Jijjiirraa ganna kanaan baasiin bahe £3bn darbe, eenyu guddaa baase?

Isaak, Wiisaa fi Laammeens

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Kilabootni Piriimiyeer Liigii Ingiliz jijjiirraa ganna kanaan baasiin baasan kan yeroo kamuu ol guddaadha. Paawundii biliyoona sadii ol gaheera.

Hanga Hagayya 31tti qofa baasiin jijjiirraa taphattootaaf bahe paawundii biliyoona 2.73 ture. Haata'u malee guyyaa xumuraarratti bittaawwan gatii qaaliin raawwatamaniiru.

Liiverpuul jifataa Niiwkaasil Aleksaander Isaakiin fudhachuuf paawundii miliyoona 125 kaffaleera. Kuni gatii riikardii Ingiliz ta'edha. Kunis baasii tibba jijiirraa kana paawundii biliyoona 3.087gaheera.

Keessumaa ammoo baasiin kilabootni jajjabboon baasan kan bara kaaniirra guddaadha. Paawundii biliyoona 1.96 baasaniiru.

Baasiin bittaa taphataattootaa liigii Ingiliz tibba kanaa kan Laaliigaa, Bundesliigaa, Liig 1 fi Seriyaa A walitti dabalameyyuu ni caala.

Guyyaa dhumaatti eenyufaatu jijjiirame?

Sa'aatiin jijjiirraa taphattootaa itti xumurame 19:00 BST boodas waraqaan waliigaltee walii dabarfameera taanaan saa'aatiiwwan itti aanan lama gidduuttis jijjiirraan eegalame raawwatamuu danda'a.

Fakkeenyaaf jijjiirraan Isaak kan ifoome saa'aatiin jijjiirraa taphattootaa xumuramuu sa'aa lamaafi walakkaa booda. Ammoo jifataan Paalaas Maark Geeyi sa'aatii dhumaatti taphataan bakkasaa bu'u waan hin argamneef Liiverpuulitti makamuuf waliigalteen godhame fashaleera.

Niiwkaasil Isaakiin gurguruun mirkaneeffamuu booda jifataa Bireentifoord Yowaan Wiisaa mallatteessifachuu beeksiseera.

Jijjiirrawwan guyyaa xumuraa ijoo keessaa kan biraan Fulhaam gatii riikardii kilabichaa ta'e paawundii miliyoona 34.6n Shaaktaar Doneeskirraa taphataa sarara cinaa lammii Biraaziil Keviin jedhamu mallatteessifachuusaati.

Maanchister Yunaayitiid ammoo karra eegaa Rooyal Atiwaarp, Laammeens jedhamu paawundii miliyoona 18.1n mallatteessiseera.

Jeedan Saanchoo Maanchister Yunaayitiidirraa, Haarveey Eeliyoot Liiverpuulirraa ergisaan gara Astoonviilaa makamaniiru.

Totenhaam jifataa PSG Raandaal Koolomaawunii ergisaan argateera. Arsenaal ammoo taphataa sarara ittisaa Baayer Liverkusan Piyeeroo Hinkaapiyee ergifateera.

Eenyutu baasii olaanaa baase?

Baasii fi galii jijjiirraa taphattootaa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baasii bittaa Aleeksaander Isaak kan achuma Piriimiyeer Liigii keessaa ta'een alatti jijjiirraan gatii guddaa kan raawwatame kilaboota Awurooppaa biroo wajjini.

Liiverpuul tapahattoota kilaboota Awrooppaa biroorraa bite shaniif walumatti baasii paawundii miliyoona 280 ta'u baaseera.

Arsenaal Yokeereeshiifi Zubimeendii fiduuf paawundii miliyoona 114.5 baaseera.

Liiverpuul walumaagalatti paawundii miliyoona 415 baasuun adda dureedha. Kunis riikardii kilabi tokko tibba jijjiirraa tokkotti baase ta'eera.

Amma dura Chelsiitu bara 2023 paawundii miliyoona 400 baasuun riikardii qabatee ture.

Bittaafi gurgurgurtaa kilabootaa gaafa ilaalamu hunda caala kan baase Arsenaaliidha. Bittaaf paawundii miliyoona 255 baase, gurgurtaarraa kan argate ammo miliyoona 9 qofa. Baasiinsaa qulqulluun miliyoona 246dha.

Guuddoo baase kan jedhame Liiverpuul gurgurtaarraa paawundii miliyoona 187 argateera. Baasinsaa qulqulluun miliyoona 228 ta'a.

Bara kana guddoo gurguruun kan milkaahe ammoo Chelsiidha. Kilabichi tibba jijiirraa kana qofa gurgurtaa taphattootaarraa paawundii miliyoona 288 argateera. Bituuf baasiin baase ammoo paawundii miliyoona 285 qofa.

Wanti birana toibba jijjiirraa taphatattota akanatti hubatame kilabootni sadii Liigichatti ol guddatan liigicha keessa tturuuf gareesaanii jabeessuuf baasii guddoo baasuu isaaniiti.

Waggoota lamaan darban kilabootni sadii liigichatti ol dhufan deebi'anii bu'aniiru.

Waggoota saddeet booda liigichatti kan deebi'e Sandarlaand bittaa taphattootaaf paawunidii miliyoona 162 baaseera.

Barnileeyiifi Liidsiis akkasuma hanga paawundii miliyoona 100 baasaniiru.