Masiriin tapha Itoophiyaa waliin Fulbaana keessa qabduuf qophii addaa gochuu ibsite

Garee biyyaalessaa Masirii fi Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo Masirii fi Itoophiyaan dhimma Hidha Guddicha Abbayyaa [GERD] irratti muddama keessa jiranitti gareen biyyaalessaa kubbaa miilaa Masirii tapha Itoophiyaa waliin qabaniif qophii addaa gochuu ibse.

Qophiin isaanii kun maali laata?

Itoophiyaan hidha Haaromsaa ji'a Fulbaanaa keessa akka eebbisiiftu himteetti. Taphni Masirii fi Itoophiyaa ammoo Fulbaana 5 gaggeeffama.

Masiriin tapha kana irratti argamanii akka daawwatanii fi garee biyyaalessaaf deeggarsa addaa kennanniif daawwattoota 50,000 akka istaadiyeemii seenaniif eeyyamuu ishee miidiyaaleen biiyyatti gabaasaniiru.

Taphni Gulaallii Waancaa Addunyaa Masirii fi Itoophiyaa kun Istaadiyeemii Internaashinaalaa Kaayiroo jedhamutti gaggeeffama.

Waldaa Kubba Miilaa Masirii gaggeessaa kan jiran Hanii Abuu Riidaa, tapha Gulaallii Waancaa Addunyaa 2026 kanaaf tikkeettii gurguruu akka jalqaban ibsaniiru.

Waldichi gareen keenya ramaddii isaanii keessaa darbuuf deeggarsi lammiilee biyyattii murteessaa tahuu himan.

Taphni kun tapha gulaallii marsaa torbaffaati. Kana dura biyyoonni lameen marsaa jaha taphachuun qabxii isaan barbaachisu argachuuf tattaafataa turan.

Masiriin dhorkaa istaadiyeemii galanii kubba daawwachuu yeroo weerara koroonaa vaayirasii dabarsite kaastus taphoonni Piriimer Liigii biyyattiis tahe kan garee biyyaalessaa deeggartoota muraasaaf eeyyamama ture.

Amma garuu tapha Itoophiyaa waliin taasisan kanaaf dhorkaa sana kaasuun namoonni 50,000 akka galaniif eeyyamaniiru.

Leenjisaa garee biyyaalessaa biyyattii Hosaam Hasan jalatti, Masiriin Garee A keessaa taphoota jaha irraa qabxii 16 walitti qabachuun sadarkaa tokkoffaa irra jirti.

Sadarkaa lammafaa irra kan jirtu Burkina Faasoo yoo tahu, qabxii 11 qabdi.

Masiriin tapha lama ishee hafte Itoophiyaa fi Burkina Faasoo mo'annaan Waancaa Addunyaa bara 2026'f darbuu ishee mirkaneeffatti.

Itoophiyaan taphoota jaha irraa qabxii jaha qabdi. Garee A keessaa sadarkaa arfaffaa irra jirti.

Masiriin garee kana keessaa qixa bahuun kan xumurte Giinii Bisaa'oo waliin qofa.

Marsaa shanaffaa irratti Itoophiyaa waliin yeroo taphatte 2- 0 mo'atte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gareen Fara'oo erga Bitootessaa as dorgommii kubba milaa guddaa hin gaggeessine.

Waancaa Addunyaan dabalata ammoo Waancaa Afrikaa 2025 Morookoon qophheessituufis darbaniiru.

Leenjisaa Hosaam Hasan jalati Masiriin sadarkaa Fifa'n baasuun Afrikaa irraa sadarkaa sadaffaa qabatteetti.

Akka addunyaatti ammoo sadarkaa 34ffaa irra jirti. Kun guddina kubba miilaa biyyattiif hedduu murteessaadha.

Masiriin kana dura Waancaa Afrikaa bara 2006, 2008 fi 2010 yeroo mo'atte akka addunyaatti sadarkaa kudhanaffaa qabattee turte.

Afrikaa irraa Morookoon sadarkaa tokkoffaa, Senegaal dhiyeenya Waancaa Afrikaa kan mo'atte sadarkaa lammaffaa yoo qabatan sadaffaan ammoo Naayijeeriyaadha.

Addunyaa irraa Arjentiinaan sadarkaa tokkoffaa, Ispeen lammaffaa yoo qabatan Faransaay sadarkaa sadaffaa irra jiru.

Taphattoota akka Mohaammad Saalaa fi Omaar Maarmush kan amma Maan Siitii keessa taphatu kan qabdu Masiriin tapha Itoophiyaa waliin qabdu kubba miilaa garasitti kan ilaaltu taha.

Taphni Masirii fi Itoophiyaa darbii Laga Abbayyaa fakkaata. Hidha guddicha waggaa 14'f Itoophiyaan ijaaraa turte Masiriin mormitus Itoophiyaan xumuruun eebbisiisuuf jetti.

Sirna eebba hidhichaa irratti Itoophiyaan Masirii afeertus biyyattiin waamicha kana akka hin fudhanne beeksifteett.