Kileba kamiyyuu ni mo'anna- Ruuben Amoorim

Taphattoota Maanchister Yuunaayitid, Kaazemiiroo fi Buruunoo Fernaandez

Madda suuraa, Getty Images

Taphoonni Piriimer Liigii torba gaggeeffamanii Arsenaal gabatee liigichaa dursuu jalqabeera.

Torban kana ammoo masaanuu isaa keessaa tokko kan tahe Fuulhaam keessummeessa.

Arsenaal taphoota sadii darban Fuulhaam waliin gaggeesse keessaa tokko mo'atee tokko qixa bahuun tokko ammoo mo'ameera.

Garuu taphoota 14 darban waliigalaan kileboonni lameen walitti dhufan keessaa Arsenaal taphoota sagal mo'ateera. Taphoota afur qixaa xumuranii tapha tokkottii ammoo Mudde bara 2023 keessa Fuulhaam 2-1'n mo'ate.

Taphoota 20 darban walitti dhufan keessatti yoo xiqqaate Arsenaal galchii tokko Fuulhaam irratti lakkoofsisaa tureera.

Morkiin kun Darbii Landan keessaa tokko.

Arsenaal ammoo taphoota Darbii Landan waliigalaa 18 dhiyeenya gaggeesse keessaa tokko qofa mo'ame. Taphoota 13 mo'ateera. Tokko ammoo West Haamtu 1-0 bara darbe ji'a Guraandhalaa keessa mo'ate.

Arsenaal bara kana sarara hundaa irratti taphattoota jajjaboo mallattesisee qaba. Garuu Viiktar Giyookeres akka eegame Arsenaaliif galchii hedduu lakkoofsisaa hin jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara darbe yeroo akka kanaa Ispoortiingi Liisbaniif galchii 17 lakkoofsiseera. Bara kana Arsenaaliif Piriimer Liigii keessatti galchii sadii qofa qaba.

Mikeel Arteettaan garuu filannoo hedduu qaba. Bukaayoo Saakaa fi Maartineeliin gahumsa gaarii irratti argamu.

Dabalataan galchiidhaaf taphattoota isaa sarara gidduu kan akka Ebereche Ezzee, Mikeel meerinoo fa'aa irratti hundaa'uu danda'a.

Garuu Maartiin Odeegaard miidhamuun ji'a tokkoo oliif dirree irraa kan fagaatu taha.

Maanchister Yuunaayitid Aanfiildi irratti Liiverpuuliin morkata. Arnee Isloot jalatti yeroo jalqabaaf walitti aansee taphoota sadii kan mo'ame Liiverpuul qabxii sadii guutuu dirree isaanii irratti argachuuf morkatu.

Injifannoof qofa osoo hin taane masaanuu isaanii yeroo dheeraa Maanchister Yuunaayitidiin akkuma kana galchii 7 irratti lakkoofsisan salphisuuf qophaa'uu danda'u.

Mohaammad Saalaan Maanchister Yuunaayitid irratti galchii lakkoofsisuun beekama.

Bara kana galchii hedduu akka bara darbee lakkoofsisaa waan hin jirreef tapha kana irratti milkaa'uu mala.

Yuunaayitid miidhama taphattootaa haaraa hin qabu. Lisaandiroo Maartinez torban kana shaakala hojjechuutti deebi'a.

Koobii Maayinuu fi Jooshoyaa Zirkizee kilebicha keessatti gammadoo miti.

Cheelsiin Liiverpuuliin injifatee haamilee guddaadhaan boqonnaa bahe.

Nootiingihaam Foorest garuu erga leenjisaa isaanii duraanii Nuunoo Ispiriitoo Saantoo hojiirraa gaggeessee tapha tokko mo'achuu hin dandeenye.

Abbaan qabeenyaa kilebichaa leenjisaa hojiirraa gaggeessuuf duubatti hin jedhan jedhamuun beekaman Anji Poostikoguluu ammas hin mo'atan taanaan tapha isaanii dhumaa tahuu mala.

Garuu Cheelsiin erga Liiverpuuliin mo'atee dorgomaa jabaa tahuuf qabxii sadii argachuuf akka falmatu leenjisaan isaa Eenzoo Maareshkaa himaniiru.

Taphoota saddet kileboonni lameen kana dura taphatan keessaa taphoota sadii qixa bahuun afur ammoo Cheelsiin mo'ateera.

Taphoota dirree isaa ala Nootingihaam waliin taasise afur keessaa sadii ammoo Cheelsii mo'ate.

Maanchister Siitiin qabxii sadiin qofa Arsenaal irraa duubatti hafee suuta hordofaa jira. Maanchister Siitiin taphattoota haaraa hedduu mallatteesise. Haga kilebichaa fi liigichatti baranitti rakkachuu danda'u.

Garuu gareen Peep Gaardiyoolaa jalqabbiin isaanii gaarii fakkaachuu baatus yeroo liigichi xumuramu qabxii addaa argitu jedhanii ture.

Gahumsa gaarii irra kan jiran Evertan morkii jabaa taasisu. Maan Siitii tapha kana mo'atee kileboonni liigicha dursaa jiran kan qabxii gatan yoo tahe, gara dursummaatti dhufa. Taphataan ergisaan Evertaniif kenname Jaak Giriilish kileba isaa hin morkatu.