Ayaatolaa Kameenii Raashiyaan deeggarsa akka gootuf gaafatan

Madda suuraa, EPA
US haleellaa Iraanirratti gaggeessuu hordofee Gaggeessaa Olaanan Iraan Ayaatolaa Kameenii Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin deeggarsa akka taasisan gaafatan.
Ayaatolaan Puutinif waamicha deeggarsaa kan dhiyeessan ministiira dhimma alaa Iraan kan ta'an Abbaas Araagchii har'a gara Mooskotti erguun ta'uu maddi oduu Rooyitars gabaase.
Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp yaada Israa'el gaggeessaa Iraan Ayaatolaa Kameenii ajjeesuf dhiyeessite kufaa godhee ture; sababni ammoo ajjeefamuu Ayaatolaa Baha Giddu Galaa jeequmsa hamaa keessa galchuu danda'a kan jedhuuni.
Tiraamp haleellaa jalqaba Israa'el irratti bante keessaa harka akka hin qabne erga ibsanii booda Israa'el irra goruun buufataalee nikularaa Iraan sadi akka haleelamuuf humna waraana US ajaje.
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin haleellaa Israa'el Iraan irratti bante balaaleffachuun biyyoonni lamaanuu gara mariitti akka dhufaniifi Raashiyaan jaarsummaan mariisisuu akka dandeessu ibsanii ture. Haa ta'u garuu haleellaa US Iraanirratti gaggeessite ilaalchisee hanga ammaa homaa hin jenne.
Haleellaa US booda ministiirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii xalayaa Ayaatolaan barreessan har'a Vilaadmiir Puutinitti akka kennan maddeen amanamoorraa odeeffadhe jechuun Rooyitars gabaase.
Maddeen Iraan Rooyitarsitti akka himanitti, haleellaa Israa'elifi US irraa itti baname qolachuuf Iraan deeggarsa Raashiyaa cimaa barbaaddi. Haa ta'u garuu Iraan deeggarsa akkamii Raashiyaa irraa akka barbaaddu hin baramne.
Mootummaan Raashiyaa ministiira dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii akka simatu beeksiseera; haa ta'u garuu dhimmoota akkamii irratti akka mariyatan hin ibsine.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miidiyaan Raashiyaa TASS ammoo Abbaa Araagchii dubbisuun akka gabaasetti, Iraanifi Raashiyaan rakkoo Baha Giddu Galeessaa keessatti dhalate ilaalchisee ijjanoo isaanii qindeessaa turan.
Puutin irra deddeebin Iraanifi US walitti fiduun mariisisuuf fedhii akka qabu ibsaa ture, garuummoo Iraan anniisaa nikularaa qabaachuuf mirga akka qabdu ejjannoo Raashiya ta'uus ibsee ture.
Gama biraan ammoo sagantaa gabbisa anniisaa nikularaa Iraan naannoo Bushehr keessatti ijaartu saayintistoonni Raashiyaa akka gargaaraniifi buufatichi akka hin haleelamneef Israa'el wajjin walii galuu Raashiyaan beeksifteetti.
Raashiyaan michuu Iraan bara dheeraa ta'uusheen Iraan annisaa nikularaa gabbisuuf mirga akka qabdu Mana Maree Nageenyaa UN keessatti mirga sagalee sagaleen kuffisuu qabdutti fayyadamuun falmaafii turte.
Garuu, Puutin Yukireen wajjin waggoota sadan darbaniif lola keessa osoo jiruu Iraanirra goree USfi Israa'el dura dhaabbachuuf fedhii waan qabu hin fakkaatu.












