Haleellaa US Iraanirratti raawwate booda maaltu ta'uuf jedha?

Abbaaas Araagchii

Madda suuraa, Shutterstock

Baroota dheeraadhaaf US fi Iraan daangaa walitti cehanii haleellaa waraanaa walirratti gaggeessuf ija jabaatanii hin beekan.

Pirezidantonni Ameerikaa hanga ammaa jiran Islaamika Rippaabilika Iraan haleeluun Baha Giddu Galeessaa keessatti gaaga'ama keessaa bahuun hin danda'amne keessa nu galcha jechuun of qusataa turan.

Garuu Doonaald Tiraamp waan pirezidaantonni US hanga ammaa hin godhin, sarara diimaa cehuun haleellaa gaggeessaniiru.

Kuni ammoo tarkaanfiin Iraan itti aanu maal ta'uu mala kan jedhu yaaddoo uumera. Manguddoo ganna 86 kan ta'an Ayaatolaa Kameenii US irratti tarkaanfii fudhachuu yoo dhiisan fudhatamni isaanii gadi bu'uun tuffatamuu isaaniti.

US irratti haleellaa cimaa yoo gaggeessan, deebin waraana US cimaa waan ta'uuf, sirni isaan waggootaf itti dadhabanii ijaaran kufuu danda'a.

Tiraamp yeroo ibsa kennu

Madda suuraa, shutterstock

Tarkaanfiin Ayaatolaa Kameenii ittaansee fudhatu ofiisaa oolchuf qofa osoo hin taane seenaa keessatti akkaataa itti yaadamuuf illee murteessaa ta'uu kaasti Chaatam Hawusitti daayireektara Sagantaa Baha Giddu Galeessafi Kaaba Afrikaa kan taate Sanaam Vaakiil.

"Burcuqqoon inni ittiin summii dhugu kan Ayaatolaan inni duraanii bara 1988 ittiin dhuge caala kan guddatuudha," gaggeessan Iraan duraanii waraana Iraan-Iraaq gaggeeffamaa ture waliigaltee dhukaasaa osoo sirriitti itti hin yaadin fudhachuufi isa amma ta'uuf deemu wal-bira qabuun kaasti.

"Waraana kana Iraan hin barbaaddu"

Guyyoota kudhan darban haleellan Israa'el Iraanirratti gaggeessite gaggeessitoota waraanaafi saayintistoota nikularaa Iraan heddu miidhera.

US haleellaa kana keessatti hirmaachuunshee ammoo dhiibban akka irratti hammaatu godha.

Warraaqsa Iraan bara 1979 gaggeeffame booda kan hundaa'e, humni Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC), haleellaa "godaannisa bara dheeraa ta'ee hafu" US irratti fudhachuuf akeekkachiisera.

Garuu afaanin wal-akeekkachiisun duuba waraanatti galamee rakkoo keessaa hin baane keessa galuu hambisuuf shalaggii taasisuun gama lamaaninuu inuma jira.

"Kuni waraana Iraan barbaaddu miti," jedha Middle East Council on Global Affairs irraa kan ta'e Hamiidreezaa Aziiz.

Garuummoo deeggartoonni mootummaa Iraan, "miidhaan haleellaa US geessise hamma guddaa yoo ta'e illee, maqaa guddaan Iraan naannichatti ittiin beekamtu waan baay'ee miidhameef, deebii cimaan kennamuu qaba jedhanii amanu" jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Deebin kennamu kamiyyuu balaa fidee dhufu qaba. Iraan buufataalee waraanaa 20 ta'an Baha Giddu Galeessaa keessa jiran ykn loltoota 40,000 ol naannichaa qabdurratti tarkaanfii kan fudhattu yoo ta'e, US waliin muddama waraanaa hamaa keessa galuu dandeessi.

Ulaa Hormuuz, kan boba'aan addunyaa dhibbeentaa 20 keessa darbu cufuun ammoo biyyoonni Arabaa naannoo Iraan jiran dheekkamsiisuu danda'a. Cufaamuun ulaa Hormuuz, biyya boba'aa Iraan heddumminaan bittu Chaayinaas dallansiisuu mala.

Sababa cufamuu ulaa Hormuuzin, gabaan boba'aafi meeshaalee biroo akka ol hin kaanef, biyyoonni Lixaa humna galaanaa isaanii bobbaasun Iraan ulaa Hormuuz akka hin cufne dura dhaabbachuu malu.

Gama biroon ammoo 'hidhattoonni' Iraan Baha Giddu Galeessaa keessatti akka of-eeggannootti itti fayyadamtu haleellaa Israa'el waggoota lamaan darbeef irratti gaggeessaa turteen dadhabaniiru.

Walitti dhufeenyi Israa'elifi Iraan gidduu jiru waggaa shan dura bifuma ammaa kana fakkaatun hammaatee ture. Tiraamp marsaa jalqabaa yeroo pirezidantii US ture, ajajaa Humnoota Eegumsa Warraaqsa Iraan (IRGC) kan ture Qaasiim Suleemaanii akka ajjeefamu godhee ture.

Iraan yeroo sana buufataalee waraanaa Iraaq keessa jiran irratti haleellaa akka gaggeessitu karaa qondaaltota Iraaq UStti beeksiftee turte.

Kan ammaa kun garuu, sana caalaa hammaataa ta'a.

"Balbala dippilomaasii kan cufe Iraan osoo hin taane Ameerikaadha"

Iraanirratti haleellaa raawwachuu caala, mariidhan waliigalteerra gahuun filadha jechaa kan ture Pirezidaant Tiraamp, amma ifatti Israa'el duuka waan hiriire fakkaata.

Iraan "Baha Giddu Galaa jeeqti" jechuun boombii nikularaa qabaachuf akka jirtu ibse. Haleellaa boombii xayyaarota B-2 fayyadamuun buufataalee nikularaa Iraan irratti gaggeeffame miidhaa qaqqabe xinxaalaa jiru.

Iraanirratti haleellaa erga raawwatee booda, Iraan "gara mariitti dhufuu qabdi" jechuun gaafataa jira.

Jimaata darbe ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araachii dippilomaatota biyyoota Awurooppaa waliin Jeneevatti mariirra turan. Iraan gabbisa yuraaniyeemii gara zewerotti akka gadi buustu US akka barbaaddu biyyoonni Awurooppaa itti himanis Iraan garuu hin fudhanne.

Mariin US marsaa shaniif Iraan waliin gaggeessite akka gatii dhabetti ilaalama Iraan biratti.

USfi Iraan marsaa jahaffaa marii gaggeessuf guyyaan lama yeroo hafutti Israa'el haleellaa cimaa Iraanirrattij jalqabde. Haleellicha booda Iraan mariif akka teessuf carraa torban lamaa akka kenneeuf Tiraamp dubbatus, kana jedhee guyyaa lama booda Iraanirratti haleellaa gaggeesse.

Israa'elifi US waliin ta'uun yeroo ishee haleelaa jiranitti mariitti akka hin deebine ibsite Iraan.

"Balbala dippilomaasii kan cufe Iraan osoo hin taane USdha," jedhan ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii marii Istaanbulitti gaggeeffame irratti yeroo miidiyaalef ibsa kennan.

Dhimmi nikularaa Iraan misaa'elaan osoo hin taane dippilomaasin furmaata akka argatuuf biyyoonni Awurooppaa wawwaataa jiru.

Garuummoo Iraan boombii nikularaa hidhachuu akka hin qabne biyyoonnumti cimsanii ibsaa jiru.

Iraan gabbisa nikularaa hamma kaayyoo anniisaf barbaadamuun ol ta'e dhibeentaa 60tti guddisuunshee kaayyonshee anniisaa qofaaf miti jechuun yaaddoo qabu.

Iraan miidhaa buufata nikularaasheerra gahe xiqqaa akka ta'e ibsiti. Tiraamp ammoo miidhan qaqqabe guddaa ta'uu beeksise.

"US miidhaa qaqqabe baabsuu malti, Tiraamp Iraan waliin waraanatti osoo hin seenin mo'icha waraanaa guddaa akka waan argateetti ibsuufis isa gargaara," jedha European Council on Foreign Relations tti gaggeessaa ittaanaa Sagantaa Baha Giddu Galeessafi Afrikaa Kaabaa kan ta'e Elii Geranmayeh.

Tiraamp fi Netaaniyaahuu

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidaant Tiraamp Netaaniyaahudhaan kallattii biraattis dhiibamuu danda'a. Garummoo Tiraampirratti mana keessaa komiifi dhiibban irratti ka'aa jira.

Iraanirratti haleellaa raawwachuu dura mana maree Ameerikaa hin mariisifne kan jedhuufi deeggartoonni inni duraan yeroo filannoo 'Ameerikaa deebifnee waraanatti hin galchinu' jedhee waadaa galeef 'waadaa cabse' jechuun mormii irratti kaasaa jiru.

Gaggeessitoonni Iraan ammoo haleellaa Israa'el ofirratti mil'achaa akkamitti deebisanii haleeluu akka danda'an irratti xiyyeeffachuunsaanii waan hin oolledha.

And this moment is widely expected to concentrate the minds of Iran's hardline decision-makers on how to restore deterrence as they try to avoid being targeted themselves.