Paaraalimpikii Tookiyoo: Itoophiyaan atileetota sadii irratti hirmaachifti

Agitoon jechun hiika ''socho'uu nan danda'a'' jedhu qabu yoo ta'u mallattoo Koree Olompikii Idil-addunyaati

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Agitoon jechun hiika ''socho'uu nan danda'a'' jedhu qabu yoo ta'u mallattoo Koree Olompikii Idil-addunyaati

Paaraalimpikiin Tookiyoo kan atileetonni qaama miidhamtoonni irratti hirmaatan gaafa Kibxataa yeroo lakkoofsi namoota Covid-19'n Jaappaanitti qabaman dabalaa jirutti ni eegala.

Taphoonni baranaa akkuma Olompikii sababa weeraara koronaavaayirasiin waggaa tokko dubbatti harkifateera. Barattoota muraasa qofatu dirree seenee daawwachuu danda'a.

Kunis, taphoota kana duraa turanirraa adda taasisa. Tookiyoon magaalaa jalqabaa Taphoota Paaraalimpikii yeroo lammataaf qopheessitedha.

Yeroo jalqabaaf bara 1964 atileetonni 375 biyyoota 21 irraa walitti dhufanii dorgoman qopheessite.

Dorgommii baranaan atileetonni 4,400 koreewwan Paaraalimpikii biyyaalessaa 162 irraa dorgommii medaaliyaan 539 itti argamu, gosa ispoortii 22'n dorgomu.

Sirni baniinsaa har'a waaree booda erga eegale booda dorgommiin Roobii jalqabee guyyoota 12'f tura.

Itoophiyaafi Paaraalimpikii

Akka marsariitiin Paaraalimpikii Tookiyoo agarsiisutti Itoophiyaan yeroo jalqabaaf Paaraalimpikii irratti kan dorgomte Paaraalimpikii Teel Aviiv bara 1968 dorgomame irrattidha.

Itoophiyaan Paaraalimpikii irratti hanga ammaa medaaliyaa meetii lama qofa argatte, warqii argattee hin beektu.

Medaaliyaa jalqabaa kan argatte bara 2012 Paaraalimpikii Landanitti yoo ta'u, Atileet Wandiyyee Fiqruutu 1500m gosa dorgommii T-46 jedhamuun meetii argate.

Isa dura Tasfaalam Gabruu Paaraalimpikii Beejingitti 5000m gosa dorgommii T-46'n dorgomee afraffaa waan xumureef medaaliyaa hin arganne.

Medaaliyaan lammataa kan Taammiruu Kaffiyaalaw Paaraalimpikii Riyootti 1500m'n argatedha.

Saffisni yeroo atileetonni afran dorgommii Taammiruun dorgomeerratti galmeessan kan Olompikiirratti dorgomanii xumuraniin ni caala. Kunis, cimina atileetota Paaraalimpikii kan agarsiise ture.

Itoophiyaan Paaraalimpikii Tookiyoo irratti atileetota sadii hirmaachiifti. Sadan keessaa tokko atileetii waggaa shan dura Paaraalimpikii Riyoorratti medaaliyaa meetii argatedha.

Taammiruu Kaffiyaaloon medaaliyaa meetii 1500m gosa dorgommii T13'n meetii argatuus akkuma Fayyisaa Leellisaa haala siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru mormuun mallattoo mormii agarsiise.

Akka Atileet Taammiruun akka BBC'ti himetti Pirezidant Saahilawarq atileetotni sadii qofti akka isaan ''gaddan'' dubbachuufi xiyyeffannoo bal'aan akka itti kennamu dubbataniiru

Madda suuraa, Office of the President, Ethiopia/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Taammiruun akka BBC'ti himetti Pirezidant Saahilawarq atileetotni sadii qofti akka isaan ''gaddan'' dubbachuufi xiyyeffannoo bal'aan akka itti kennamu dubbataniiru

Boodarra atileet Gammachuu Taasisaa waliin waggoota lama turanii biyyatti deebi'an. Medaaliyaan Kaffiyaalon yeroos argate medaaliyaa tokkicha Riyootti Paaraalimpikiin biyyattiin argattedha.

Atileetonni lamaan biroo biyya bakka bu'an Gammachuu Amanuufi Tigist Gazzaahanyidha.

Atileetonni taphoota baranaaf imaluun dura Pirezidantiin Itoophiyaa akkuma kana duraa isaan gaggeessaniiru.

''Yoo danda'ame warqii yoo ta'u baate medaaliyaa sadan keessaa tokko biyya kiyyaaf fideen deebi'a,'' jechuun Taammiruun BBC'tti himeera.

Qophiin baranaa akka waggaa shan dura Riyoof taasisan ni gahu jechuun kan dubbatu atileetiin kuni ''alaabaa biyyaa uffatanii dorgommii irratti hirmaatun qofaa isaa waan guddaadha,'' jechuun dubbata.

Tookiyoofi Covid-19

Lakkoofsi namoota Covid-19'n Tookiyoofi naannawa magaalattiitti qabaman dabaluurraan kan ka'e ammallee labsii yeroo muddamaa akkuma jirutti jira.

Guyyuu qorannoon Covid-19 atileetotaaf ni taasifama, maaskii godhachuufi walirraa hiiquun dirqamadha.

Meeshaawwan fakkeenyaaf kanneen wiilcharii qaama miidhamtoonni itti fayyadaman yeroo yerootti saanitaayizariin akka qulqullaa'u ta'a.

Sababa weerara vaayirasichaan imalli waan dhorkameef biyyoonni Odola Paasifiik gara Tookiyoo imaluu hin dandeenye.

Atileet Taammiruu Damisee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Taammiruu Kaffaalo dorgommii 1500m'n Paaraalimpikii Riyootti meetii argate

Taalibaan Afgaanistaan to'achuu hordofees atileetonni Paaraalimpikii Afgaanistaan lama dorgommii keessaa bahuuf dirqamaniiru. Ta'us, sirna baniinsaa irratti alaabaan isaanii ni mirmirfama.

Dorgommii kana irratti gareen baqattootaa jaha ni hirmaatu.