Ministirri dinagdee Raashiyaa Kamisa darbe biyyattiin yeroo ''guddina dinagdee fooyyee galmeessiftee booda amma ''qarqara'' kufaatii dinagdee irra akka jirtu akeekkachiisaniiru.
Akkasumas namoonni Raashiyaa itti dhiheenyaan hodofan tokko tokko, dinagdeen kun gara kufaatiitti qajeeluu akka danda'u yaada dhiyeessan.
Garuu dhuguma hangam sun mudachuu dandaʼa? Adeemsa waraanaa irrattis dhiibbaa akkamii qaba?
Ogeessi dinagdee Moskoo keessa jiraatu Yevgeny Nadorshin BBC'tti akka himanitti: "Walumaagalatti, hanga dhuma bara 2026tti haalli baay'ee mijataa hin taane muudataa deema akkasumas hir'inni maallaqaa fi kiisaaraa akka jiraatu hin shakkisiisu."jedha.
Haata'u malee, kufaatiin mudachuu malu kun ''salphaa'' ta'u akka danda'u tilmaamuun, yaadni kufaatii kamiyyuu ''gutummaatti soba'' jechuun ibsan
Mr Nadorshin, yeroo ammaa hoji dhabdummaan Raashiyaa %2.3 gadi ta'uu isaa kaasuun, bara dhufu ammoo %3.5 ta'uu hin oolu jechuun akeeku. Faallaa kanaatiin, UK keessatti baatii Eblaa keessa hoji dhabdummaan %4.6 ture.

Madda suuraa, Getty Images
Ammas innii fi namoonni biroos sababoota yaaddoo akka qaban dubbatu, kunis Raashiyaan yeroo guddachuu hin dandeenye keessa waan galte fakkaata.
Qaala'iinsi jireenyaashee waggaa hanga Eblaatti %9.9 ture, kunis gartokkoon qoqqobbii biyyoota lixaa gatii galtee ol kaasuurraa kan ka'e yoo ta'u, haata'u malee hanqina hojjettootaas akkasumas mindaa ol kaaseera.
Biyyattiin dhuma bara 2024tti hojjettoota gara miiliyoona 2.6 ni dhabdi akka qorannoon dhimma Diinagdee Olaanaa Raashiyaa ibsutti. Kunis sababa guddaan dhiironni waraanaaf deeman ykn waraanicha jalaa miliquuf biyya alaatti baqachuu isaaniiti.
Baankiin giddugaleessaa bara kana gatii dabalaa jiru kana to'achuuf yaaluuf jecha sadarkaan rikardii dhalaa ol kaasera. Kunis dhaabbileen kaappitaala invastimantii barbaadan walitti qabuuf baasii guddaa akka kaffalan taasisaa jira.
Gama biraatiin, galiin boba'aa fi gaazii Raashiyaa sababa qoqqobbii fi gatiin hir'achuutiin kan gadi bu'e yoo ta'u, ji'a Caamsaa keessa waggaa waggaan %35 gadi bu'uu isaa ragaan ni mul'isa.
Hanqinni baajataa bal'achaa dhufuun biyyattiin bu'uuraalee misoomaa fi tajaajila mootummaaf baasii xiqqaa akka gootu taasiseera.
''Baasii guddaa waraanaaf bahu kan tuqamuu hin dandeenye kana qabu,'' jedha xiinxalaan siyaasaa dhimma dinagdee Raashiyaa András Tóth-Czifra.
"Kanaaf maallaqni pirojektoota invastimantii murteessoo kan akka daandii, baaburaa fi tajaajila fayyaa irraa gara biraatti ramadamuu eegaleera jechuudha."
"Qulqullinni dhiyeessii dhugumatti rakkoon mudataa jira."
Raashiyaan qoqqobbii biyyoota lixaa kan eegame caalaa dandamachuu dandeessi, haata'u malee diinagdee irratti harkifachuu itti fufaniiru jedhan itti dabaluun.
Dhaabbileen Raashiyaa teknooloojii isaan barbaachisu alarraa galchuuf rakkachaa kan jiran yoo ta'u, kunis indaastirii konkolaataa irratti miidhaa guddaa geessiseera.
Gamtaan Awurooppaas qoqqobbii boba'aa Raashiyaarraa galchuu dhaabuu hordofee alergii Raashiyaa hanga bara 2027tti dhiibbaa cimaa irratti geessisuu akka danda'u eegama.
''Haa ta'uu malee kana keessaa tokkollee dandeettii Raashiyaan yeroo gabaabaa keessatti waraana banuuf qabdu akka malee gufachiisuu hin danda'u,'' jedhu Mr Tóoth-Czifra.
"Garuu dandeettii dinagdeen waggoota dhufan keessatti guddachuu ykn baayyanachuu irratti dhiibbaan uumuu xiqqaa hin ta'u."jedhana
Jalqaba baatii Waxabajjii keessa dubbi himaan Dimitiri Peeskov, gaazexeessitootatti akka himanitti, ''tasgabbii dinagdee xixiqqaa'' fi ''humni bu'uuraa'' dinagdee Raashiyaa ifatti mul'ata.
Ji'a Eblaa keessa ammoo, imaammata mootummaatiin dinagdeen ''milkaa'inaan guddachaa jira'' jedhaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Itti aansee maaltu akka ta'u dubbachuun nama rakkisa.
Yukireenfi Raashiyaan bara kana waliigaltee nagaarra yoo gahan, dhiibbaa Moskoo irratti jiru tokko tokko ni salphisa.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp hariiroo idileessuufi walta'iinsa dinagdee haaraa uumuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.
Haata'u malee, Awurooppaan akka gaariitti "karaa sana turuu" fi yoo nageenyi uumame qoqqobbii mataashee eeguu dandeessi jedhu Dr Kaatjaa Yaafimaavaa Inistiitiyuutii Qorannoo Annisaa Oksifoord irraa.
"Yoo ta'uu baatellee, akka bara 2022n dura tureetti boba'aafi gaazii Raashiyaa bitachuun yoo dadhabame, Awurooppaatti yoo deebi'ee gaazii muraasaa Raashiyaarraa galchuun ni danda'ama," jedhu.
"Ammas, kun Moskoof fakkii dinagdee rakkisaa ta'e agarsiisuu mala. Raashiyaan irra caalaa boba'aashee Awurooppaa irraa fagaattee erguuf haala kan miijeffatte yoo taatu, garuu ammoo gaaziif kana gochuun caalaatti rakkisaadha."
Waan fedhe ta'us, waraanni kun Raashiyaadhaaf baasii yeroo dheeraa kan fidu fakkaata. Kireemliin ammoo karaan isaan kana ofirraa ittisu dhabaa jira.












