Silashii Sihiin mufii ummataaf deebii kennuu danda'aa?

Atileet Silashii Sihiin hooggansatti dhufuu dura Olompikiifi Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti irra deddeebiin shaampiyoonaa ta'eera
Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Silashii Sihiin hooggansatti dhufuu dura Olompikiifi Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti irra deddeebiin shaampiyoonaa ta'eera
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Hanga kutaa sagaliitti atileetiksii hin eegalle ture. Tura keessa garuu dirree falmii addunyaarratti Itoophiyaa bakka bu'ee irra deddeebiin mirgaan galee.

Kanneen atileetiksii Itoophiyaa hordofan Atileet Qananiisaa Baqqalaa faana bu'uun Olompikiifi Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti yeroo biyya boonsu isa beeku.

Eegasiis miidhama isa qunnameen fiigicha dhiisuun biznasa haadha warraasaa waliin eegalan hordofuufi waldaa atileetotaa hoogganuutti fuulleffate.

Rakkoo amma atileetiksii keessa jiru nama hubatudha. Innuu yeroo dubbatu ''waa baay'ee keessasaa nan beeka'' jechuun dubbata. ''Jiruu keenya hunda achi keessa dabarsine.''

Yerootti atileetiksiin Itoophiyaa birmannaa barbaaduttimmoo morkii cimaa booda Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa hoogganuuf filameera Atileet Silashii Sihiin.

Rakkoo bubbule, mufii ummataa, deeggarsa hanqate, kilaboota laafan, hoggansa adda faca'eefi rakkoon biroo jirutti ummata Itoophiyaa qabxii atileetiksiin mufii qabu garaa gahuuf hojii eegaleera.

Gaaffiin ijoo kunneen hunda deebisuu danda'a kan jedhudha.

Kana dura namni ispoortii keessa jiru haa hoogganu jedhamee Atileet Haayilee G/Sillaasee akkasumas Daraartuu Tulluun federeeshinicha hooggananiiru.

Waan milkeessanis, waan hanqisanis qabu. Atileetiksiin Itoophiyaa akka nama tokko qofaan rakkoo hin godhanne, nama tokko qofaanis hin sirratu jedhu kanneen itti dhiheenyaan hordofan.

Xiinxaltoonni dubbifne Silashiin yoo maal godhe akka milkaa'u, waan bitaas, mirgas jiru dubbatu.

Silashiin addatti BBC waliin turtii taasiseen yaaddos ta'e hawwii isaa dubbateera.

'Rakkina baay'eetu jira'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Silashiin jalqaba qabxii atileetiksii Itoophiyaa akkamiin hubata kan jedhu haa hubannu.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa, Fiigicha Mana Keessaa, Qaxxaamura biyyyaa fi kaan irratti gareen Itoophiyaa ''qabxii gaarii qaba, baay'ee gadi bu'aa miti,'' jechuun ibsa.

''Olompikiirratti qabxiin keenya kan gadi bu'e.''

Kanaafis sababni keessumaa qaamolee adda addaa waliin dhibdee ture jedheen ''ijoolleen keenya jeeqamaniiti qabxii kan dhaban,'' jechuun amana.

''Waliigalatti qabxiin keenya baay'ee gadi bu'aa miti. Garummoo kanaa ol argachuu dandeenya… irratti hojjetamuu qaba.''

Kanaaf, rakkinoonni ijoo furamuu qabu jettee yaaddu, dhimmoonni furuuf dursa kennitu maali?

Deebiin isaa ifa ture. ''Rakkina baay'eetu jira.''

Koreen hojii raawwachiiftuu kana duraa ''irra caalaa wal hin galaniyyuu'' kan jedhu Silashiin, filannoo tibbanaan waan kuni akka furame amana.

Koree isa dabalatee namoonni 11 jiran keessa Shaampiyoonaan Olompikii Atileet Masarat Daffaar dabalatee kanneen fiigicha keessa darbanis ta'e jaalala atileetiksii qaban jiru.

Waggoota lama dura Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti yeroo boo'an kan mul'atan Injinar Geetuu Garramoo Pirezidantii I/anaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa ta'aniiru

Madda suuraa, World Athletics/Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Waggoota lama dura Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti yeroo boo'an kan mul'atan Injinar Geetuu Garramoo Pirezidantii I/anaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa ta'aniiru

Injinar Geetuu Garramaw, Pirezidantii Itti-aanaa Federeeshinii Atileetiksii ta'un tajaajilu.

Dhimma koree olompikii ilaalchisee garaagarteefi wal himannaa mudatu furuuf, mootummaafi kaan ''akka tokkotti hojjechuu'' amana.

Atileetonni leenjii gaarii akka argatan, atileetonni bakka itti leenji'an waan hanqateef isa furuu, garee biyyaalessaa diigame deebisanii ijaaruufis yaada qaba.

Keessumaa gareen biyyaa diigamuun ''Baay'uma miidhe[qabxii biyyaa]. Hin ijaarra jedheetin yaada. Karoora akkasii qabna,'' jechuun hima.

Silashiin garuu fala fidaa?

Mohaammad Hebboo leenjisaa atileetiksiiti. Dorgommiin pirezidantii atileetiksii baranaa ''baay'ee cimaadha'' jedha. Inni kanneen filannoorratti sagalee kennan keessaati.

ALI Bara 2008 irraa kaasee yaa'iifi filannoo irratti hirmaachaa turuu kan himu Mohaammad, morkattoonni cimoo ta'u dubbata.

Pirezidantii Federeeshinii Atileetiksii ta'uufis nama jahatu dorgome. ''Asiin dura nama lama yookiin sadii'' kan dorgomu.

Seenaa yookiin wantoota hanga ammaa dalagan yeroo ilaalu ''baay'ee walitti dhihaataadha. Kanaaf wal dorgommicha cimaa taasisee jira'' jedha.

Sagalee 27 kenname keessaa Silashiin sagalee 11'n yoo injifatu, Atileet G/Igzaabiheer G/Maariyaam sagalee 9'n lammaffaa ta'e.

Mohaammad ''Silashiin rakkoo atileetiksii Itoophiyaa qofatti furuu hin danda'u. Deeggarsa qaama hundaa barbaada. Deeggarsa yoo qabaatemmoo rakkoo kana ni fura jedhameeti abdatama,'' jedha.

Gaazexeessaan ispoortii waggoota dheeraaf atileetiksii hordofaa jiran, Tashoomaa Qadiidaas yaada kanatti dhihaatu qabu.

Filatamuun isaa furmaata fidaa? jedhamanii yoo gaafatamn ''abdiin jiru sani,'' jedhan.

Waggoota dheeraaf Federeeshiniin atileetiksii Itoophiyaa namoota ispoortii keessa turaniin hoogganamaa hin turre jedhu.

Atileetotaan hoogganamuu kan eegale booda kana Hayileerraa eegaleeti.

''Atileetonni keenya fiigudha malee ogummaa bulchiinsaa baay'ee isaa waan hin beeknef kanaaf atileetiksiin keenya duubatti hafe'' jechuun himu.

''Silashiin mataan isaa atileetiksii Itoophiyaa bakka duriitti deebisa jechuun hin danda'amu,'' jedhu.

Pirezidantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir W/Giyoorgis hojii federeeshinii keessa seenaniiru jedhamanii atileetotaafi hooggantootaan qeeqi jabaa irratti dhihaachaa ture

Madda suuraa, Ministry of Culture & Sports

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir W/Giyoorgis hojii federeeshinii keessa seenaniiru jedhamanii atileetotaafi hooggantootaan qeeqi jabaa irratti dhihaachaa ture

Haa ta'u malee, Miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftuu ''tokko yoo ta'an'' milkaa'uu jedhu. Miseensonni kunneen ''baay'ee ciccimoodha'' xinxaltoonni lamaanuu.

Obbo Tashoomaan ''Tokko ta'anii akka nama tokkotti hojjeechiise Silashiin bu'aa gaarii fiduu ni danda'a, atileetiksiin keenya fooyya'uu hin danda'a,'' amantaa jedhu qabu.

Mohaammad gama isaan deeggarsi isaaniifi hawaasa atileetiksii yoo jiraate ''rakkoowwan atileetiksii hamma tokko furamuu danda'u jedhameeti abdatama. Guututti furuun baay'ee rakkisaadha.''

Mohaammad kilabii atileetiksiis waan hoogganuuf rakkoo kilaboonni qaban hubata.

Rakkoo filannoo fi rakkoo leenjiin walqabatan furuuf ''dambii bahe hojiirra oolchuudha,'' jechuun ibsa.

''Gidduu lixiinsa qaamolee adda addaa kanneen akka Olompikiifi namoota fedhii garaagaraa qabantu keessa lixuu ture. Kana ni salphisa jenneeti abdannee kan filanne.''

Atileet Silashiin gama isaan yeroo hojii kana seenu kaayyoon isaa ''Atileetotaaf wanta malu, atileetotaaf wanti sirraa'uu qabu isuma sirreessina jenneeti'' jechuun ibsa.

Atileetiksii Itoophiyaa bakka sadarkaa duriitti nan deebisa, mufii ummataaf deebii nan kenna jettee yaaddaa?

Yoo deebisu akkana jedha; ''Hin yaallakaa, qophaa kiyya miti.'' Isa dabalatee miseensonni Koree Hojii Raawwachiiftuu 11 jiru.

''Wanta biyya keenya madaalu ..deebisuudhaaf, yoo dandeenyes isaa ol hojjechuudhaaf hin yaalla jechuudha.''

Oromiyaa akkamiin dammaqsu?

Waggootaaf dirree wal tajjii addunyaarratti atileetonni biyya boonsan gara caalu Oromiyaa keessaa dhufani.

Sochiin Oromiyaa 'burqaa miti galaana atileetotaa ni taasifna' jedhus tureera.

Booda kana garuu sochiin atileetiksii naannichaa laafaa akka jiru, akkasumas kilaboonni diigamaa akka jiran kanneen itti dhiheenyaan beekan himu.

Pirezidantii Atileetiksii ta'uf Naannoo Oromiyaa bakka bu'ee kan dorgome Silashii Sihiin kana furuuf ''Duula guddaa barbaada,'' jechuun dubbata.

''Kan ta'uu qabu kilaboota haaraatu hundeeffamuu qabuyyuu. Garuu kan ta'aa deemaa jiru kan ijaaramaniyyuu bittinnaa'aa jiru.''

Dhimma kana furuuris Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa waliin ta'un qorannoon akka taasifamu, sanas bu'uura godhachuun falli akka barbaadamu hime.

Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ''nu deeggaru jedheen yaada,'' jechuun BBC'tti dubbate.

''Naannoo wajjiin sirriitti mari'anna. Kaka'umsa gaarii hin uumna jenneeti yaadna.''

Deeggarsi atileetotaaf taasifamu akka cimu akka dalagu dubbate.

Xurunash si gargaartii?

Atileet Silashii Sihiin fi Atileet Xurunash bultii ijaarratanii, ijoollees horaniiru.

Xurunash ammallee fiigicha hin dhaabne. Ishee waliin mari'attaa dhimma akkasiirratti? Hojii akkasiirratti si gargaartii? gaaffi jedhu gaafatamee ture.

''Lakki hin mari'adhu. Isheen baay'ee wanta akkanaa keessatti baay'ees galuu hin barbaaddu,'' jechuun BBC'tti hime.

Atileet Silashii Sihiniifi Atileet Xurunash Dibaabaa bultii ijaarratanii waliin ijoollee horaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Silashii Sihiniifi Atileet Xurunash Dibaabaa bultii ijaarratanii waliin ijoollee horaniiru

Shaampiyoonaan Olompikiifi Atileetiksii Addunyaa Atileet Xurunash ammallee fiigicha hin dhaabne. Erga deessee kaates fiigaatuma jirti.

''Biyya deeggaruu qabna. Atileetiksiin waan hunda nuuf kenneera. Rakkina keessa hoggaa galu alaala dhaabbannee ilaaluu hin qabnu jenneetuma itti galle.

''Garashiitiin deeggarsi baay'ee hin jiru, garuu anis baay'ee hin barbaadu.''

Silashiin eenyu?

Dhaloonni isaa Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Qimbibiit magaalaa Shanoodha. Guddinni isaas achuma. Achumatti baratees.

''Atileetiksiis achumatti jalqabe. Duraan kubbaa miilaa, ispoortii adda addaa keessatti hirmaadhayyuu. Kutaa sagalirraa eegalee gara atileetiksii gale.''

Achii aanaa bakka bu'ee godinatti, godina bakka bu'ee immoo naannootti dorgomaa ture.

Finfinneettis kilabii Qasta Daammanaa jedhamu seenuu isaa BBC'tti hime.

Atileet Silashii Sihiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 9ffaa Paaris irratti medaaliyaa meetii gonfate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Silashii Sihiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 9ffaa Paaris irratti medaaliyaa meetii gonfate

''Waggaa tokko erga achi tureen booda gara kilabii mana amala sirreessaa federaalaa seene. Hanga ammaa achin jira.''

Atileet Silashiin atileetota Itoophiyaa waltajjii addunyaarratti qabxii olaanaa galmeessan keessaa tokkodha.

''Olompikii laman qaba, Shaampiyoonaa Addunyaa immoo afur qaba.''

Olompikii irratti meetii lama, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarrattimmoo meetii sadiifi nahaasa tokko qaba.

Dorgommii garagaraas dorgomaa ture. Silashiin garuu dorgommii hin dorgomne tokko qaba.

''Maaraatoonii hin fiigne. Dhumarratti hojii biraan jalqabe, gara biznasattiin gale. Lukas xiqqoo na dhukkubaayyuu. Isumaaf jecha garasitti hin deemne.''