Sababoota Arsenaal waancaa Shaampiyoonsi Liigii akka injifatu taasisan

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Shaampiyoonsi Liigii injifachuuf waanti murteessaa guddaan ittisa jabaa qabaachuudha. Arsenaal bara darbe walakkaa xumuraa irratti kufe.
PSG'dhaan osoo hin mo'amne tahee carraa waancaa injifachuu qaba ture. Xiinxalaan kubba miilaa Jaamii Kaarager, Arsenaal ammaa yeroon ilaalu garee Liiverpuul bara 2005 waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'ateen yaadadha jedhe.
Yeroo sana ofii isaas sarara ittisaa Liiverpuul irra taphachaa kan ture Kaaraager, sababni guddaan injifannoo sanaa cimina sarara ittisaa akka ture ibse.
Arsenaal erga gara Shaampiyoonsi Liigiitti deebi'anii Awurooppaa keessaa kilaba ittisaan jalqabarra jiran sadii keessaa tokko taheera.
Galchii muraasatu irratti lakkaa'ame. Wiiliyaam Saaliibaa, Gabri'eel Magalesh, Tiimber, Kalafiyoorii fi kaan yoo ilaalle gahumsi ittisa Arsenaal olaanaa tahuu hubatta.
Kun sababa guddaa Arsenaal akka waancaa mo'atu isa taasisu keessaa tokko.
Inni biraan dandeettii addaa sarara gidduu irra jirudha. Sir Aleeksi Fergusan yeroo tokko waancaa kan si mo'achiisu taphattoota jajjaboo ati sarara gidduu irratti qabdudha jedhanii ture. Dhuguma isaaniiti.
Arsenaal amma Deklaan Raayis, Odeegaardi, Meeriinoo, Eezzee, Noorgaardi, Nawaneerii, Zuubimandii fi kaan qaba.
Kilaba Awurooppaa keessaa sarara gidduu irratti sodaatamu keessaa isa tokko.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Rakkoo yeroo dheeraa kan ture garuu sarara duraa irraa lakkoofsa sagal kan taphatu ture. Arsenaal Viiktar Giyookeres erga mallatteesisee rakkoon kun furameera.
Taphoota sagal galchii malee ture. Bara darbe yeroo akka kanaa garuu Awurooppaa irraa isatu dursaa ture. Viiktar Giyookeres tapha Shaampiyoonsi Liigii kaleessaa irratti galchii lama lakkoofsise.
Isaaf aara galfiidha. Sababni isaa akkamiin taphoota kudhan irratti osoo galchii hin lakkoofsisiin Arsenaaliin shaampiyoonaa taasisuu danda'a jedhamee qeeqamaa ture.
Mikeel Arteettaan erga gara Arsenaal dhufee akka garee cimaaa taanuuf kan nu gargaare Viktar Giyookeresidha jedhe. Galchii lakkoofsisuu dhabuu osoo hin taane akka gareetti akka jabaannu nu taasiseera jedhe.
Taphoota jalqabaa afur irratti galchii sadii erga lakkoofsisee galchiin irraa kan fagaate Viiktar Giyookeres kaleessa Arsenaal 4-0 yeroo mo'atu gahumsa garii agarsiisuun taphataa cimaa taphichaa tahuun filameera.
Arteettaan tapha West Haamiin 2-0 mo'atan irrattis deemee hammachuun isa dinqisiifateera.
Galchii lakkoofsisuu baatus akkaataatti gareen Arsenaal taphatyu irratti dhiibbaa gaarii fideera jedhe.
Kaayi Haaverti waan miidhameef Giyookeres taphoota Arsenaal hundaa irratti hiriireera.
Haamilee gaariidhaan itti fufee taphachuun isaa akka har'a galchiiwwan kanneen lakkoofsisuuf isa gargaareera.
Garee isaa mee ilaalaa. Akka isaan isaaf gammadan jedhe Arteettaan.
Arsenaal hunda caalaa Waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'achuu danda'a. Leenjisaan Atileetiikoo Maadirid illee yaaduma kana dubbatan.
Sababni isaa Liiverpuul yoo ilaalle tasgabbii dhabeera. PSG miidhama taphattootaa qaba. Akka bara darbee taha jedhamee hin eegamu. Arsenaalis humna PSG, Riyaal maadiridii fi baarseloonaa fa'aa morkachuu qaba.
Bara darbe miidhama taphattootaan filannoo hedduu hin qbau ture. Bara kana garuu sarara hunda irratti taphattoota gahumsa olaanaa qaban lamaa fi isaa ol qaba.
Odeegaardi yoo hin jiraanne, Nawaneerii, Eeezzee, Meerinoo fi kaanis taphachuu danda'u. Bakka Deklaan Raayid, Bukaayoo Saakaa, Maartineelii fi Giyookeres irrattis Arteettaan filannoo gahaa qaba.
Kanaaf miidhama taphattootaa fi dadhabbii baay'ina taphaaf hedduu hin yaadda'u.

Madda suuraa, Getty Images
Haala dorgommii Shaampiyoonsi Liigii bifa haaraan bara 2024 jalqabee yoo ilaalle ammoo isa durii irra mijataadha.
Sadarkaa 1-8 keessa galanii marsaa jalqabaa xumuruun Arsenaaliif slphaadha. Bara darbes haaluma kanaan xumure. Sana booda morkataa isaa injifatee gara saddetii yoo darbe ija isaa waancaa irra godhachuun abdiin taphata. Baruma dorgommii Shaampiyonsi Liigiitti deebi'es sadarkaa gaarii irratti xumure.
PSG osoo hin mo'amne tahe Arsenaal, Riyaal Maadirid erga mo'atee waancaafuu eegamee ture.
Sababoota Arsenaal waancaa mo'achuu danda'a nama jechisiisan keessaa tokko erga waggoota jahaan booda gara dorgommichaatti deebi'ee Arsenaal irratti galchii muraasa qofa lakkaa'ame.
Arsenaal taphattoota haaraa saddet yeroo jijjiirraa ganna kanaatti garichatti dabale.
Mikeel Arteettaan filannoo taphaoottaa kanneen qaba.
- Karra eegaa: Raayaa/Keepa
- Ittisa Mirgaa: Tiimber/Waayit
- Ittisa Gidduu: Saaliba/Mosquweeraa
- Ittisa Gidduu: Gabri'eel/Hinkaappee
- Ittisa Bitaa: Kalafiyori/Lewis- Iskeelii
- Sarara gidduu, [Ittisa fuuldura]: Zuubimendi/Noargaard
- Utubaa Gidduu: Deklaan Raayis/Meerinoo
- Sarara gidduu jifachuu gargaaran: Odeegaard/Nawaneri
- Jifataa Mirgaa: Saakaa/Maduweeke/Dowman
- Jifataa Bitaa: Eezzee/Martinelii/Tirosaad
- Fuuldura [9]: Giyokeres/Havertiz/Jesus












