Taphataan Maanchister Yuunaayitid duraanii Wayinii Ruunii leenjisaa taphattotaa Darbii Kaawuntii tahuuf

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan kilebii Darbii Kawuntii Mel Mooris taphataan internaashinaalaa Ingiliz fi Maanchister Yuunayitid duraanii Wayinii Ruuniin leenjisaa taphattootaa tahuun kilebii isaanii galuu akka danda'u himan.
Ruuniin Ameerikaa keessaa kilebii DC Yuunaayitid jedhamuuf kan taphataa jiru yoo tahu Ameerikaa irraa gara Landan imalee akka jirus ibsameera.
Waliigalteen turtii ykn Kontiraataa kilabii DC Yuunaayitid waliin qabu waggootni lama kan hafan yoo tahu guyyoota jijjiirraa lamaan hafan kanneen keessatti jijjiirraa isaa ni xumura jedhamee eegama.
Taphataan ganna 33 Ruuniin kilebicha gara dorgomaa cimaatti deebisuu danda'a jedhan Mel Mooris.
Darbii Kaawuntiin bara dorgommii xumurametti piriimerliigii galuuf tapha xumuraan Aston Viillaadhaan mo'amuun ture kan hafan.
Yeroo garee biyyaalessaaf taphataa turan miiltoo isaa kan ture Firaanki Laampaardi bara darbe Darbii Kaawuntii leenjisaa turuun bara kana immoo gara kilebii isaa duraanii Chelsiitti deebi'uun leenjisaa tahe.
Kilebiin isaa DC Yuunaayitid dilbata dhufu tapha jalqabaan LA Gaalaaksii keessummeessu.
Jijjiirraa taphattootaa biraan ammoo Riyaal Maadirid Pool Poogbaa Maanchister Yuunayitid irraa mallattesisuuf hanga sa'a xumuraatti yaalaa akka jirutu himama.
Yuunaayitid bakka Poogbaa eenyuun mallateesisuu danda'a?Kiritiyaan Eriksen, Totenaaham irraa, Milinkoo Saavich [Laaziyoo] Biruuno Fernaandez [Ispoortiingi Liisban] irraa fudhachuuf yaalaa akka jiru himama.
Taphataan sarara ittisaa Arsenaal Loorent Kooshiliniin gara Faransaay imaluu akka hin hafne ibsama.
Woolvis ammo Arsenaal yeroo dheeraaf mallateesisuuf barbaadaa kan ture taphataa sarara ittisaa Juuventas Daani'eel Ruugaanii mallateesisuuf gaafataa jiru.












