Rakkoon Liiverpuul ammaa maaliif Mohaammad Saalaadha jedhame?

Mohaammd Saalaa

Madda suuraa, Getty Images

Bara darbe Liiverpuul waancaa Piriimer Liigii akka injifatuuf shoora olaanaa kan bahate Mohaammad Saalaa bara kana ammoo kilebichaaf ''rakkoo taheera'' jedhame.

Leenjisaan Liiverpuul Arnee Isloot achuma dhaabadhuu kubba siif darbu eegii galchii lakkoofsisi jedhee yoo Saalaatti himeera tahe nan hubadha. Bakkichatti dandeettii akkamii akka qabu waan beeknuuf jedhe xiinxalaan kubba miilaa Daanii Marfii.

Garuu taphataan duuba isaa ittisa irra taphatu haguuggii guddaa waan isaaf hin kennineef Liiverpuul baay'ee akka saaxilamu isa taasiseera.

Erga Aleeksaander Arnoold kilebicha gadhiisee bahee taphataan haala gaariin duuba Mohaammad Saalaa irraa ittisa cimaa fi kubba bareedaa ammoo dabarsee kennu ammayyuu hin argamne.

Firiimpoong, Konor Biraadilii fi Doominik Sooboslaay bakkicha irra taphataa jiru.

Garuu bakkicharra tasgabbiin hin jiru. Morkattoonni Saalaan akka duubatti deebi'ee hin ittisne waan beekaniif taphattoonni lama karaa sana Liiverpuuliin jifatu.

Yeroo kana taphattoonni morkattootaa lama yoo kubba qabachuun bakkicha irraan deeman taphataan Liiverpuul ittisa irra jiru tokko qofa taha.

Yeroo kana haala salphaa taheen Liiverpuuliin caaluu danda'u.

Cheelsiin Sanbata darbe yeroo galchii lakkoofsise bakka sanarraan kubba fudhatee darbedha. Kileboonni kaanis haaluma kanaan Liiverpuuliin balaaf saaxiluu malu.

Tapha Sanbata darbee irratti yeroo baay'ee Saalaan yeroo duubatti deebi'uun Maark Kukurellaa hordofu hin mul'anne.
Ibsa waa'ee suuraa, Tapha Sanbata darbee irratti yeroo baay'ee Saalaan yeroo duubatti deebi'uun Maark Kukurellaa hordofu hin mul'anne.
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arnee Isloot Saalaan bilisa tahee akka taphatu barbaada. Hojii ittisaa dabalataan waan kenneefii miti.

Silaa osoo akka ittisu itti himee jiraatee kubba Mark Kukurellaan fudhatee dedebi'aa tureefi galchii tahe hanbisuu danda'a ture.

Saalaan humna isaa jifachuuf ykn fuulduratti deemee galchii lakkoofsisuuf akka itti fayyadamuuf Isloot itti himuu hin hafne jedhe Daanii Marfii.

Bara darbe yeroo Liiverpuul Maanchister Siitii mo'ate hojii Saalaan ittisa irratti agarsiise ajaa'iba ture.

Bara kana kana hojjechuu dhabuu isaan isa komachuun ni ulfaata. Ajaja leenjisaa isaa tahuu waan maluuf. Garuu Liiverpuuliif rakkoo guddaadha.

Rakkoo Saalaan qabu akkaataatti Liiverpuul duuba isaan ijaaree taphatudha.

Taphattoonni kaan isa gargaaruu fi saffisaan duuba isaa cufuu qabu. Cheelsiin yeroo isaan mo'atu kubba fudhatanii fuulduratti yoo siiqan kallattii Saalaan taphatutti deebisuun taphatu. Bakkicha irra qaawwaan ykn bakka qullaan waan jiruuf.

Yoo Riyaan Giraavenberg ykn Maak Alister bakkicha cufuu deeman sarara gidduu kaan irraa ammoo taphataa tokkotu hir'ata. Innis ammas morkattootaaf carraa kenna.

Ittisni Saalaa duuba taphatu hojii kana akka bara darbeetti bahachuu qaba. Ykn Arnee Isloot Saalaan duubatti deebi'uun akka bara darbee ittisaa akka taphatu gochuu qabu.

Yeroo Liiverpuul kileboota xixiqqaa waliin taphatu kubba guutummaan to'atee waan taphatuuf rakkoon kun mul'achuu dhiisuu mala.

Kilboonni morkattota jajjaboo tahan garuu waan kana saaxiluu danda'u.

Taphattoonni hedduun haaraadha. Yeroo gannaa shaakala irratti baay'inaan hin argamne.

Haalli tapha isaaniis adda waan taheef itti baruuf obsa isaan gaafata. Aleeksaander Isaak garee kana waliin yeroo gannaa hin turre.

Firiimpong, Wiirz, Ekitikee, Biraadilii, Maak Alister fa'aa yeroo gannaa shaakalaa fi taphoota michumma airra waliin hin turre.

Rakkoo gahumsa qaamaa isaan mudataa jiru furuuf ammayyuu yeroo gahaa qabu.

Arsenaaliin qabxi tokko qofaan caalamaniiru.

Yoo rakkoo haala taphaa irratti qaban furan akkasumas yoo gahumsi qaamaa taphattootaa qajeele Liiverpuul waan isa mudataa jiru keessaa bahee akka bara darbeetti taphachuu danda'a.

Bara kana tapha to'atanii qabxii eegsisanii bahuuf rakkataa jiru.

Bara darbe garuu faallaa kanaati. Qindoomini taphattootaa murteessaadha. Taphattoota haaeaa dhufan warra turan wlaiin akka wal baran gochuuf yeroo gaafata.

Saalaan rakkoo fakkaatee kan mul'ate ammoo galchiis lakkoofsisuu dhabuu isaati. Ittisa irras galchii lakkoofsisuu irras hin jiru. Garuu haalli tapha isaa, bakka qabachuu isaa fi yaaliin taasisaa ture yeroo gabaabaa booda gara Saalaa duraan beeknuutti akka deebi'uu danda'u nutti agarsiisa.