Paaraalimpiksii Paaris Itoophiyaan qabxii olaanaa irratti galmeessite

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Itoophiyaan Paaraalimpiksii Paaris irratti seenaa keessatti qabxii isa olaanaa galmeessite.
Atileetonni afur yoo kan isaan gargaaran waliin lakkaa’ame jaha ergamanii medaaliyaan sadii argameera; warqii lamaafi meetii tokko.
Riikardiin Olompikiis atileetiidhuma Itoophiyaan galmaa’eera.
Qabxiin kuni baay'ina warqiin qabxii Olompikiirratti Itoophiyaan galmeessite ni caala.
Paaraalimpiksiin waltajjii ispoortii addunyaa guddicha atileetonni qaama miidhaman irratti hirmaatanidha.
Atileetonni Itoophiyaa Paaraalimpiksii Paaris 2024 irratti sadanuu fageenya 1500m garuu damee garagaraan dorgomani.
Kunneenis hamma tokko ilaaluu kan rakkataniin, qaroo dhabeeyyii kan ta’aniifi miidhama qaamaa qabaniin dorgoman.
Atileet Tigist Gazzaahany 1500m T13 jedhamuufi hamma tokko ilaaluu rakkataniin dorgomtee Itoophiyaaf warqii injifatteetti.
Fageenyuma kanaan Paaraalimpiksii Paaris irratti warqii isa injifattes lammeeffatte.
Tigist atileetii Itoophiyaa jalqabaa Paaraalimpiksiirratti biyyaaf warqii argamsiistedhas.
Gama kaaniin damee qaroo dhabeeyyiin itti dorgomaniin nama ishee gargaaru waliin kan fiigde Yaayyash Geexee T11’dhaan medaaliyaa warqii injifatteetti.
Yaayyash warqii qofa osoo hin taane yeroon 4:27:68 itti seente Rikardii Addunyaati.
Akkasumas atileet Yittaayyaal Silashii 1500m T11’dhaan medaaliyaa meetii gonfate.
Itoophiyaan seenaa keessatti medaaliyaa hammanaa Paaraalimpiksiidhaan galmeessitee hin beektu.
Inumaa akka ragaan agarsiisutti Paaraalimpiksiirratti erga hirmaachuu eegaltee waggoota 44 boodadha medaaliyaama tokkollee kan argatte.
Tigist maal jette?
Tigist atileetota Itoophiyaa Paaraalimpiksiin dorgomaniif fakkeenyadha. Nan mo’a jettee eegdee turtee? Gaaffii BBC’n dhiheesseef ture.
''Hanga fiigicha ta’etti mirkana ta’un hin danda’amu. Hanga danda’u of qopheessen ture.''
Paaraalimpiksii Tookiyoo booda Paaris irrattis warqii lammataa kan injifatte Tigist ‘’mo’achuu kiyyaan baay’een gammade,’’ jechuun dubbatte.
Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Angolalaafi Xarraatti kan dhalatte Tigist, ALI Bara 2006 ture fiigicha kan eegalte.

Madda suuraa, Getty Images
Gidduutti adda kuttee deebi’uun bara 2009’tti kilabii atileetiksii Dabra Birhaan seenun leenjii ishee itti fufte.
Sadarkaa aanaafi godinatti hirmaachaa milkaa’aa boodarra gara Finfinnee dhufte. Kilaba Omeedilaa seenuun boodarra sadarkaa biyyaatti dorgomuu eegalte.
Baranas Paarisitti warqii lammataa galmeessuun ofiifis biyyaafis injifannoo labsite.
Qabxii 'rakkoo keessatti' galmaa'e
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Atileetonni Paaraalimpiksii Itoophiyaa haala mijataa keessa dorgomaa hin jirru, osoo deeggarsi jiraate kana caalaa milkoofna jechuun dubbatu.
Fakkeenyaaf Atileet Tigist Gazzaahany kan isheen leenjitu atileetota miidhama hin qabne waliini.
‘’Kaniin shaakalu kanneen miidhama hin qabnedha. Gudaaf (Atileet Gudaaf Tsaggaay) waliini kaniin shaakalu.’’
Haa ta’u malee, hundi akkana jechuu miti. Isheen fakkeenyaaf isaan waliin leenji’un akka ishee fayyade dubbatti.
‘’Miidhamnikoo gar-tokko waan ta’ef, hamma tokko ilaaluu waanan danda’uf namni yoo nabiraa fagaatuu baate arguu hin rakkadhu.
‘’Takka takka guggufadhus hiriyyoonni koo waan kana beekaniif na eegu. Na jajjabeessu. Kanaaf rakkoo tokko malee leenjii kiyya hojjetaan jira.
‘’Dorgommiin gaafa jiraate kanneen miidhama hin qabne dorgomanirratti nan dorgoma,’’ jette.
Rakkoon biraa atileetonni qaama miidhaman eeran hanqina dorgommiiti.
Atileetota Itoophiyaa 1,500m cimoo ta’a keessaa tokko Gudaaf Tsaggaayidha.
‘’Nama wayyoo qabu waliin yeroo hojjettu caalaatti dadammaqxa. Ani isaan waliin dalagee waan baay’een argadhe.
‘’Isaan waliin hojjechuu kiyyaan cimee hojjechuu akkan qabu, akkan nuffuu hin qabne abdii kutachuu hin qabnellee baradheera,’’ jechuun BBC’tti himte.
Atileet Tigist isheen kilaba seentee hojjettus atileetonni qaama miidhaman kaan garuu carraa akka ishee akka hin arganne himti.
‘’Ispoortiin qaama miidhamaa rakkoo baay’ee qaba. Ispoortii keessa qaama miidhamaa gosa garagaraatu jira.
‘’Isaan hundu akka kiyya carraa argatanii hojjechuun baay’ee ni cima.
''Atileetonni guutummaan guututti miidhama qaamaa qaban akka kiyya bosona keessa kanneen miidhama hin qabne waliin hojjechuu rakkatu.’’

Madda suuraa, Getty Images
Paaraalimpiksii Landan bara 2012 irratti leenjisaa paaraalimpiksii ta’un kan hirmaatan leenjisaa Wandimmuu Qannoo yaada Tigistiin waliigalu.
Itoophiyaa keessatti atileetota qaama miidhamaa ta'anif xiyyeeffannoon kenname xiqqaa ta’u himu.
Bakki leenjii, uffati ispoortii isaaniif ta’u akkasumas rakkoo bajataas akka qaban itti dhiheenyaan waan hordofaniif akka beekan BBC’tti himani.
Kanaafis rakkoon ijoo ‘’xiyyeeffannoon qaama miidhamtootaaf kennamu xiqqaa waan ta’ef ispoortichi Itoophiyaa keessa babal’achuu hin dandeenye,’’ jedhan.
Mootummaan dorgomtoota qaama miidhamaniif osoo ‘’xiyyeeffannoo maluuf kenneefi’’ qabxiin kanarra wayyu akka galmaa’uu danda’u abdatu.
Atileet Tigistis gama isheen rakkoo jiru akkanaan himti.
‘’Atileetonni harka isaan qabee fiigsisu ni barbaachisa. Sababa kanatti kan miidhama hin qabne waliin hojjechuu hin danda’an.
''Qofaa hojjechuufis leenjisaafi kilabiin isaan gargaaru ni barbaachisa. Kilaboonni Itoophiyaa keessa jiran atileetota miidhama hin qabneef hundaa’ani.’’
Akka Tigist jettutti, yeroo ammaa kilaboonni bakkeewwan muraasa jiran atileetii miidhama qabuufi hin qabne bakka tokkotti qabanii jiru.
Atileetonni qaama miidhaman keessumaa kilaba keessa turanii yeroo bahan kan isaan gargaaruufi simatu waan dhibuuf tokko tokko ‘’abdii kutatu. Ispoortii qaama miidhamaarratti rakkootu jira,’’ jette.
Kunis ta'u, atileetonni barana rakkoo kana keessa darbanii injifachuu isaaniin qabxiin galmaa’e ‘’gammachiisaa’’ akka ta’e dubbatu leenjisaa Wandimmuun.
Itoophiyaa fi Paaraalimpiksii
Itoophiyaan yeroo jalqabaaf Paaraalimpiksii irratti kan hirmaatte Paaraalimpiksii Teel Aviiv bara 1968 dorgomame irrattidha.
Eegasii Paaraalimpiksiirratti kan dorgomte bara 1976 dha. Qofaa isaa kan dorgomees Abirahaam Habtee ture.
Waggoota afur booda 1980’tti Paaraalimpiksii Nezarlaandis dorgomameerratti Itoophiyaa bakka bu’ee dorgomeera.
Eegasii waggoota dheeraaf Itoophiyaan Paaraalimpiksii gubbaa hin hirmaanne. Paaraalimpiksii Ateens Bara 2004 irratti atileetiin tokko hirmaate.
Paaraalimpiksii Beejing irratti atileetonni Itoophiyaa dorgoman lama ta’an.
Atileet Tasfaalam Gabruu Paaraalimpiksii Beejingitti 5000m gosa dorgommii T-46'n dorgomee afraffaa waan xumureef medaaliyaa hin arganne.
Itoophiyaan waltajjii kana irratti yeroo jalqabaaf medaaliyaa kan argatte Paaraalimpiksii Landan Bara 2012 dorgomameerrattidha.
Atileet Wandiyyee Fiqree T46 jedhamuun 1,500m dorgomee meetii injifate.

Madda suuraa, Getty Images
Paaraalimpiksii Riyoo 2016 dorgomameerratti Itoophiyaan atileetota 5 ergite.
Kanneen keessaa Taammiruu Damissee 1,500m’n meetii biraa biyyaaf galmeesse.
Itoophiyaan seenaa ishee keessatti Paaraalimpiksiin warqii kan mo’atte Paaraalimpiksii Tookiyoorrattidha.
Akkuma duratti ibsame kan warqii biyyaaf injifatte Tigist Gazzaahanyidha.
Akkuma Abbabaa Biqilaan Olompikiirratti warqii jalqabaa injifate, isheenis Tookiyootti injifachuun ofiifis biyyaafis seenaa dalagde.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad ''Itoophiyaan sitti boonteetti'' jechuun ishee jajan.
Paaraalimpiksii Paaris 2024 dorgomameerrattis Tigist warqii dabalataa fiduun Itoophiyaan qabxii olaanaa akka galmeessitu gumaachiteetti.
Itoophiyaan walumaagala Paaraalimpiksii Paaris irratti warqii lamaafi meetii tokko fiduun biyyoota addunyaa keessaa sadarkaa 44ffaan xumurte.












