'Leenjiin keenya baayyee boodatti hafuusaatiin olaantummaan nurraa fudhatame'- Silashii Sihin

Silashii Sihin, Pirezidantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa

Madda suuraa, EBC SPORT

Pirezidantiin Federeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Silashii Sihin Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Tookiyoorraa wayita biyyatti deebi'an yaada kenneen ''qabxiin arganne Itoophiyaa hin madaalu'' jedhe.

''Haala gaariin qophoofnee ture. Waliigalatti garuu nu Itoophiyaa qabxii madaalu osoo argachuu hin danda'iin hafneerra'' jedhe Silashiin.

Gareen Atileetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa Addunyaa Tookiyoo irratti meedaaliyaa warqee tokkollee osoo hin argatiin hafe. Itoophiyaan meedaaliyaa meetii lamaafi nahaasa tokko walumatti meedaaliyaa sadii argatte.

Silashiin ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kenneen sababa qabxiin gad aanaan kun galmaaheef yoo himu ''keessumaa leenjiin keenya erga gareen biyyaalessaa diigamee booda waggoota saddeet darbaniif atileetota keenya meetira 100-10,000 hirmaataniif deeggarsiifi hordoffiin kamuu hin godhamne'' jedhe.

Dabaluunis ''leenjiin keenya baayyee boodatti hafuusaatiin addunyaan biroon nu caala leenji'anii waan dhufaniif olaantummaan nu harkaa fudhatameera.''

Hooggansi isaanii erga aangoo qabatee rerefu ji'a saddeet ta'uufi yeroo kana keessatti sirna leenjii haaraar diriirsuuf waan rakkateef isuma duriin itti fufuu isaatiin ''bu'aan kun galmaa'eera'' jedhe.

Ammoo ''atileetotaaf wantoota barbaachisa mara guutuuf yaalameera'' jedhe.

Silashiin uummata qabxii argametti mufate hojiidhaan kiisuuf akka yaalanis ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Uummatni Itoophiyaa waan barteesaa akka hin arganne ni beekama. Dorgommii kanarratti wantoota mudatan qorannee, yeroo gabaabaa keessatti hojii bal'aa hojjennee miidiyaaleefis uummataafis dhiyeessina. qabxii keenyas fooyyessinee uummata keenya kiisuuf yaalii goona.''

Qabxii Itoophiyaan dhihenya kana Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti galmeessite hordofee ogeeyyiin damee kanaa bakka rakkoon jiruufi furmaata isaarratti dubbachaa jiru.

Barsiisaafi leenjisaan atileetiksii Obbo Masarat Mangistuu atileetiksii Itoophiyaa keessatti 'caba guddaatu uumame, kufaatii guddaatu uumame' jedhan .

"Bu'aan argame abdii kan nama kutachiisuufi baay'ee kan nama gaddisiisudha" kan jedhan barsiisaafi leenjiisaan kun, kufaatii kanaaf wantoota madda jedhaniis tirtii afi-gaaffii BBC waliin taasisaniin kaasaniiru.

Gareen biyyaalessaa atileetiksii Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Tookiyoo irratti hirmaate meedaaliyaawwan meetii 2 fi naasii 2 qofa argachuun gara biyyaa deebi'an.

Garichi addunyaarraa sadarkaa 22ffaa, Afrikaa irraa ammoo sadarkaa 4ffaa qabachuun kan xummure yemmuu ta'u, biyyattiin ALA 1991 as yeroo jalqabaatiif meedaaliyaa warqee osoo hin argatin hafte.

Waggoota 15 ol hojii leenjistummaa atileetiksiirra kan hojjatanii fi ispoortii kan xiinxalan akkasumas Yunivarsiitii Salaaleetti barsiisaa kan ta'an Masarat Mangistu, "Akka ogeessa tokkootti bu'aa argametti baay'ee aareen jira. Abdii kan nama kutachiisudha" jechuun BBC'tti himan.

"Biyyi kun sadarkaa hammanaatiin gadi buutee hin beektuyyu. Seenaa keenya keessatti hammana salphattee hin beektu" jechuunis, bu'aan argame seenaa biyyattiin ispoortii atileetiksii keessatti qabdu kan hin madaalle akka ta'es dubbataniiru barsiisaa Masarati Mangistuu.

"Jalqabbii kufaatii"

Kufaatiin atileetiksii Itoophiyaa Olompikii Landan ALA 2012 adeemsifame irraa eegala jedhu barsiisaa fi leenjisaa Masarat.

Ciminni, dadhabinni, carraa fi gufuuwwan damee atileetiksii biyyattii keessa jiran qoratamuu dhabuun, bu'aan atileetiksii biyyattii gadi bu'aa adeemuusaaf sababa akka ta'es himu.

"Ijoollee xaarii isaaniin dhufanii Warqee tokko tokko fidanin of gowwomsinee, gadi fageenyaan xiinxala osoo hin hojjatiin as geenyeti," jedhan.

Xinxalli taasifamuu dhabuunsaas dameen kun namoota ogummaa qabaniin akka hin hogganamne taasisuu akkasumas dhaabbanni atileetiksii dagaagsuufi babal'isu akka dhabamu taasisuu himu.

"Inni biraan sistama hinqabnu. Osoo siistama qabaannee, sanada osoo qabaannee eessatti akka kufne adda baasnee ni beeknaayyu" jedhan.

Dabalataan kiraa sassaabdummaan atileetiksii Itoophiyaa keessa jiru qormaata isa biraa ta'uu kan himan ogeessichi, "Hogganaarraa kaasee hamma leenjisaatti, leenjisaarraa kaasee hamma atileetiitti walqabee jira. Ispoortii kanayyuu kan dhuunfaa godhanii yaadu" jedhan.

Dabaluunis "Atileetii tokko ni filatu, tokkommoo ni mufachiisu. Kan muufate biyya jijjiiratee biyya biraa dhaqa" jedhan.

"Akkamitti bokkaa keessatti qophoofta?"

Bu'aa gadi aanaa gareen atileetiksii Tookiyootti galmeesiseef rakkooleen waggootaaf harkifachaa dhufan sababa ta'anis akkaataan dorgommichaaf itti qopha'ames sirrii akka hinturre barsiisaafi leenjisaa Masarat himu.

Kunis haalli qilleensaa Tookiyoo hoo'aa ta'uunsaa osoo beekamuu atileetonni Itoophiyaa garuu magaalaa Finfinneetti qorra keessa shaakala gochaa turuu isaaniiti.

"Akkamitti bokkaa keessatti qophoofta? Tempireechari Finfinnee digiri seentigireedii 15 fi isaa gadi. Kan itti dorgoman (Tookiyoon) immoo 27fi isaa oli. Qaamni namaa kana akkamitti danda'a?" jechuun gaafatu.

Kana malees qophiin garee biyyaalessaa ogeeyyiin walitti dhufuun mariidhaan hojjetamuu kan qabu ta'us, amma garuu atileetonni dhuunfaadhaan qophaa'uu himan.

"Akkamitti biyya guddittii Abbabaa Biqilaa fi Haayileen itti biqilan kana dhuunfaadhaan qophooftee dandeessa bara ammaatiin?" jedhan.

Dabalataan miirri gareen hojjechuu garee biyyaalessaa Itoophiyaa keessaa dhabamuu kan himan ogeessichi, "anaaf jaalalli biyyaa dhimma gaafii keessa jirudha. Silaa namoota dhuunfaa qofarratti osoo hintaanee garicha keessatti mul'achuu qaba ture" jedhan.

Yaada furmaataa

Rakkoo atileetiksii Itoophiyaa mudateef furmaanni gadi taa'uun mariin eegaluu akka qabu barsiisaafi leenjisaa Masarat himu.

"Warri aangoo qaban akkuma siyaasaan gadi bu'anii mari'achiisan ogeeyyii hunda walitti fidanii, beektota sooramarra jiran walitti fidanii gadi teenyee yaa mari'annu" jedhan.

Itti aansunis imammataaf tarsiimoo akkasumas hojimaata atileetiksii qopheessuun diriirsuun akka barbaachisu himu.

"Mari'atanii tarsiimoofi kallattii baafachuudha. Yoo isa gochuu hindandeenye jijjiirama hinfidnu" jechuunis himan.