Lamiin Yaamaalii fi jaalalleen isaa Niikii Niikol adda bahuu ibsame

Niikii Niikool, weellistuu beekamtuu Arjeentiinaa Lamiin Yaamaal waliin maqaan ishee ka'u

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan Baarseloonaa ganna 18 guute Lamiin Yaamaal jaalallee isaa Niikii Niikol waliin adda bahuu ibse.

Jaalala jalqabanii guyya guyyaan suuraa maxxansaa kan turan Yaamaalii fi jaalalleen isaa lammii Arjeentiinaa Niikii Niikol adda bahuu isaanii gaazexessaa ispoortii beekamaa Faabriziyoo Roomaanoo ibse.

Yaamaal erga jaalala jalqabuu ibsame miidhamni itti hammaatee ture. Miidhamni isa irra gahaa ture ammoo jalqaba naannoo qaama saalaa dhukkubbii itti dhagahamu jedhamaa ture.

Tapha El Kilaasiikoo irratti Yaamaal dursee akka malee dhaadachuu isaan namoonni isa irratti ka'anii fi qeeqan haalaan dabalaniiru.

Irra caalaan isaanii ammoo Yaamaaliin ''oduu jaalatta'' kan jedhuun ibsan.

Ergasii Niikii Niikol Yaamaal waliin yeroo baay'ee hin argamne. Tarii erga Riyaal maadiridiin mo'amanii Yaamaal akkas qeeqamee isarraa adda bahuf murteessitee? Waanti ibsame hin jiru.

Garuu Yamaal akka Liyonel Mesii fa'aa gadi of qabee jireenya isaa icciitiin qabatee nama jiraatu miti.

Miidiyaa hawwaasaa irratti waa'een isaa akka malee akak haasa'amu taphataa barbaadudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga badhaasa Ballon d'Or irratti nama 22 fudhatee deemee lammaffaan xumuree itti qoosamee Yaamaal gahumsa gaarii irra hin jiru.

El Kilaasiikoo booda ammoo ittuu hammaate.

Jaalalli isaanii kun akkamiin jalqabe? Maaltu ammoo jedhamaa ture?

Yaamaal erga umuriin isaa waggaa 18 guutee akkuma guyyaa dhaloota isaa kabajateen artistii beekamtuu Niikii Nookol jedhamtu waliin jaalala jalqabe.

Hariiroo isaaniis hin dhoksine. Guyya guyyaan miidiyaa hawwaasaa irratti qooduu jalqaban.

Yaamaal bara kana nama ilaalaa guddate Mesii bakka bu'uuf lakkoofsa 10 Meesiin Baarseloonaatti uffachaa ture fudhate.

Isa qofa miti akkuma Meesiin haadha warraa isaa Antooneellaa biyyuma isaa Arjentiinaatii fuudhe Yaamaal ammoo lammii Arjentiinaa kan taate Niikii Niikool waliin jaalala jalqabe.

Meesiin abbaa ijoollee, nama haadha warraa isaan ala hariiroo biraa waliin maqaan isaa hin kaanedha.

Naamusa gaarii qabaachuun jajajama. Isa qofa osoo hin taane jaalallee isaa ijoollummaa kan umurii isaanii wagaa shanitti wal beekan waliin wal fuudhan.

Yaamaal isa Meesiin dirree kubba miilaa keessatti hojjete qofa osoo hin taane isa inni jiraatee darbes ofiif galmeessuu kan barbaade fakkaata.

Ofii lammii Ispeen haa tahu malee jaalalleen isaa biyya Meesii Arjentiinaadha. Liyonel Meesiis tahu hiddi dhaloota maatii isaa Ispeen akka tahan himama.

Kan maatii Yaamaal illee Afrikaa akka tahe himama. Erga jaalala kana jalqabuu ibsee yeroo hedduu miidhamuun dirree irraa fagaateera.

Kanaan wla qabata jechuuf miti. Garuu Yaamaal suuraa jaalallee isaa ammaa waliin ka'an yeroo yerootti qoodaa jira.

Inni waggaa 18 yoo tahu isheen ammoo waggaa 24dha. Amma kunoo adda bahan.

Mesii fi haati warraa isaa akka kan Yamaal fa'a umuriin wal irraa hin fagaatan. Sanas tahu Meesiitu caala.

Taphattoota beekamoo keessaa dubartii umuriidhaan waggaa hedduu sia caaltu kan fuudhe Ziilaataan Ibirahimovichidha. Waggaa 11 isa caalti. Kan biraa Jeerard Piikee ture. Amma Shakiiraa waliin adda haa bahaniyyuu malee.

Waggaa 15 yeroo ture Baarseloonaa garee jalqabaaf taphachuu kan jalqabe Yaamaal hanga umurii isaa waggaa 17 guututti gahumsa addaa dirree kubba miilaa keessatti agarsiiseera.

Ispeen waliin Waancaa Awurooppaa mo'ateera. Baarseloonaa waliin waancaa Laaliigaa, Kooppaa Del Rey Ispaanish Supper Kaappii baruma darbe qofayyuu mo'ateera.

Dhiyeenya waggaa 18ffaa isaa kan kabajate Lamiin Yaamaal guyyaa dhaloota isaa yeroo kabaje qeeqni irratti ka'eera.

Namoota bebbeekamoo hedduu saganticha irratti afeeramaniiru. Isaan keessaa dubartii tokko garuu adda turte jedha gabaasni The Sun baase.

Taphataan kun dirreen alattis xiyyeeffannoo uummataa keessa galeera. Miidiyaaleen isa hordofu.

Bakka inni gaheefi argame hundatti maal gochaa jira kan jedhu ni baha.

Gaazexessaa ispeen Jaavii Hoyos jedhamu, gaazexaa biyya Ispeen beekamaa Maarkaa jedhamu irratti akka barreessetti, Yaamaal artistii beekamtuu Arjeentiinaa Niikii Nikool waliin hariiroo jaalalaa jalqabeera.

Artistiin ganna 24 Yamaalitti hamatamte Niikool yoo xiqqaate waggaa jaha isa hangafti.

Gaazexessaan kun jalqaba yeroo waan kana ifa godhe ragaa addaa dhiyeesse hin qabu. Garuu madda amanamaa irraa odeeffadheera jedhe. Dhugaas tahe.

Niikii Nikool kabaja guyyaa dhalootaa Lamiin Yamaal irratti argamteetti. Ija keessa wal ilaalaa turan.

Garuu waltajjicha irratti homaa in goone. Achii bahanii garuu waliin turan jedhe gaazexessaan kun.

Maqaan ishee guutuun Nikool Deenis Kuukoo jedhamti. Weellistuu fi raapperii beekamtuu Arjeentiinaati.

Akkuma Liyonel Mesii Roozaariyootti dhalattee kan guddatte Niikool sirba qeenxee arga baastee Ispeen keessatti beekkamtii guddaa horatteetti.

Yaamaalii fi Niikool yeroo wal dhungatan argamaniiru jechuun miiidyaan hawwaasaa waa'ee isaanii wal harkaa fuudhee gabaase.

Guyyaa tapha michummaa Baarseloonaa fi Koomoo Istaadiyeemii Estaadii Johaan Kiraaf jedhamu irratti argamuun daawwateetti.

Uffata ykn Tishartii maqaa Lamiin Yaamaal of irraa qabu uffachuun argamte. Hiriyyoonni ishee kaan jiraatanis bakka addaa [VIP] kennameefii teessee daawwatte.

Isa irratti ammoo tarree maatii Lamiin Yaamaal fa'aa turan irra teesse. Haadha Lamiin Yaamaalitti dhiyoo turte.

Kana qofa osoo hin taane ogeessonni kaameeraa Ispeen iskiriinii moobaayila harkaa Lamiin Yaamaal irra suurri Nikool akka jiru kaasuu himan.

Kana irraa ka'uun Lamiin Yaamaal artistii beekamtuu Ameerikaa Kibbaa kana wlaiin jaalala keessa galuu hin hafu jedhamuun maqaan isaa kan ka'e.

Tibbana Kiristaanoo Roonaaldoos jaalallee isaa waggaa dheeraa fuudhuuf qubeelaa kaa'eefii kaadhimateera.