Murteessummaa Odegaard, jabina PSG - Morkii Shaampiyonsi Liigii galgalaarraa waan hubanne

Odegaardiifi PSG

Madda suuraa, Getty Images

Morkiin Shaampiyonsi Liigii Awurooppaa marroon lammataa Kibxataafi Roobii edaa gaggeeffamaniiru.

Morkii Kamisa galgala godhaman keessaa morkiin shaampiyoona bara darbee PSG fi Baarseloonaa walitti fide bashannansiisaa ture.

Barseeloonaan dirreesaatti dursee jifachuu eegale. Feraan Toresiin golii jalqabaa argatee dursaas ture. Osoo boqonnaa hin bayiin Mayuuluun Shaampiyoonsi Liigiirratti gooliisaa lammaffaa galchuun PSG waliqixxeesse.

Tapha morkii miidhagaa qabu ture kan PSG goolii daqiiqaa 90ffaarratti Gonkaaloo Raamos jijjiiramee seenuun galcheen 2-1n injifate.

Morkii Awurooppaa irratti Baarseloonaan dirreesaatti goolii daqiiqaa dhumaatti itti galeen yeroo injifatamu kun kan jalqabaa ta'eera.

Morkii kanarraa kan hubatame PSGn baranas garee kilaba kamuu mo'achuu danda'u ta'uusaati.

PSGn gara dirree Baarselonaa kan imale jifattootasaa filannoo jalqabaa ta'an injifataa Ballon d'Or bara 2025, Osmaan Dembeelee, Havichaa Kavaariskeeliyaafi Disaayeer Duwee osoo hin qabatiini. Dursaa taphattootaa kan ta'e ittisni garichaa Maarkiiniwoosisi hin turre. Taphataan sarara gidduu Jaawoo Neveesiis shaakalarratti jalaa miidhamee ture.

Gareen kun taphattootasaa murteessoo kana malee Baarseloonaa kan amma Laa Liigaa Ispeen dursuutti jiru dirreesaatti dhaqee mo'achuun bara kanas garee kamiifuu hin jilbeeffanne ta'uu agarsiisa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphni kun yoo xumuramu Raamos isaan caallee taphanneerra ''mo'ichi nuuf maala'' jedheera.

Odegaard murteessaadha

Morkii isa kan biraa Emireetsitti godhameen Arsenaal Olompiyaakoosiin 2-0n injifateera.

Tapha kanarratti Martineeliin dafee goolii jalqabaa galche. Achiimmoo Saakan sa'aatii dhumaatti goolii isa lammataa lakkoofsise.

Gooliiwwan lakkaa'aman kana duubammoo taphataa sarara gidduu fi dursaa taphattootaa garichaa kan ta'e Maartiin Odegaarditu jira. Goolii lamaanuu isatu mijeesse. Kubbaa to'atee olaantummaa akka qabaatan godheera.

Lenjisaa Mikeel Arteettaa taphataansaa ganna 26 kun bilisummaan taphatee dandeettii jijjiirama fiduusaa akka agarsiisu hayyameera.

''Waan addaa gochuun uumamasaati. Sana gochuun dhiibbaa homaa irraan hin gahu. Sababnisaa inni taphataa wanta taphattotni hedduun hin goone gochuuf dandeettii qabudha'' jedhee saade.

Odegaard dandeettiisaa kana mul'isee garicha gargaaruuf wanta godhu hundumaa akka deeggarsu hime.

Odegaard tapha liigi isa jalqabaa Liidsi waliin taphatanii 5-0 injifatan irratti miidhame. Achii Notingihaam Foorest waliin yoo taphatanis bakkuma duraaniirra miidhamni isa mudate.

Achii taphoota sadiirratti osoo hin hirmaatiin hafee torbee darbe wayita Niwkaasiliin injifatan jijjiiramee galee sa'aa dhumaatti injifannoo argameef gumaata guddaa taphate.

Odegaard morkii Shaampiyoonsi Liigii edaarratti gahumsa gaarii agarsiiseen jajameera.

Morkiiwwan biroon jifataan duraanii Maanchister Yunaayitiid Raasmas Hooyiland goolii lama galchuun dirreesaanii Istaadiyoo Diyaagoo Armaandoo Maraadoonaatti halkan abjoochaa ture milkeessuu dubbate.

Ergisaan Naappolii kan jiru Hooyiland goliiwwan lamaan galche mijeessee kan kenneef taphataa sarara gidduu Maanchister Siitii duraanii Keevin Debirooyina dha. Naappoliin Ispoortiing Lizbaniin injifate.

Morkii kana booda ''halkan qabaachuuf abjoottudha, Shaampiyoonsi Liigiirratti taphachuun'' jedhe. Debirooyinaa jaje.

Maanchister Siitiinis gooliiwwan lama Erliing Haalaand galcheen Monaakoo injifachuuf dhiyaatee daqiiqaa dhumaatti qixxee bahe.

Siitiin bara kana yeroo arfaffaaf gooliiwwan daqiiqaa dhumaatti irratti lakkaa'amaniin qabxii dhabuunsaa yaaddoo uumeera.