'Sababa dhugaatii lubbuu koo yookiin kan nama biraa balleessuu nan danda'an ture'- Waayin Ruunii

Waayini Ruunii

Madda suuraa, Getty Images

Taphataa beekamaa Ingilizii fi Maanchistar Yunaayitid kan ta'e Waayin Ruunii, yeroo tokko sababa araada dhugaatii alkoolii hamaa keessa seeneef lubbuu namaa yookiin kansaa balleessuuf akka ture hime.

Yeroo ammaa kilabii Darbii Kaawuntii jedhamutti leenjisaa kan ta'e Waayin Ruunii, sagantaa BBC Breakfast waliin turtii taasiserratti icciitii kana ifa baase.

Dookumantariin waa'ee seenaa Waayini Ruunii irratti xiyyeeffate yeroo dhiyootti akka gadi dhiifamus ibsameera.

Ruuniin sababa araada dhugaatii alkoolii fi rakkoo sammuu isa mudatee tureen yeroo dukkanaa dabarse yaadachuun, wanti baayyee sodaachisaa ture ''lubbuun namaa na harkatti darbuu/du'a'' ta'uu dubbateera.

Dogongoroota raawwatee darbe wayita yaadatu, dubartoota hiraarsuu yookiin dhuganii konkolaachisuu hanga lubbuu namaa balleessuutti ga'uuf akka ture dubbate.

''Bu'aa ba'ii jireenyaa akkasii keessa darbanii yoona ga'uun ni ulfaata,'' jedhe.

"Mataa kiyyaa fi maatii kiyya oolchuuf gargaarsa akka na barbaachisu nan beekan ture.''

Taphataa kubbaa miilaa ta'uusaatiin wantoota hedduu dubbachuurraa of qusachuun akka isa baasu yaadaa akka ture dubbate Ruuniin.

"Waggaa 10 fi 15 dura kutaa itti uffatan seenanii 'suusii dhugaatiin qaba, rakkoo fayyaa sammuun qaba' jedhanii dubbachuun waan hin yaadamne ture. Anis kana gochuu hin dandeenye.''

Fiilmiin dokumantarii 'Ruunii' jedhu gama 'Amazon Prime Video'n gadi dhiifameera.

Fiilmichi seenaa Ruunii daa'imummaasaarraa eegalee hanga jiruu leenjisummaa amma irra jiruutti kan qabateedha.

Fiilmii kana keessatti gochaawwan Ruunii ijoon ibsaman kamfaadha?

Ruuniin Eevartan seenee goolii jalqabaa erga galchee booda

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ruuniin Eevartan seenee goolii jalqabaa erga galchee booda

Qoccolloo reebichaa fi dhugaatii

Fiilmii kana keessatti Ruuniin ijoollummaasaatti nama amala gaarii akka hin turre ibsa, yeroo baayyee hookkara kan kaasu akka ta'etti seenesse filmichi.

''Wayita umriin kiyya waggaa 12 namaan walreebee ija koo haguuggadhee yeroon galefaan yaadadha.''

Gameessi kubbaa miilaan beekame kun ijoollummaasaatti bakkeewwan sirni garaagaraa itti qophaa'u deemuun hookkara kakaasaa akka turefaa hime.

Goolii jalqabaa Ruuniin Evartaniif lakkoofsise

Ruuniin bara 2002 yeroo duraaf addunyaatti of beeksise.

Guyyaa dhalootaasaa waggaa 17ffaa kabajuuf wayita guyyaan shan isa hafutti tapha Eevartan fi Arsenaal irratti goolii galcheen guddoo dinqisiifatame.

Bara sana Arsenaal taphattoota gameeyyii akka Tiyeerii Henrii, Paatrik Viyeeraa, Deeviid Siimaan fi Sool Kaampibeel of harkaa qaba, taphoota 30 keessummeesserrattis mo'amee hin beeku ture.

Taphattoonni kunneen yeroo sanatti taphattoota ciccimoo addunyaa ta'uu kan himu Ruuniin, taphasaan keessa jiranirratti goolii galchuun carroomuu hime.

"Taphni kun tapha dhumaa waggaa 16ffaa kootii ture. Animmoo waggaa 16ffaa kootti goolii galchuun qaba jedheen yaade,'' jedhe.

Jijjiiramee kan seene Ruuniin, yeroo sana waan sammuusaa keessa deddeebi'u tokkotu ture: ''Carraan argadheen eessaayyuu haa ta'u gara gooliitti dhiituun qaba,'' kan jedhuudha.

Taphni obba'uurra wayita ga'u Ruuniin kubbaa qabatee oofaa, Kaampibel ammoo duubatti jalaa siiqaa wayita duubatti deemu, Ruuniin battala kanatti kubbaa jabeessee gara gooliitti dhiite.

Gudisan Paark miila tokkoon dhaabbate.

"Maqaa kana yaadadhaa. Waayini Ruunii jedhama,'' jechuun namni taphicha ho'isaa ture Kilaayiv Teeldasli maqaa Ruunii addunyaatti labse.

Balleessaa Ruuniin hojjeteen Joon Teeriirra miidhaa guddaan ga'ee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Balleessaa Ruuniin hojjeteen Joon Teeriirra miidhaa guddaan ga'ee ture

Waggaa 18n taphataa collee addunyaa

Waayini Ruunii umriisaa waggaa 18 wayita ga'u waltajjii Awurooppaarratti taphataa cimaa ta'uun beekamuu eegale.

Bara 2004 Waancaa Addunyaa Poorchugaal qopheessiterratti dandeettiisaa haalaan mul'isus, tapha nuusa xumuraa irratti miidhamee dirree keessaa wayita ba'u, itti aansuun biyyi isaa Ingilizis dorgommicha keessaa yeroon galte.

Waggaa 18ffaasaatti kilaba taphattoonni gameeyyiin akka Ziinaddiin Ziidaan fi Tiyeerii Henrii keessa jiran-Garee biyyaalessaa Firaans waliin wayita biyyi isaa Ingiliz taphattu, dandeettiin inni agarsiise hamma yoonaa seenaa kubbaa miilaa keessatti yaadatama.

Taphattoota sarara ittisaa yeroo sanatti jiru jedhaman keessaa maqaansaa jalqabarratti kan ka'u Liiliyaam Tuuraam, dandeettii ajaayibsiisaa Ruuniin agarsiiseen danqamee uummata Awurooppaa duratti qaana'eera.

Tapha kana Ingiliz 2 fi 1n mo'attullee Henrii dabalatee taphattoonni gameeyyii hedduun dandeettii Ruunii ajaayibsiifataniiru.

Waayini fi Kooliin Ruunii

Waayini fi Kooliin Ruunii fiilmii kana keessatti waa'ee amanamuu dhabuu Ruunii ifatti seenessu.

"Bakka badaa akkan ture haqa. Kanarratti alkooliin yoo dabalamu ammoo tarkaanfii hin taane fudhatta. Bu'aa murtee kana fudhachuun ammoo dirqama ta'a. Ta'us haalli kun jaalalan Kooliiniif qabu hin hir'isne.''

Kooliin suusiin dhugaatii alkoolii Ruunii rakkoo hedduu fidee akka ture dubbatte.

Haati warraa Ruunii, kooliin akkamiin rakkoowwan mudatan waliin dubbatanii akka furaa turan fiilmii kana keessatti ni ibsiti.

Ruuniin haadha warraasaa waliin hariiroo gaarii akka qaban, haati warraasaa darbees akka hiriyaasaatti akka isaa tajaajiltu, ammammoo ijoollee afur akka waliin horan hime.

"Kooliin yeroo nagattee deemtefaatu ture. Garuummoo waljaallanna turre. Namootaanin mari'adhe. Akkas gochuun koo nagargaare. Waan keessa keenya jiru baasuun barbaachisaadha. Liqimsitee yoo teesse bulee ka'ee si miidha,'' jechuun haala dabarsan ibsa.

Waayini Ruunii fi leenjisaa isaa Aleksi Fargusan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waayini Ruunii fi leenjisaa isaa Aleksi Fargusan

Roonaaldoo waliin dubbii homaatuu hin qabun ture

Waancaa Addunyaa bara 2006 Poorchugaal qopheessiterratti wayita Ingiliz fi Poorchugaal taphatan Roonaaldoon kaardii keelloo argachiisuu ammallee yaadatu.

Taphi waancaa addunyaa kun yoomillee warra Ingiliziin kan dagatamu miti, nuusa xumuraaarratti Poorchugaal waliin taphachuun mo'amtee dorgommii keessaa baate.

Tapha kanarratti Ruuniin balleessaa Riikaardoo Kaarvaalhoo irratti raawwateen kaardii diimaadhaan dirreedhaa ba'eera.

Wayita Ruuniin balleessaa kana raawwatu taphataan kilaba tokko keessa waliin turan Roonaaldoon akkanni kaardii argatuuf murteessaatti wayita waywaatu mul'ateera.

Waayini Ruuniin tapha kanarratti erga dorgommii keessaa gaggeeffamee booda kutaa huccuu itti uffatan keessa seenuun akka of ceepha'e yaadata.

Taatee kana booda Roonaaldootti haaloo tokkollee akka hin qabannee fi xiyyeeffannoonsaanii tapha piriimiyerliigii irratti akka ture hime Ruuniin.

Taphattoonni ciccimoon addunyaa kunneen waggaa itti aanu waliin ta'uun waancaa piriimiyerliigii mo'ataniiru.