Osoo haati warraakoo Kuulen hin jirtu tahe nan du'a ture- Wayinii Ruunii

Madda suuraa, Getty Images
Wayinii Ruunii osoo haati warraakoo Kuulen hin jirtu tahe nan du'a ture jechuun jireenya keessa darbe hime.
Taphataa duraanii Maanchister Yuunaayitidii fi dursaa taphattoota Ingilaandi kan ture Wayinii Ruunii yeroo taphataa turetti sababa araada dhugaatii alkooliin hedduu rakkachaa akka ture hime.
Wayinii Ruunii osoo haati warraa koo akka araada kana keessaa bahuuf nan hin gargaarre tahee nan du'a ture jedhe.
Wayinii Ruuniin Maanchister Yuunaayitidiif galchii 253 lakkoofsiseera. Bara 2021 kubba miilaa taphachuu irraa soorama kan bahe Ruuniin haadha warraa isaa Kuuleniin bara 2008 ture kan fuudhe.
''Dhugaan siin jedha. Osoo isheen na cina hin jirtu tahee silaa ani yoona du'een ture,'' jechuunPoodkaastii Rihoo Ferdinaand irratti dubbate.
''Jireenyakoo darbe keessatti dogogora hedduu galmaa'anii taa'an hojjedheera. Garuu yeroo sana amallikoo xiqqoo adda ture. Isheen garuu akkan milkaa'uuf waan kana hundaa dandeessee waggoota 20 darbaniif na gargaarteetti,'' jedhe.
''Hiriyyootakoo waliin bahee bashannanuu barbaadeen halkan isaan fudhadhee bahaa ture. Garuu isa eegameen olan tahaa ture.Haala sana keessattidha jireenyakoo keessatti araada alkooliin kanan rakkachaa ture.''
"Akkan namatti garagalee rakkoo itti tahaa ture hin yaannen ture. Nama kaanitti ba'aa tahuu hin barbaadun ture,'' jechuun hammam haati warraa isaa akka isa dandeesse dubbate.
''Guyyoota lamaaf walitti aanseen dhugaa ture. Achiin booda shaakala hojjedha. Gaafa torbee taphni gahu galchii lamaa fi isaa ol nan lakkoofsisa. Achii gaafan deebi'u ammoo guyyoota lamaaf wlaitti aansee dhugaatii irran ture.''
''Isheen [haati warraa isaa Kuulen] waan kana hundaa dandeesse. Isheetu itti gaafatama fudhatee akkan of to'adhu gochaa ture.''
'Nama calliseema dhugaa ooludha'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Wayinii Ruunii erga tapha kubbaa miilaa irraa yeroodhaan soorama bahee gara leenjisummaatti deebi'e. Ruuniin yeroo gabaabaa keessatti kileboota adda addaa leenjiseera. Garuu hin milkoofne.
Dhiyeenya kileba Piliimooz Argaayil jedhamu leenjisaa turuun kilebichi qabxii gahaa waan dhabeef isa gaggeesse.
Waggaa sadii dura 'BBC Breakfast' sagantaa jedhamutti yeroo dubbatu Ruuniin, araada dhugaatii alkoolii kana irraa kan ka'e ''Kuulen yerootti na dhiistee deemuu geesse ture. Garuu waan wal jaalannuuf walitti hafne,'' jedhe.
''Nama machaa'u hin turre. Garuu nama calliseema alkoolii baay'ee dhugaa ooludha. Yoon guyyaa lama boqoannaa argadhe guyyaa lamaan sana hundaa dhugaatiimanan dabarsa. Sana booda ofan gata. Ijikoo dhidhiita'a. Ancaaqqee [mastiikaa] afaan kaawwadhee, dhiqadhee deemee shaakala hojjedha. Dirree keessa takka fiigee shaakala hojjedhee galaan ture. Yeroo sana waan kilebnikoo ana irraa barbaadu kennaa hin turre.''
''Namootatti odeessaan ture. Waan kana gochuun na gargaareera. Akka miirrikee si gadhiisu godha. Ani dhiksachaa hin turre. Sana booda ijaarmaa deemta.''















