Taphattoonnii fi leenjisaan Liiverpuul erga mo'amanii maal jedhan?

Madda suuraa, Getty Images
''Kilaba kana baay'een jaaladha. Galchiin kun deeggartoota keenyaaf haa tahu'' jedhe galchii injifannoo Maanchister Yuunaayitidiif Aanfiildi irratti kan lakkoofsise Haarii Maaguwer.
Garuu kontiraanni isaa bara kana waan xumuramuuf '' kuni taphataa Maanchister Yuunaayitid tahee Anfiildi irratti isan taphadhu isa dhumaa tahuu danda'a,'' jedhe.
Maanchister Yuunaayitid Maaguweriin gurguruu hin barbaadu. Garuu kontiraata haaraa irratti hammam akka waliigalan hin baramne.
Aanfiildi irratti Maan Yuunaayitid injifannoon gala jedhee eenyu yaade ykn tilmaaame? Garuu seenaa waggaa sagal oliif galmeessaa turan haaressan.
Waggaa sagal keessatti Yuunaayitid Aanfiildi irratti injifannoo argatee hin beeku ture.
Ruuben Amoorim taphoota Piriimer Liigii lama walitti aansee mo'achuuf ji'oota 11 fi taphoota 35 itti fudhateera.
''Yeroo miiidyaan Amoorim ayyaana Qilleetti hojiirraa gaggeeffama na jechaa ture kan jaalalaa fi deeggarsa guddaa natti agarsiise deeggartoota keenyadha. Natti amananiiru. Deeggarsa isaanii kana gonkumaa hin dagadhu,'' jedhe.
Kutaa uffannaa jijjiirratan keessatti muuziqaa taphattoonnikoo erga mo'atanii bananii shuubbisaa turan ajaa'iba. Muuziqaan ani jaaladhu garuu 'Way Better' kan jedhudha...'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maatiyaas Kuunaa ''kun maanchister Yuunaayitididha. Kutannoo guddaadha!'' jedhe.
Taphataan Liiverpuul Virjil Vaan Daayik, ''waan dhugaan tokko carraa baay'ee arganneerra. Garuu mo'achuu hin dandeenye.
Taphoota afur walitti aansuun mo'amuu keenya. Waan kana jijjiiruu qabna, ammallee yeroon ganama'' jedhe
Haarii maaguwer gahumsa ofii agarsiise caalaa gammachuun deeggartoota Maan Yuunaayitid qalbii isaa qabateera. Gahumsa karra eegaa haaraa Maan Yunaayitid Sene Lamensi dinqisiifate.
Arnee Isloot ''Yuunaayitid yeroo as dhufu ittisuun jalqaba. Sana booda kubba dheeraa fayyadamu. Sun xiqqoo jijjiirameera,'' jedhe.
Arnee Isloot taphattoonni koo ofitti amanamummaa isaanii dhabaniiru jechuu hin danda'u. Warri jalqaba galanis tahe warri booda galanis carraa baay'ee uumaniiru jedhe.
''Yeroon Kilooppiin bakka bu'u dhiibbaa guddaa si mudata na jedhan. Ammas yeroo walitti aansee mo'adhu kanuma dubbatama. Kun jireenyuma leenjisaati.
Yoo mo'atte yeroo hundaa akka mo'attu sirraa eegama. Yoo mo'amte ammoo akka daftee mo'ahuutti deebituuf dhiibbaan sirra jira. Kun jireenya keenya'' jedhe.
"Yuunaayitid obsaan nu eegan. Kubba akka barbaanne akka taphannu nuuf eeyyaman. Baay'eema nu jifachuuf hin dhamaane. Garuu nuyi ariifachuu fi murtee dogogoraa murteessuutu nurraa mul'ate. Amma taphattoonni, deeggartoonni hundi keenya tokkummaan dhaabbachuu qabna, jedhe.
Kileboonni lameen seenaa keessatti Masaanuu waliiti. Magaala tokko tahanii osoo hin taane masaanummaa seenaati. Maanchister Yuunaayitid taphni akkuma jalqabeen Biriyaan Embuumoo sekondii 62ffaa irratti galchii jalqabaa lakkoofsise.
Yuunaayitid haga daqiiqaa kudhan hafutti 1-0 dursaa ture.
Taphattoonni Liiverpuul gatii rikardii Biriiten taheen mallatteessan kan akka Aleeksaander Isaak, Filooriyaan Wiirz homaa kileba isaanii oolchuu hin d andeenye.
Inumaayyuu Maan Yunaayitid boqoannaan dura galchii lamaa fi isaa ol lakkoofsisuun bahuu danda'a ture.
Arnee Isloot erga paawondii miliyoona 460 ganna kana qofa baasanii taphattoota jajjaboo jedhaman mallatteessanii haala gaarii keessa hin jiran.
Liiverpuul erga leenjisuu jalqabanii osoo hin taane erga hojii leenjisummaa jalqabaniiyyuu taphoota afur walitti aansuun mo'amanii hin beekan.
Liiverpuul ammoo taphoota afur walitti aansee kan mo'ame bara 2014 keessa ture.
Ergasii kun kufaatii guddaa isaan galmeessanidha.
Ruuben Amoorim ''carraanis nu waliin jira'' jedhan. Pooliin kubba Koodii Gaakpoo deebise carraa guddaa Liiverpuul argatan keessaati.
''Turtiikoo Maanchister Yuunaayitid keessatti injifannoo guddaa ani argadhedha'' jedhe Amoorim.
Amoorim bara darbe Raafama guddaan dhufuuf jira jedhee ture. Amma waan sun darbeeraa jedhamee yoo gaafatamu, ''Yoo akka har'a kutannoo argisiifne, jabaannee shaakala irrattis dirree tapha irrattis yoo taphanne tahuu isaati. Ammaaf tapha Biraayitan irratti ilaalla,'' jedhe.
Amoorim tapha cimaa itti aanu Biraayitan waliin qabu irratti xiyyeeffachuu barbaada. Bara darbe Yuunaayitid taphoota dhufan sadan Biraayitan, Nootingihamii fi Tootenhaam irraa qabxii tokkoyyuu hin arganne.
Garuu taphattoonni ammaa waan hedduun addadha. Haarii maaguwer kubbi miilaa yaadannoo injifannoo akka har'aa kana kaa'anii darbuudha jedhe.
Biraayitan yeroo sadii walitti aansuun Ooldi Tiraaford irratti Yuunaayitidiin mo'ateera.
''Wan akkanaa arguun gaarii miti. Yeroo gaarii hin taane hedduu dabarsineerra. Iisn warri miiidiyaa haaluma amma seenessaa jirtaniin itti fufaa. Hin jijjiiriinaa. Sun anaaf waan gaariidha. Ni ari'ama jedhaa'' jedhe Amoorim.
"Yuunaayitid keessatti tapha baay'ee hin mo'anne. Deeggartoonni keenya tapha Giriimzbii, Bireentifoord fa'aa irratti mufataa turan. Injifannoon kun isaaniifi,'' jedhe.












