Arsenaal Piriimer Liigii dursuu, kubbaa bakka dhaabbatee ka'urraa lakkoofsisuu itti fufeera

Taphataa Arsenaal Liyaandiroo Tiroosaard

Madda suuraa, Getty Images

Gabaabinaan:

  • Ebereechii Eezee bakka amballii Arsenaal Maartiin Odegaard bu'uun jalqabe
  • Rikkaardoo Kaaliyaafoorii goolii galchullee oofsaayidii jedhamee jalaa haqame
  • Bukaayoo Saakaa penaaliitii argatullee VAR akka hin kennamne godhe
  • Arsenaal tapha Piriimer Liigii saddet bara kanaan goolii sadii qofatu itti gale

Gooliin Tiroosaard boqonnaa booda dallaa ijaaree ittisaa kan ture Fuulhaam irratti galche Arsenaal qaphxii sadiin caalee Piriimer Liigii akka dursuu itti fufu taasiseera.

Bara darbe Arsenaal qabxii gatee akka waancaa dhabuuf kilaboota rakkisoo turan keessaa tokko kan ture Fuulhaam, ijaa bara darbe Arsenaaliin 1 fi 0n mo'ate bara kana 'barri dabaree' waan ta'eef 1 fi 0n mo'ameera.

Arsenaal barana kilaba bara darbe waancaa isa dhabsiisan yeroo adabu Fuulhaam kan jalqabaa miti. Niiwukasil fi Weest Haam akkuma kana haaloo ba'ateera.

Mikeel Arteettaa amballiisaa Maartiin Odegaard malee tapha kana taphachuu waan dirqameef bakka isaa Ebereechii Eezee hiriirsuun hanga danda'e goolii lakkoofsiisuuf karoorfatee dhufe.

Haata'u malee, dursee yaalii goolii lakkoofsisuu kan taasise warra abbaa qe'ee, Fulhaam ture. Taphattoonni warri akka Harii Wiilsan fi Joosh King Fuulhaamiif goolii lakkoofsisuuf yaalanii turanillee karra eegaan Arsenaal Daavid Raayaa kubbaa mataa gooliirra dabarseera.

Arsenaal suuta bayyaannataa dhufee taphicha to'achuurra darbee Rikkaardoo Kaaliyaafiyoorii goolii akkaan bareedduu taate galchee ture garuu taphaan ala (oofsaayidii jedhamee haqame.

Ze Gaanars boqonnaa booda caalaa cimanii Fuulhaam akka duubatti deebiyee ittisuurratti dallaa ijaaru dirqisiiseera. Garuu isaa hin oolle.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhiibbaan Arsenaal goolii argachuuf taasisu itti fufee daqiiqaa 58ffaa irratti kubbaa koornaa Bukaayoo Saakaa erge Gabreel xiqqoo tuqee bakka sirrii qabatee eeggataa kan ture Tiroosaard haala amansiisaa ta'een manii keessa buuse.

Isaan booda Saakaan penaaliitii argatee dursuu Arsenaal amansiisaa waan taasisu itti fakkaatee ture, garuu VAR ilaalee penaaliitii kana dhowwate.

Arsenaal Fuulhaamiin 1 fi 0n mo'achuu isaatiin amma Piriimer Liigii taphoota saddet taphatamerraa qabxii 19 qabatee dursaa jira.

Kaleessa Everteniin goolii Halaand alama lakkofosiseen 2 fi 0n kan mo'ate Maanchester Siitiin hanga Arsenaal mo'atutti sa'aatii muraasaaf Piriimer Liigii dursuu jalqabee ture. Amma qabxii sadiin caalamee sadarkaa sadaffaa qabateera.

Har'a (Dilbata) Maanchester Yunaayitid simatee tapha saddetteffaa kan taphatu Liiverpuul ammoo qabxii afuriin Arsenaaliin caalamee sadarkaa sadaffaarratti argama.

Arsenaal amma taphoota shanan darban hin mo'amne. Kun ammoo Piriimer Liigicha akka itti fufee dursu isa taasiseera.

Ze Gaaners bara darbe taphoota lama waggaa lamaan darban dirree Fuulhaam, Kiraaven Kotej irratti taasisee tureen tokko mo'amee, tokko ammoo walqixa bahuun isaa carraa waancaa dhabuun lamaffaan akka xumuru taasisee ture.

Haata'u malee, gareen Arsenaal bara kanaafi kan waggoota lamaan darfbanii addadha. Ganna darbe taphattoota saddet haaraa mallatteessifachuun Mikeel Arteettaan miidhamuu taphattootaa dabalatee yeroo rakkinni isa mudatutti filannoo akka qabaatu gargaareera.

Arsenaal kubbaa bakka dhaabbaterraa ka'uun goolii lakkoofsisuu kan itti dhiyaatu hin jiru. Kubbaan bakka dhaabatee Bukaayoo Saakaa fi Dekilaan Raayis irraa ka'ee goolii ta'uun jijjiirama yoo fidu kan kaleessaa kun isa jalqabaa miti.

Baruma kana Arsenaal kubbaa bakka dhaabaterraa ka'uun goolii saddet lakkoofsiseera. Isaan keessaa torba kan ta'an ammoo koornaarraati.

Arsenaal erga bara 2023-24 kubbaa bakka dhaabatee ka'urraa goolii 36 lakkoofsiseera. Kanaan ammoo lamaffaarra kan jiru Maanchester Siitii goolii sagaliin caala.

Arteettaan tapha booda ibsa kenneen akkamitti akka Arsenaal kilaba dallaa ijaaree akka Fuulhaam kana ittisurratti kubbaa bakka dhaabaterraa ka'uun goolii lakkoofsisun danda'amu ibseera. Gooliin kaleessa Fulhaam irratti galchan kun erga bara 2021-22 as goolii 63ffaa kubbaa dhaabaterraa lakkoofsisan ta'uu himeera.

Piriimer Liigii keessatti kilabiin kubbaa bakka dhaabatee ka'urraa goolii 47 lakkoofsise hin jiru.

Arsenaal taphoota saddet barana hanga ammaatti taphatamaniin waliigala ja'a mo'atee, tokko mo'amee tokko ammoo walqixaan xumure. Kan mo'ame Liiverpuuliin yoo ta'u, qixa kan bahe ammoo Maanhcester Siitii waliin ture. Tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaatiinis Arsenaal bara kana milkaa'aa jira.

Miihdamni taphattootaa waggoota lamaan darban waancaatti dhiyaatanii akka harkaa ba'uuf sababa ta'e, bara kana fala waan argate fakkaata. Taphataa bakka warra miidhamee buufatan gahaa ijaarrateera.

Arsenaal fi seenaa isaa

Kilabni Kubbaa Miilaa Arsenaal bara 1886 hundeeffame. Maqaan isaa jalqabaa Diyaal Sikuweer jedhama ture.

Arsenaal garee kubbaa miilaa pirofeeshinaalaa Landan keessatti argamu yoo ta'u, kan hundaa'e hojjetoota warshaa meeshaa waraanaa Wuulwich (Woolwich Arsenal Armament Factory)'n akka ta'e seenaan isaa ni mul'isa.

Jechi 'Arsenal' jedhu afaan Ingiliffaa yoo ta'u, hiikni isaas meeshaa waraanaa akka jechuuti.

Arsenaal maqaa masoo kilabichiifi deeggartoonni isaa yeroo baayyee ittiin beekaman 'Ze Gaanars' [The Gannuers] jedhamuunis ni waamama.

Arsenaal seenaa isaa keessatti waancaa Piriimwer Liigii 13 fi FA Cup 14 mo'ate dabalatee milkaa'ina hedduutiin beekama.

Hunda caalaa ammoo kubbaa miilaa Ingiliz keessatti kilaba sadarkaa duraarra jiran keessaa dhabamee hin beeku.

Arsenaal garee sadarkaa duraarra jiran keessaa kan dhabamee hin beekne ta'uun alatti, erga bara 1919 irraa kaasee Piriimer Liigii keessaa gara dviziyoonii gadiittis bu'ees hin beeku.

Akka odeeffannoon fuula marsariitii Arsenaal 'www.arsenal.com a' irraa argame agarsiisutti, Arsenaal dhuma Waraana Addunyaa I [World War I] irra kilaboota lama sadarkaa gadiirraa ol gudtan keessaa tokko ture.

Dr. Kilaayiv Chiijiyookee Niwoonkaa kitaaba 'BLACK ARSENAAL' jedhu barreesse keessatti kilabichi taphattoota hiddi sanyii isaanii gur'aacha ta'an ykn Afrikaa irraa ta'aniif hiree kennuun akka beekamu ibsa.

Guyyaa tokko kubbaa daawwachuuf dirree yeroo seenetti Arsenaal taphattoota gur'aacha ta'an sagal warra jalqbarraa seenanii taphatan hiriirsisuun seenaa keessatti kilaba Piriimer Liigii jalqabaa ta'uu yaadachuun ibsa barreessaan kun.

Guyyaa sana Ze Gaaners dirree isaaniitiin ala Liids Yunaayitidiin 4 fi 1 mo'atan. Tiiyeerii Henerii, Niwaankoo Kaanuu fi Kooloo Turee warra goolii galche turan. Sadanuu ammoo eenymmaan isaanii gurraacha.

"Gahumsa isaan agarsiisan ilaalcha seenaafi eenyummaa [sanyummaa] irra jirurratti dhiibbaa uumeera jechuun BBC Africa'tti dubbate Kollejjii Yuniversiitii Landonitti doktora kan ta'e Niwoonkaan.

Dr. Niwoonkaan kitaaba 'Black Arsenal' [Arsenaal Gurraacha] nama biroo waliin yeroo maxxansiisetti, gahee kilabichi seenaa aadaa gurraachaa keessatti gumaache ilaalees ture.

Kana malees, Arsenaal Piriimer Liigicha keessatti taphattoonni gurraacha ta'an caalaa akka taphatan gochuufi Isteediyeemii Emireetis keessatti ammoo lakkoofsi deeggartootaa dubartootaa akka dabalaa dhufu tattaaffii taasifame xiinxalameera.

"Qorannoon baayyee irratti gaggeeffamuu baatus, hariiroo gurraachonni Arsenaal waliin qabatan ilaalchisee wanti murteessaa ta'e akka jiru yeroo hunda natti dhaga'ama," jedha Dr. Niwoonkaan.

Iyaan Raayit bara 1990oota keessa deeggartoota Arsenaal dabalaniif mallattoo ta'ee mul'ata. Ilkaan isaa warqee, simboon isaa, amalli isaafi dheebuu inni gooliif qabu ni eeramu.

Arsenaal taphattoota gurraachaaf akka agarsiiftuutti ka'uun isaa deeggartota Ze Gaaners hedduu biratti mormii hin kaasu.

Arsen Viinger turtii bara 1996 hanga 2018tti waggoota 22 Arsenaal keessatti taasiseen taphattoota cocollee Faransaay fi Afrikaa mallatteessisuun beekama.