Aleeksaander Isaak kana booda gonkumaa Niwkaastiliif hin taphadhu jedhe

Roodiriigoo mallatteessisuuf Maan Siitiin gaaffii dhiyeesse

Madda suuraa, Getty Images

Aleeksaander Isaak kana booda Liiverpuuliif hin taphadhu jedhe. Isaak Liiverpuul galuu waan barbaaduuf qofaatti shaakala hojjechaa ture.

Erga deebi'ees garee Niwkaastilitti hin makamiin jira. Faabrisiyoo Roomaanoo guyyaa kana akka beeksisetti osooma Liiverpuuliyyuu galuu baate Isaak Niwkaastiliif hin taphadhu jechuu isaa hime.

Maanchister Siitiin taphataa Riyaal maadirid keessatti hin barbaadamu jedhame Roodiriigoo mallatteessisuu akka barbaadu himame.

Jijjiirraa taphattootaa gabaasuun kan amanamummaa qabu Faabirisiyoo Roomaanoo Riyaal Maadirid taphataa kana gatii hanga paawondii miliyoona 87 argannaan ni gurgura jedhe.

Siitiin amma gaaffii dhiyeessuuf jedha. Maan Siitiin taphattoota akka Jaak Giriilish, Jeemsi Maakatii fa'aa gurguraa jira.

Saaviniyoo Tootenhaamitti girguruun Roodiriigoo bakka isaa fiduuf hojjechaa akak jiru gabaafame.

Jeemsi Makaatii Nootingihaam Foorest galuuf fiixeerra jira. Peep Gaardiyoolaan garee isaanii deebisanii ijaaraaa jiru.

Kaarlos Baaleebaan gaaffii maanchister Yuunaayitid fudhachuuf qophii tahuu himame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataa kanaaf Biraayitan Paawondii miliyoona 100 ol barbaada. Amma Yuunaayitid taphaticha waliin akka wlaiigaluu danda'u himameera.

Garuu Biraayitan taphaticha gadhisuufi dhiisuu hin baramne. Baaleebaan ammayyuu kontiraata waggaa sadii Biraayitan waliin qaba.

Cheelsiin Gaarnaachoo fi Zhaavii Siimonsi mallatteessisuuf ammayyuu hojjechaa akak jiru hime.

Siimoonsi Cheelsii qofa akka barbaadu himeera. Garuu taphaticha mallatteessisuuf Maan Siitiinis gaaffii dhiyeessuuf akka jedhu odeeffannoon bahaa jira.

Cheelsiin Kiristoofer Inkuunkuu RB Leebzhigiif kennee Simoonsiin fudhachuu akka barbaadu [Talk Sport] gabaaseera.

Aleeksaander Isaak yoo Liiverpuul kallattumaan si hin barbaannu jechuun itti himan qofa garee Niwkaastilitti makama, ykn kontiraata haaraa mallatteessa.

Inter Miilaan, Roomaa, AC Miilaan, Juuvantasii fi Naappooliin taphataa Maan Yuunaayitid Rasmas Hooyilaandiin barbaadu.

Waggaa lama Yuunaayitid keessa kan ture taphataan kun galchii kilebichi isa irraa eegu lakkoofsisuun dorgomaa gochuu hin dandeenye.

Maan Yuunaayitid bara kana taphattoota sarara duraa haaraadhaan durfama. Maatiyaas Kuunaa, Embuumoo fi Sheeskootu dursa.

Cheelsiin taphataa sarara ittisaa Liiverpuul Ibiraahim Koonaatee mallatteessisuuf paawondii miliyoona 43 dhiyeesse.

Gaazexaan Ispeen 'Defensa Central' jedhamu akak gabaasetti Cheelsiin sarara ittisaa isaa jabeessuuf taphataa kana barbaada.

Liiverpuul Koonaatee bara kana gurguruu hin barbaadu. Riyaal Maadirid kontiraanni taphatichaa yoo dhumu bilisaan mallatteessisuu barbaada.

Doominik Kaalverti Leewiin bakka bu'aa isaa waliin adda bahe. Taphataan ganna 28 Everteen keessaa kontiraata isaa xumuruun bahe, ofuma isaan kilaba akka barbaaddachuu fedhu ibse.

Kaayyoon isaa ofumaan gaafatee Maanchister Yuunaayitid bilisaan galuudha.

Odeessa biraan taphataan Maanchister Siitii Ikaay Gundohaan Galatasaareen barbaadamaa jira.

Garuu bara kana Maan Siitii keessa turuu akka barbaadu ibseera. Kileboonni Tarkii lamaan Fenerbaachee fi Galatasaareen akkaan of jabeessaa jiru.