Osmaan Dembeelee fi Musxafaa Diyaattaa, hiriyyummaan garasitti

Madda suuraa, Getty Images
Tibbana Osmaan Dembeelee badhaasa Ballon d'Or yeroo injifachuun isaa ibsamu namoota saganticha hordofaa turan keessaa dargaggeessi tokko Dembeelee caalaa miira gammachuun imimmaan dhangalaasaa ture.
Osmaan Dembeelees boodarra gara waltajjiitti maatii isaa waliin isa afeere. Namoonni baay'een obboleessa Dembeeleeti jechaa turan. Garuu miti. Dargaggoo Musxafaa Diyaattaa jedhamu kun eenyu?
Maaliif Dembeeleef akkas gammade?
Ijoollummaa isaaniitti ganda namoonni harka qalleeyyiin baay'inaan keessa jiraatan Evereksi jedhamtu keessatti wal baran. Maatiin isaanii appaartimantii tokko irra jiraatu ture.
Evereksi naannoo magaala Paarisitti argamti.
Ijoollee kunneen lameen erga wal baranii adda bahanii hin beekan. Walumaan daandiitti bahanii kubba dhiitaa oolu.
Hiriyyummaan isaanii osoo hin turiin obbolummaa ol tahee argame. Yeroo ijoollummaatiin Osmaan Dembeelee kileboota akka Reenes galu Musxafaa Diyaattaa biraa hin hafne.
Kan isaa dhiisee Osmaan Dembeelee bakka deeme walumaan deemaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dembeeleen kennaa ykn dandeettii tapha kubbaa miilaa ajaa'iba tahe qaba. Musxafaan akka isaa tahuu baatus taphataa ture.
Dembeeleen Renes kilebuma biyya Faransaay keessatti ol adeemaa urjii yeroo tahu qofaa akka hin taaneef isa waliin imalee jajjabeessaa waliin jiraataa turan.
Yeroo Dembeeleen miidhame, namuu isa gaafatu dhibe, qofummaa guddaan isatti dhagahamaa ture, namni tokko garuu biraa dhabamee hin beeku. Musxafaa Diyaattaa. Harmee isaa cinatti jechuudha.
Amma hiriyyota osoo hin taane maatii tahaniiru. Musxafaan maatii Dembelee birattis akka ilma isaanii tokkoo ykn obboleessa tokkootti ilaalama malee akka hiriyyaa fagoo Dembeeleetti miti.
Inumaayyuu isuma waliin jiraataa akka ture himama.
Yeroo Osmaan Dembeelee Boorushiyaa Doortimondiif taphachuuf gara Jarman imalu Musxafaa Diyaattaa biraa hin hafne. Isa waliin Jarman deemuun Dembeeleen waan barbaadu hundaa mijeesseefii deebi'aa ture.
Yeroo Dembeeleen jarman jiraachuu jalqabu qofaa isaa ture. Harmeen isaa abbaa malee qofaa waan isaan guddisaniif Dembeelee waliin garas imaluu hin dandeenye. Umurii ijoollummaadhaan biyya hin beekne keessa qofaa jiraata jechuudha.
Kanaaf Musxafaa Diyaattaa garuu hiriyyaa qofa osoo hin taane nama jireenya isaa aarsaa gochuun Dembeeleef jiraatedha jedha odeeffannoo tibbana miidiyaaleen baasan.
Dhiyeenya kaampaaniin Adidas waa'ee hiriyyummaa isaanii kana ibse ture. Kaampaanichi tibbana kophee haaraa sarara sadii qabu yeroo ifoomsee duula beeksisaa hojjetaa ture magaalaa Dembeelee fa'aa keessatti guddatan deemuun suuraa lameen isaanii kana fayyadamee agarsiisaa ture.
Paaris magaalaa keessatti guddatan garuu namni hedduu isaan hin beekne, keessatti badhaasa Ballon D'Oriif yeroo waliin deeman amma jireenyi akak durii sana miti.
Lameenuu abbaa qabeenyaa tahanii, qabeenya miliyoonotaan lakkaa'amu horataniiti.
Sababa miidhamaan dandeettiin kubba miilaa Dembeelee dhokate hafuu isaati bakka jedhametti tasa PAG galee leenjisaa Eeriikee jalatti injifannoo kanaaf yeroo dhaqabu imimmaan Dembeelee fi Diyaattaa waan meeeqa ibsa.
Isa darbe yaadataniiru. Beelaa fi dheebuu, rakkina maatii isaanii, yerootti tuffataman, namaan dagataman fi waan waliin dabarsan yaadachuun isaanii hin hafne.
Ammoo imimmaan gaddaa miti. Imimmaan gammachuu, injifannoo fi isa boo'aa kolfanidha. Injifannoodha.
Diyaattaan garuu maatii Dembeelee kamiyyuu caalaa miira keessa gale. Haati Dembeelee rakkoo meeqa itti arguun guddisan gaafa sana hin boonye. Gatii itti baasan waan beekaniif fakkaata.
Diyaattaan yeroo akkas boo'u namoonni hedduu inni eenyu? Maalif akkas gammadeefii jedhanii gaafataniiru.
Icciitin isaa hiriyyaa gaafa kolfaa osoo hin taane hiriyyaa gaafa rakkoo waan tureefi. Waan keessa darban beeka. Hiriyyaa milkaa'ina waayila ykn michuu isaatti inaafu osoo hin taane akka isaaf taheen olitti gammaduufii waan taheefi.
Miidiyaan tokko ''hiriyyaa ijoollummaa amanamaa. iftoomina qabuu fi ofiif qofa hin jiraanne'' jechuun musxafaa ibse.
Hiriyyummaa obbolummaan olii, Osmaan Dembeelee fi Musxafaa Diyaattaa fakkeenya dhugaa guddaadha.
Musxafaa Diyaattaa kubba taphataa ture. Faransaay kileboota xixiqqaaf taphateera. Garuu akka Dembeelee taphataa dandeettii kubba miilaa jabaa qabu hin turre.
Amma Baayern Muunikiif kan taphatu Upaamakaanoo fa'aa waliin taphataa ture.
Diyaattaan sagantaa Dembeelee kamiyyuu qindeessuu, waan isa barbaachisu guutuu irratti xiyyeeffata. Dembeeleen akka kubba miilaa irratti qofa xiyyeeffatu barbaada.
Dabalataan akka obboleessa hangafaa ykn abbaatti eegumsa godhaafii. Dembeeleen abbaa malee guddate.
Tapha Dembeeleen taphate hundaa deemee hordofeera jechuun ni danda'ama.
Yeroo Dembeeleen Baarseloonaa gales biraa hin hafne. Yeroo inni miidhamee ciisaa tures Diyaattaan bira jira. Umurii isaanii waggaa jahatti kan wal baran hiriyyoonni lameen har'as kunoo akka obbolaatti waliin jiraatu.
Musxafaa Diyaattaa gara hojii biizinasiitti galuun amma abbaa qabeenyaa taheera jedha odeeffannoo miidiyaaleen tokko tokko barreessan.
Osmaan Dembeelee Waancaa Addunyaa, Shaampiyoonsi Liigii dabalatee waancaa hedduu Baarseloonaa fi PSG waliin mo'ateera.
Badhaasa Ballon d'or mo'achuun ammoo abjuu isaa ijoollummaa guutummaatti dhugoomseerafi.

Madda suuraa, Fuula Ballon D'or












