Waayinii Ruuniin suuraasaa miidiyaa hawwaasaa irraa poolisiitti gabaase

Madda suuraa, PA Media
Taphataan duraanii Maanchister Yuunaayitidii fi dursaan taphattootaa duraanii garee biyyaalessa Ingilaandi Wayinii Ruuniin suuraa isaa miidiyaa hawwaasaarra qoddamaa jiru poolisiif gabaasa godhe, jedhe abukaatoon isaa.
Suuraaleen miidiyaa hawwaasaa irratti baay'inaan qoodamaa jiru, leenjisaan Darbii Kaawontii Ruuniin, osoo dubartii eenyummaan ishee hin baramne tokko cinasaa jirtuu barcuma irra rafaa ture.
Suuraan kun yoom akka kaafame waanti beekame hin jiru. Ruuniin kachachaluu isaas waan agarsiisu biraan hin jiru. Bakka bu'oonni taphataa cimaa duraanii Yuunaayitid dhimmichi poolisiif gabaafamuu himan.
Haala suuraa sanaa irratti abukaatoon isaa yaada kennuu hin barbaanne. Dubbii himtuun Poolisii 'Greater Maanchister' dhimmichi isaanitti gabaafamuu '' hin barre'' jedhan.
Poolisiin Cheshaayir ammoo dhimmicha qorataa akka jiran himan.
Wayinii Ruunii tapha kubba miilaa Everteen keessatti kan jalqabe yoo tahu, umurii ganna 17 yeroo ture paawondii miliyoona 26'n Maanchister Yuunaayitid gale.
Ruuniin Yuunaayitiddf taphataa galchee hedduu lakkoofsise tahuun rikardii kan harkaa qabu yoo tahu garee biyyaalessaa Ingilaandiifis akkasuma rikardii Sir Boobii Charlitan cabsuun of halka galafateera.
Umurii ganna 17'n garee biyyaalessaa Ingilaandiif hiriiree taphachuufi galchii lakkoofsisuun taphataa umurii xiqqaan garee Ingilaandiif taphate tahee galmaa'eera.
Ruuniin osoo tapha kubba miilaa hin dhaabiin dura gara kilaba isaa duraanii everteenitti deebi'uunis kan taphate yoo tahu, amma leenjisaa kilaba shaampiyoonshiippii keessa taphatu Darbii Kaawontiiti.
Wayinii Maarki Ruunii haadha warraa isaa Koolin Ruunii waliin bara 2008 wal fuudhuun ijoollee afur horataniiru.













