Isheen Eenyu? 41:Maartaa- Giiftii Kubba Miilaa Addunyaa eenyu?

Madda suuraa, Getty
Badhaasa Ballon d'Or yeroo jaha mo'atteetti. Dhiiraafis tahe dhalaa keessaa Liyonel Meesii qofatu ishee caala. Giiftii Kubba Miilaa addunyaa, Mallattoo Biraazil, fakkeenya injifannoo jireenya namoota hundaa tahuu dandeesseetti.
Maartaa Viyeeraa Da Silvaa.
Dubartiin kufaatii fi qormaataan osoo hin daanga'iin injifannoo galmeessite, hiyyummaa mo'achuun maqaa ishee seenaa kubba miilaa addunyaa keessatti galmeessite eenyu?
Seenaa kubba miilaa Waancaa Adunyaa keessatti dhiiraafis tahe dubartootaaf galchii hedduu eenyu lakkoofsise jedhamee yeroo haasa'amu namuu maqaa Peelee, Roonaaldoo ykn Mesii jedhee kaasuu mala.
Garuu akkas qofa miti, isheenis Giiftii Kubba Miilaa Addunyaa, warra Biraaziliif ammoo mallattoo biyyummaa isaaniiti.
Naannoo Biraazil keessaa hiyyeessi itti baay'atu, Alago'aas baadiyaa Diyoos Riyaachos keessatti dhalattee guddatte.
Bakki irraa dhufte bakka guddaa akka geessu kan akeeku miti. Warri Biraazil kubba miilaa yeroo kaasan Peelee maqaan dursu hin jiru. Gaarinchaa, Ziikoo, Riveelinoo, Roonaaldoo Fenomenaa kan ammaa immoo Neeymaar fa'aa kaasuun maqaa dhahuu dandeenya.
Maartaa Viyeeraa da Silvaa garuu seenaa isaan hunda irraa adda tahe qabdi. Dubartii tahuu isheef qofa akka isaaniitti faarfamuu baattus, isaan kanneen keessaa kubba miilaa keessatti namni dubartootaafis tahe dhiira keessaa haga ishee mo'ate hin jiru.
Isheenis dubartummaan kubba miilaa keessatti milkaa'uu irraa akka nama hin dhaabne addunyaatti agarsiisuuf waan baay'ee keessa darbite.
Haati ishee Maartaa fi obboloota ishee qofaa rakkattee guddiste. Abbaan Maartaa erga isheen dhalattee waggaa tokko taatee maatii dhiisee deeme.
Hiyyummaa, beelaa fi qoollifannaan itti wal furaniiru. Kophee ittiin kubba taphattullee argachuuf rakkataa turte. Obbolaan ishee dhiiraa dubartiin dhiira waliin kubba miilaa hin taphattu jechuun akka isheen manatti haftuuf dhiibbaa irraan gahaa turan.
Garuu abdii ishee hin kutachiifne.
Danqaa baay'eetu na mudate. Haati koo anaafi obbolaakoo guutuu qofaa guddiste. Kophee kubba itti taphadhuyyuu naa bituu hin dandeessu ture. Garuu abjuukoo milkeessuuf takkaa gadi hin teenye,'' jette Maartaan yeroo tokko miidiyaaleef yeroo ibsa laattu.
Haati maartaa fi akkoon ishee akka intalli isaanii abdii kutattee gadi hin teenye hubataniiru.
Umurii ishee waggaa 14'n dirree yeroo gannaa dhoqqee bona bona ammoo awwaaraan guutame keessaa bahuun istaadiyeemii fooyyee qabu magaalaa Riyoo de Janiirootti taphachuuf carraa argatte.
Ifa xinnoo ijoollummaa isheetti argite jalqabaati.
''Ammayyuu gaafan yaadu sammuukotti kan dhufu waan fiilmii wayii fakkaatudha. Dooyis Riyaachos keessatti akkamiin akkan kubba taohachuu jalqabe yoon yaadu ammayyuu hin amanu. Isa irratti ammoo ijoollummaakottan maatii biraa deeme.
''Konkolaataa keessa taa'ee kilaba beekamaa Biraazil Vaaskoo Dagamaaf guyyaa tokko nan taphadha jechaan ture.''
Kaayyoo milkaa'eef....Imala guyyaa sadii
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baadiyaa baay'ee fagoo irraa kaatee magaalaa Riyoo de Janiiroo gahuuf konkolaataadhaan guyyaa sadii gaafata. Baadiyaa hagas fagaatu kana keessatti taphattoota akka Maartaa kana arganii baasuuniyyuu hedduu ulfaata.
Kun garuu Maartaa hiree milkaa'inaa irraa ishee hin dhorkine. Waa'een ishee bakka baay'eetti dhagahame. Kilebni jalqaba Maartaa arguun carraa kenneefii akka guddattu godhe Vaaskoo Dagamaa jedhama.
Yeroo sana umurii ishee waggaa 13 ture. Kilebichi haala mijeesseefii maatii biraa bahuun gara kileba carraa kenneefii kanaatti qajeelte.
Maartaan baadiyaa bakka dhaloota ishee irraa ka'uun imala guyyaa sadii booda magaalaa Riyoo galtee gara kilebichaa deemte.
Leenjistuun Vaaskoo Dagamaa yeroo sanaa Helenaa jedhamti. Gargaartuun ishee ammoo Meeg jedhamti. Lameenuu dorgommii Olompikii 1996 irratti Biraaziliif waliin taphataniiru.
Maartaanis waa'ee leenjistoota lameenii beekti.
Dandeettii isheen qabdu ilaaluuf yeroo carraa kennaniifii mucayyoo xiqqoon kun kubba qabattee morkattoota hunda bira darbuun deddeebistee galchii lakkoofsifte.
Amma yerootti yaaliif ishee ilaalan qofa osoo hin taane kileboonni kaan kana dhagahanii akka harka isaaniitii hin baasneef ariitiin mallatteesisuuf murteessan.
Abjuun Maartaa milkaa'uun kunoo jalqabe.
''Milkaa'iinni koo kubba miilaa keessaa ariitiin galmaa'aa ture. Garee biyyaalessaa Biraaziliif ijoollumanin filame. Achii gara Iswiidin deemeen taphadhe,'' jette.
Mana maaatii isheetii baatee waggaa sadii booda Biraaziliin bakka bu'uun Waancaa Addunyaa irratti taphataa turte.
Waancaa Addunyaa Dubartootaa bara 2003 irratti Maartaan biyyi ishee Biraazil sadaffaan akka xumurtu gargaarte.
Waggaa sadiin booda bara 2006 ammoo Taphattuu Cimtuu FIfa bara sanaa tahuun filamte.
Badhaasa kana yeroo jaha injifachuun namni ishee dorgomu hin jiru. Kun ammoo ilaalcha kubba miilaa dubartootaa addunyaas tahe Biraazil keessaa jijjiireera.
Maartaa ilaaluuf lakkoofsi namoota gara istaadiyeemii deemanii haalaan dabale.
Tokko tokko waan Martaan agarsiisaa jirtu kana dubartoonni kaan irra deebiin agarsiisuu hin danda'an jedhu. Kaan ammoo taa'aniima waan raajii dirree kubba miilaa keessatti isheen agarsiiftu daawwachuun ittiin bohaaru.
Giiftiin kubba miilaa addunyaa kunoo argamteetti. Maartaa da Silvaa, miidhagina Biraazil, miidhagina kubba miilaa dubartoota addunyaati.
Dubartoonni ol adeemuu Maartaa fakkeenya godhachuun kubb amiilaatti makaman lakkoofsa hin qaban.
''Maartaan seenaa kubba miilaa dubartootaa keessatti maqaa guddaadha. Waan isheen mo'atteef nuyis sadarkaa har'a irra jirru kana irra geenye,'' jette miiltoon ishee duraanii Taayis Monteeriyoo.
''Waan nuyi kubba miilaa keessatti milkeessine hedduun karaa ishee dhufe. Kubbi miilaa ishee duras jiraatu, seenaan jireenya ishee fi milkaa'inni ishee gonkumaa dorgomaa hin qabu. Danqaa hunda jireenya keessatti ishee mudatan mo'attee, kubba miilaa keessatti injifannoo hagas gahurra gahuun salphaa miti,'' jette.
Liyonel Meesii fi Kiristiyaanoo Roonaaldoon iyyuu badhaasa FIFA akka maartaa yeroo jaha hin mo'anne. Dhiiraafis tahe dhalaaf badhaasa kana si'a jaha mo'achuun Maartaan ishee jalqabaati.
Waancaa Addunyaa jaha irratti taphachuunis rikardiin kan Maartaati. Galchiiwwan 17 Waancaa Addunyaa irratti lakkoofsisuun rikardii bara hedduuf Peeleedhaan qabamee ture cabsiteetti.
Gama dubartootaan rikardii harka Abii Wambaachii fi Birijit Piriinzi ture cabsiteetti.
UN beekamtii guddaa kenneefii Ambaasadara Kubba Miilaa Dubartootaa gochuunis ishee filee hojjechaa turte.
Amma jireenyi kan dhunfaakoo osoo hin taane kan dubartoota addunyaa hundan gateettii kootti baadhee jira. Isaaniif fakkeenya tahuufan hojjedha jette.
Akkasis tahee garuu miindaa taphattoonni kubba miilaa argatan kan dhiirotaa irraa baay'ee gadi aanaadha.
Mesii fi Roonaaldoo ol rikardii gurguddaa kan of harkaa qabdu Maartaan miindaa isheen waggaa tokko guutuutti argattu miindaa Liyonel Meesiin torbee tokkotti argatuun gadidha.
Garuu ammas kubbi miilaa fuulduratti deemaa jira. Kanaaf itti fufnee falmachuu qabna jetti.
''Abjuukee mulkeessuu irraa abdii hin kutatiin. Daandiin irra imaltu danqaa fi gufuu baay'ee qabaachuu mala. Garuu abdii hin kutatiin, Ani Maartaan takkaaabdii kutadhee hin beeku. Maartaa har'a beektan kana rgitaniifii osoo abdii hin kutatiin abjuukoo waanan milkeesseefi,'' jette.
Peelee waamnaan Maartaa hin dhiistu
Juukaa Kifoorii, komantaterii beekamaan Biraazil seenaa kubba miilaa Biraazil keessatti kubb amiilaa dhiiraan biyyi keenya kan eebbifamte taatus kan Maartaa dorgomu garuu hin jiru jedhe.
Jaarraa 21ffaa keessa taphattoota argine keessaa gama hundaan guutuu fi injifannoon kan faayamte akka Maartaa hin jiru jedhe.
''Kubba dabarsuu, haleeluu, mataan dhahuu, tapha ilaalanii jijjiiruu, miila bitaa fi miregaan akka barbaaddetti taphachuudhaan Maartaan taphattuu addaati,'' jedhe.
''Peelee taphattoota kaan waliin dorgomsiisuun nutti ulfaata. Garuu Maartaa Roonaaldoo Fenomenaa, Rivaaldoo waliin yoo dorgomsiifne isheen taphattuu guutuu addunyaati,'' jedhe.
Peeleen ofumaan yeroo lubbuun jiru Maartaa ana waliin dorgomsiisaa, kan caalu filadhaa jedhee sadarkaa kanatti beekkamtii kenneeraafii.
Mootummaan Biraazil ilaalcha kubba miilaa dubartootaaf qabu akka jijjiiru kan godhe ahumsa Maartaan agarsiisuun maqaa Biraazil waamsiftedha.
Bara 1941-1979 gidduu Biraazil keessatti dubartiin kubba miilaa taphachuun seeraan kan dhorkame ture.
Kanaaf Birzaali kubb amiilaan addunyaa irratti beekamtus kan dubartootaa garuu akak kan dhiirotaa osoo hin guddatiin tureera.
Seenaa kubba miilaa dubartootaa Biraazil kan jijjiirte dubartii seenaa jireenya ishees jijjiiruun qormaata hundaa mo'atte, Maartaa da Silvaadha.
Maartaan hidhii ishee kuula [liippistikii] diimaa dibachuu jaalatti. Biraaziliif dirree keessatti dhiigakooyyuu nan kenna jechuuf akka itti fayyadamtu ibsiteetti.
Naannoo Maartaan keessatti dhalatte, Alagoyaas maqaa istaadiyeemii naannichaa guddicha ''Istaadiyeemii Mootiicha Peelee [King pele Stadium] jedhamu gara ''Istaadiyeemii Giiftii Maartaa, [Queen Marta Istadium]'' jedhamuutti jijjiiruuf raggaasiseera.
Milkaa'uuf abdii hin kutatiin, qajeelfama jireenyaa Maartaati.












