Miidhama qaama: Osoo isheetti hafeera tahe jechaa deessisan

Qaama miidhamtoota

Madda suuraa, Getty Images

Dorgomtuu cimtuufi beekamtuu dorgommii Paralimpik ykn Olompikii qaama miidhamtootaa lammii Keeniyaa Aan Waafulaa Stiraayik seenaa jireenyashee kitaabaa fi fiilmii dookimentariidhaan dhiyeessaa turtetti.

Umuriishee waggaa lamaan ture dhibee Pooliyoon qabamtee bu'a bahii jireenyaa hedduu booda milkaa'inashee ammaa kana goonfachuu kan dandeesse.

Akkuma Aan Itoophiyaa keessa hanqina qaamaa kan qaban hedduun jiraatanis, ofiisaanis tahe hawwaasa keessatti akkamiin ilaalamu laata?

Carraa barumsaa fi hojii argachuu keessa bu'aa bahii jireenyaa isaan mudatu akkasumas ilaalchi hawaasni isaaniif qabu jijjirameeraa laata? kan jedhu mee haa ilaallu.

Qaama miidhamtootaafi Itoophiyaa

Harkasaa tokkoo fi miillasaa lamaan irraa miidhama kan qabu Anduwaalem Kebbedee, akka carraa tahee qaama miidhamaa tahus, maatiin irraa dhaladhe irraas tahe naannoon keessatti guddadhe irraa miidhamni na mudateeru hin jiru jedhe.

Inuumaayyuu akkan qaama miidhamaa tahe hin yaadadhu jedha.

Haa tahu malee hiriyyootnisaa hanqina qaamaa garagaraa qaban dhiibbaa garaagaraaf akka saaxilaman yeroo hedduu akka irraa dhagahaa ture himeera.

Malaakuu Takilee, Giddu Gala Misooma Qaama Miidhamtoota Itoophiyaa keessatti Daarikteera Olaanaa tahuun tajaajila.

Bakkaa bakkatti socho'uuf kiraanchii kan fayyadamu yoo tahu, namootni hir'ina qaamaa qaban carraa hojii fi misoomaa iddooowwan garaagaraatti akka argataniif akka hojjetan hima.

Dhaabbatichi namootni hir'ina qaamaa qaban tajaajila fayyaa, barnootaa fi hawwaasummaa hunda keessatti akka haammatamaniif hojjeta.

Hojjettoota isaa 48 keessaas namootni 20 hir'ina qaamaa kan qaban yoo tahu, isaan keessaas 19 dhalaadha.

Dhaabbatichatti Immabeet Girmaa qindeessituu Piroojektii barnoota hunda hammatuu [Inclusive Education] yoo taatu, qaama midhamtootni 50% tahan tajaajila jiru hunda keessatti fayyadamoo akka tahaniif hojjenna jetti.

Hanqina odeeffannoo fi tajaajila mijataa

Walgahii tibbana dhimma qaama miidhamtootaaf taa'ame irratti rakkoon ka'e tokko, lakkoofsi namoota hanqina qaamaa qabanii sirriitti beekamuu dhiisuu isaati.

Addunyaarraa namootni miiliyoonota tahan hanqina qaamaa qaban jiraatanis ragaan Dhabbatni Mootummota Gamtooman bara 2011 baase 15 % kan tahan biyyota guddataa jiran keessatti argamu jedha, jedhan Obbo Malaakuu Takilee .

Akkasuma Immabeet daa'imman dhalatanii mana keessatti dkokfamanii guddataniifi hawwaasarraas qoollifannaan isaan mudataa ture baay'een akka jiran himti.

Kun qaama miidhamaa hundarra kan gahu tahus dubartoota irratti garuu ni hammaata jetti. Mana keessaa bahuun hin eeyyamamuuf, akka waan bu'aa hin qabne tokkootti ilaalamu, otuma kana keessaa bahaniiyyuu naannoon keessa jiraatan mijataa hin tahuuf jetti.

Odeeffannoo gahaa dhabuu fi gahumsa dhuunfaa isaanii irrattis ofitti amanamummaa dhabuun akkamalee akka miidhaman godheera jetti.

Rattaa Getaachoo biyya Ingiliz magaalaa Liidsitti barnoota sadarkaa lammaaffaasaa [MA] qaama miidhamtoota irratti hojjechaa kan jiru yoo tahu addunyaan kun namoota hanqina qaamaa hin qabneef qofa mijattee kan uumamte fakkaatti jedhe.

Obbo Rattaan qaama miidhamaa tahuu baatus tajaajiloonni akka daandii fi diinadgee biyyaallee, qaama miidhamtoota giddugaleessa godhachuun miti kan hojjetaman jedha.

Fedha fooniifi qaama miidhamummaa

Ogeessotni fayyaa hawwaasa keessaa kan bahan tahaniillee namootni hanqina qaamaa qaban fedha wal qunnamtii saalaa olaanaa qabu kan jedhanii fi wal qunnamtii saalaaf gahumsa hin qaban kan jedhan akka jiran Obbo Malaakuun himu.

Obbo Rattaanis wal qunnamtii saalaa ilaachisee dubartootni hir'ina qaamaa qaban hanga ulfa hin barbaachisneef saaxilamanittillee miidhaan irra gahu akka jiru ibsan.

Tahus amma Itoophiyaa keessa dhimmi ariifachiisaan Kanaan wal qabatu hin jiru, sababni isaas dura hiyyumaa fi ofiisaanii mo'achuu qabu ilaalchi jedhu waan jiruuf jedha.

Barattuun maqaan ishee akka ibsamu hin barbaanne tokkos dirqiin gudeedamtee ulfaa'uun qaamnishee ulficha baachuu dadhabus deessee mucaashee akka haammatte himte.

Kanaaf kan geesse garuu deeggarsa namoota hedduun yoo tahu , yeroo gara mana yaalaa dahumsaaf geessanillee maal taha osoo isheetti hafeera tahe jechuun, jecha sammuu namaa tuqu dubbachaa tajaajilaa akka turan dubbatti.

Akkuma addunyaattiyyuu hojiiwwan qaama miidhamtoota fayyadamtoota gama hundaa gochuuf hojjetamuu qaban akka jiran namootni dubbisnee kunnen dubbataniiru.