Paaraalimpiksii Tookiyoo: Atileet Tigist Gazzaahany yeroo jalqabaaf warqii fidde eenyu?

Madda suuraa, David Fitzgerald
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo, Nairobi
Guyyaa sambataa seenaa Paaraalimpikii keessatti Itoophiyaan yeroo jalqabaaf atileet Tigist Gazzaahany Mangistuudhaan medaaliyaa warqii argatteetti.
Tigist dubartii Itoophiyaa jalqabaa waltajjii ispoortii addunyaa guddicha atileetonni qaama miidhaman irratti hirmaatanirratti paaraalimpikiidhaan medaaliyaa argattedha.
Atileetiin ganna 21 kuni fiigicha 1500m T13 kan ijaan ilaaluu rakkoo qaban irratti dorgoman kanaan 4:23:24'n xumuruun morkattota ishee fagootti dhiistee galte.
Atileetiin fageenyichaan abbaa rikardii Paaraalimpikii taate atileetiin Tuuniziyaa Somaya Bousaid sadaffaa yoo baatu, atileetiin Ameerikaa Liza Corso sakandii torba ta'u Tigistirraa fagaattee lammaffaa baate.
Tigist gulaallii dorgommichaallee tokkoffaa ta'un xumurte. Yeroon itti xumurte isheef yeroo saffisaa yoo ta'u, riikardii Paaraalimpikiirraa sakandii lamaan qofa xiqqaate.
''Erga gulaallii fiigne booda akkan fidu (warqii) mirkanan ture,'' jechuun atileetota kaan waliin walbira qabuun ga'umsa gaariirra akka turte dorgommii booda ETV'f dubbatte.
Itoophiyaan Paaraalimpikii Tookiyoo adeemsifamaa jiru irratti Taammiruu Kaffiyaalaw, Tigist Gazzaahanyiifi Gammachuu Amanuu hirmaachifte.
Guyyaa kaleessaa dorgommi kana erga irra aante booda Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee ergaa bara gammadde dabarsaniiru.
Atileetiin kuni eenyu?
Dhaloonni Atileet Tigist Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Caaccaadha.
Akka gabaafametti taanaan atileetiin kuni durumaa warqii fiduun seenaa Abbabaa Biqilaa qooddachuu akka barbaaddu himaa turte.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Isteediyeemii Olompikii Tookiyootti injifachuun ofiifis biyyaafis seenaa dalagde.
Atileetiin Itoophiyaa jalqabaa Olompikii gubbaa biyyaafis ta'e Afrikaaf warqii fide Atileet Abbabaa Biqilaadha. Kunis Olompikii Room bara 1960 irratti ture.
Dorgommiin kuni dorgommii guddicha atileetiin kuni injifatteefi dorgommii idil-addunyaa lammataa irratti hirmaattedha.
Tigist kana dura Paaraa Atileetiksii Addunyaa baatii Bitootessa keessa Tuuniziyaatti qophaa'e (World Para Athletics Grand Prix) fageenya walfakkaataan injifachuun shaampiyoonaa taatetti.
Atileetiin kuni fiigicha mana barumsaatti kan eegalte yoo ta'u atileetiin fakkeenya godhatte Xurunash Dibaabaadha.
'Itoophiyaan sitti boonte'
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad injifachuu atileetii kanaa booda ergaa dabarsaniin, baga gammadde jechuun ''Itoophiyaan sitti boonteetti'' jechuun fuula tiwiitaraa isaanii irratti barreessani.
Haaluma walfakkaatuun Pirezidantiin Itoophiyaa atileetota gaggeessanii gara Tookiyoo ergan Saahilawarq Zawudee ergaa baga gammaddan dabarsaniiru.
''Baga gammadde/gammanne. Waqtii qormaatni jiru kanatti oduu garaa nama gahu lammiileekeef ergiteetta,'' jechuun ibsan.
Itoophiyaafi Paaraalimpikii
Akka marsariitiin Paaraalimpikii Tookiyoo agarsiisutti Itoophiyaan yeroo jalqabaaf Paaraalimpikii irratti kan dorgomte Paaraalimpikii Teel Aviiv bara 1968 dorgomame irrattidha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Itoophiyaan Paaraalimpikii irratti hanga ammaa medaaliyaa meetii lama qofa argattee turtuus, Paaraalimpikii baranaa irratti garuu yeroo jalqabaaf warqii argatte.
Medaaliyaa jalqabaa kan argatte bara 2012 Paaraalimpikii Landanitti yoo ta'u, Atileet Wandiyyee Fiqruutu 1500m T-46 jedhamuun meetii argate.
Isa dura Tasfaalam Gabruu Paaraalimpikii Beejingitti 5000m gosa dorgommii T-46'n dorgomee afraffaa waan xumureef medaaliyaa hin arganne.
Medaaliyaan lammataa, meetii, kan Taammiruu Kaffiyaalaw Paaraalimpikii Riyootti 1500m T13'n argatedha.














